Coba Yaadaa๐Ÿ’ง


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Art


โœ๏ธ Maxxansa, Sagaleewwanii fi barruuwwan nama sissi'eessan, Seenaa barsiisoo fi barruuwwan gaggabaaboo asirraa ni argattu.
โœ๏ธ Kan isinitti tole hiriyoota keessaniif qooduu hin dagatinaa.

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Art
Statistics
Posts filter


๐Ÿซ€๐Ÿซ€ ๐Ÿ’” Onnee kee qulqulluu jaalala sobaatiin hin faalin! Gorsi gabaabaan kuni... Itti Fufaa dubbisaa

๐Ÿ‘‰ ๐Ÿ‘‰ See More
ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย  See More


โฐ Eeggannoo fi turtii Jaalalaa keessatti,... See More


โค๏ธ Jaalalli Onnee irraa maddu mallattoolee 5n beekama,...โžก๏ธ See More

๐Ÿ’ฌ Gammadii, gammachiisi! Jireenya kee keessatti haalota si mudatan hundumaa gammachuutti jijjiiruuf qabxiilee 10 kanneen hordofi,... ๐Ÿ‘‰ See More
ย 
ย ย ย ย ย ย ย ย ย  ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
ย ย ย ๐Ÿ‘‰ See Moreย  ๐Ÿ‘ˆ
ย ย ย ๐Ÿ‘‰ See Moreย  ๐Ÿ‘ˆ
ย ย ย ย  ย ย ย ย ย  ๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†


๐Ÿšฉโž–๐ŸŽ† BAGA NAGAAN DHUFTAN๐ŸŽ„๐Ÿšฉ

๐Ÿ‘‹ Channelee filatamoo kanneen hin qabdan taanan gadi tuquudhaan join, follow taasisaa!

โ•”โ”“โ”โ•ฆโ”โ”โ•ฆโ”“โ•”โ”“โ•”โ”โ”โ•—
โ•‘โ”—โ”›โ•‘โ”—โ”โ•ฃโ”ƒโ•‘โ”ƒโ•‘โ•ฏโ•ฐโ•‘
โ•‘โ”โ”“โ•‘โ”โ”โ•ฃโ”—โ•ฃโ”—โ•ฃโ•ฐโ•ฏโ•‘
โ•šโ”›โ”—โ•ฉโ”โ”โ•ฉโ”โ•ฉโ”โ•ฉโ”โ”~


๐Ÿ”ต Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!

