Forward from: Dubartii Ogeettii
Obboleettii koo akka jaalatamtuuf, akka ilaalamtuuf, akka dhagahamtuuf ofii kee hin saaxilin. Ati uumama kabajamtuu, Waaqni jaalatee, kabajee, bareechee si uume dha. Uumama jaalala Waaqaa qabdu, kan Waaqaan eegamtu, naman dhagahamuun, dhagahamuu dhabuun kan isheetti hin hoo'isne/hin qorrisiisne Waaqni ishee uume akka ishee dhagahu beektu dha.
Maaloo, daqiiqaa yartuuf utuma barruu kana dubbistuu waa'ee kee takkaa yaadi mee. Ati kufaatii, dhaba, rakkina, jibba, reebicha, dhiphina, yaadota kufaatii kan siin morman, ilaalcha guddina kee faallessan si marsanii jiraniin oli dha. Ati bareedina gogaa isa Waaqni siif kenne sanaan oli dha. Waan Waaqni siif kenneen gammadii Waaqa galteeffadhu malee miirri of tuullummaa/of jibbuu sitti hin dhagahamin.
Ati hammam jabduu akka taate of agartee? Eeyyeen ati jabduu dha. Ati bareedduu dha. Ati hubattuu dha. Ati Ogeettii dha.
Dubartii Ogeettii🌹