Hubadhu ✉️
• Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu!
• Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef.
• Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi!
• Gaarummaan ati har'a hojjattu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!
• Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef.
• Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti.
• Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin!
• Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.
• Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.
• Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef!
• Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin!
• Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi!
• Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef.
• Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u!
• Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi! 🔣🔣
@Barruu_Beektotaa 📔