โ”ƒ
โ— Join All Channel โ—
โžฟโžฟโžฟโžฟโžฟโžฟ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Gaggeessummaa ๐Ÿฅ‡
โ”ƒ_
โ”ƒ @Barruu_Beektotaa ๐Ÿ—ฃ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Reading_PDF ๐Ÿ“š
โ”ƒ_
โ”ƒ@Arara_tv_world_wide โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@JCP_CHURCH ๐Ÿ›ฐ
โ”ƒ_
โ”ƒ@marsiltvworldwide ๐Ÿ“บ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Gaaela_Gaarii ๐ŸŽ€
โ”ƒ_
โ”ƒ@Singer_Megertu_Official ๐ŸŽค
โ”ƒ_
โ”ƒ@Yerusaalem_Haaraa ๐ŸŽ™
โ”ƒ_
โ”ƒ@Kakuu_Studio ๐Ÿ“บ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Lebamsett ๐Ÿ’”
โ”ƒ_
โ”ƒ@Spiritual_PDF โœ…
โ”ƒ_
โ”ƒ@Coba_Yaadaa ๐Ÿ”ต
โ”ƒ_
โ”ƒHariiroo Jaalalaa ๐ŸŒท
โ”ƒ_
โ”ƒ@Computer_Soln ๐Ÿ–ฅ
โ”ƒ_
โ”ƒResearchers Review โ˜๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Getu_Official โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Facts_and_quotes123 โค
โ”ƒ_
โ”ƒ@MIIRA_JECHOOTA โ€ผ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Seenaa_Tube โญ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Sona_Official1 ๐ŸŒน
โ”ƒ_
โ”ƒ@kutannoo123 โœŠ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Walaloo_Faaruu๐ŸŽ™
โ”ƒ_
โ”ƒ @Spritpoem ๐Ÿ””
โ”ƒ_
โ”ƒ@DirreeGN โ–ถ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Walaloo_hafuuraa24 ๐Ÿ˜€
โ”ƒ_
โ”ƒ@Kii_Sii โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
โ”ƒ_
โ”ƒ@Naar_dos ๐Ÿง”
โ”ƒ_
โ”ƒ@Daandii_Guddinaa โ™จ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒOro Inspire Center โœŠ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Walaloo_Jaalalaa24 โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ kottaakolfaa ๐Ÿ˜‚
โ”ƒ_
โ”ƒ@Dhimma_Fayyaa ๐Ÿ’Š
โ”ƒ_
โ”ƒ@Gorsa_Ganamaa โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@AsoosamaafiWalaloo ๐Ÿ“œ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Afoola_Oromoo24 โœ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Walaloo_jaalalaa24 โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Kutannoo123 ๐Ÿ“Œ
โ”ƒ_
โ”ƒ @top_books_store ๐Ÿ—‚๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Gech_pdf ๐Ÿ“š
โ”ƒ_
โ”ƒ @MarsilTvWorldWide ๐Ÿ’ข
โ”ƒ_
โ”ƒ@gaggeessummaa24๐Ÿ•–
โ”ƒ_
โ”ƒ@miira_jaalalaa โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@hariiroo_jaalalaa โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Online_job724 ๐Ÿ’ฐ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Amharic_proverb โŒ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Maaranaataa_Yesuus โœ‰๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ @Dirree_Faarfannaa โž•
โ”ƒ_
โ”ƒ@Now_speak_English โš™
โ”ƒ_
โ”ƒ@revealjesus ๐Ÿ“•
โ”ƒ_
โ”ƒ@Spoken_English24 ๐ŸŽ“
โ”ƒ_
โ”ƒPlumbing Work ๐Ÿšฐ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Academy_365๐Ÿ˜€
โ”ƒ_
โ”ƒ@gitim_alem โž–
โ”ƒ_
โ”ƒ@ethioacadamic โœ๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@haadha_manaa_ogeettii โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@DayStarBooks ๐Ÿ“š
โ”ƒ_
โ”ƒ@Gaggeessummaa ๐Ÿฅ‡
โ”ƒ_
โ”ƒ@xinsammuu1 ๐Ÿ˜€
โ”ƒ_
โ”ƒChristian Living ๐Ÿ“–
โ”ƒ_
โ”ƒKottaa Kolfaa ๐Ÿ˜
โ”ƒ_
โ”ƒ@Diraamaa_Hirkoo99 ๐Ÿ“ท
โ”ƒ_
โ”ƒ@oro_liverpool_fc ๐Ÿ…
โ”ƒ_
โ”ƒ@Walaloo_Faaruu ๐Ÿ“ฑ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Dirree_Faarfannaa ๐ŸŽธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@academic_research_center๐Ÿ“•
โ”ƒ_
โ”ƒKottaa Kolfaa ๐Ÿ˜
โ”ƒ_
โ”ƒGoal Tv ๐Ÿ”
โ”ƒ_
โ”ƒ@Jaala_Dhugaa โœ‰๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ Best Classicals ๐ŸŽง
โ”ƒ_
Garee Telegram Banaa
โ”ƒ ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โ”ƒ_
โ”ƒ@Daandii_Guddinaa ๐Ÿ”Š
โ”ƒ_
โ”ƒ@caaffata_qulqullaaa ๐Ÿ“–
โ”ƒ_
โ”ƒ@research_helping ๐Ÿ“
โ”ƒ_
โ”ƒ@orotv24 ๐Ÿ“บ
โ”ƒ_
โ”ƒ@learningtips123 ๐Ÿšธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@graphicsmaker123 ๐Ÿงฉ
โ”ƒ_
โ”ƒ@gaggeessummaa_com ๐Ÿ””
โ”ƒ_
โ”ƒ@real_Madridfc123 8๏ธโƒฃ
โ”ƒ_
โ”ƒ@gaaela_gaariifamily ๐Ÿงพ
โ”ƒ_
โ”ƒ@dubbiilee_hayyootaa ๐Ÿ’ก
โ”ƒ_
โ”ƒ@dirree_bohaartii ๐Ÿ˜€
โ”ƒ_
โ”ƒ@Dargaggootaaf1 ๐Ÿ‘ญ
โ”ƒ_
โ”ƒ@haadhamanaaogeettii โค๏ธ
โ”ƒ_
โ”ƒ@Afoola_Oromoo24 ๐Ÿชถ

โ”ƒ_
โžฟโžฟโžฟโžฟโžฟโžฟ
โ— Join All Channels โ—

โ”ƒ@hopepromotion ๐ŸŽบ
โ”ƒ@bittaafigurgurtaachannel ๐Ÿ˜€

Contact: @Getu_Abera โ˜‘


โœ Dhalli namaa albuuda gita hin qabne kan Waaqni kenneef qabatee dachee kana irra jiraatu dha. Namoonni naannoo kee jiran hundinuu albuuda gosa adda addaa qabatanii jiraatu. Ati ofii keetii, naannoo keetii adunyaa dhaaf albuuda guddaa dha.

โœ Qaroominni seera Waaqaa fi safuu fi safeeffannaa hawaasaa eegudha.
Amalli waan baayyee beekamaa dha. Amalli jireenyaa garuu beekamaa miti.

โœ Fageenyi namni dachee waliin qabu fagoo dha. Dhiyeenyi Waaqni dhala namaa waliin qabu dachaa hedduu hamma dachee waliin walirraa fagaatu dha.

โœ Namni utuu jiruu afuuraan ni du'a. Namni afuurri isaa due akka dibbee sagalee qofaa dhageessisuuti. Namni afuurri isaa du'e homaanuu ol hin jedhu.

โœ "Namootni ilaalcha badaa qaban jannata keessattuu rakkoo tarreessuu fi namootaa fi wantoota himachaa/komachaa dogoggorawwan hedduu argaa jiraachuu danda'u."

โœ Rakkinni qoraasuma jireenyaa lubbuu qabeeeyyii hundaa ti.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


๐Ÿ“Œ Guddaa ta'anii uumamanii xinnaachuu/xinnummaa keessa jiraachuu, waan guddaa hojjachuu utuu danda'anii waan xixinnoodhaan gaadi'amanii jiraachuu, galma guddaa qabaatanii galma maleessummaa ta'uu, dachee bal'aa irra jiraachaa lafa martaa'aa ta'een of daangessanii jiraachuu, guddummaa Waaqni namaaf kenne xinnummaan/salphina hamaadhaan faaluu; jaalala jibbaan, gorsa arrabsoodhaan, ulfina salphinaan, bareedina busheessuun bakka kennuufii irraa Waaqni nu haa oolchu!

๐Ÿ“Œ Dachee kana irratti namni qabeenya Waaqa ti. Qabeenyi sun immoo qabeenya sammuu jedhamu tokko kennameefi jira.

๐Ÿ“Œ Sammuun namaa humna maashaalee gurguddoo jabina gurguddaa qaban hedduu humna hoogganuu ni qaba. Sammuun buqqee mataa keenyaa keessaa iddoo muraasa kan qabattee jirtu garuu hojii guddaa hojjachuu dandeessu dha. Sammuu namaa hamma xinnoo qaba garuu waan guddaa hojjachaa jiraata.

๐Ÿ“Œ Sammuun hojii hojjachuu qabdu hojjachuuf daangessawwwan lafeewwan buqqee mataa sanaan hin daangoftu, dhangala'oowwan ishee marsaniin jiraniinis hin daangoftu hojii daanga'a darbartee hojjachaa jiraatti.

๐Ÿ“Œ Uumama guddaan guddisee uummate wantoota, haalota ittiin akka ofii keenya daangessinee jiraannuuf nu hin jajjabeessine keessatti daanga'aa jiraachuun nama hin barbaachisu.

๐Ÿ“Œ Namni uumama guddaa dachee kanaa ti.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ




๐Ÿ“Œ Namni uumama gatii jabeessa dachee kana irra jiraatu dha. Namni uumama Waaqni addatti aarsaa kaffaluufi dha.

๐Ÿ“Œ Namni dandeettii, cimina, qabeenya akka kennuuf uumaan uumamaan namummaa nama tokkoof kenname tokko irraa qooddachuu kan danda'u nama isa nama beeku qofa dha.

โœNamni kanniisa qabu tokko damma isheen dammeessitu kan argachuu danda'u yoo kanniisa sanaa haalaan qabuu/kunuunsuu danda'e dha.


โœMasaanqoon meeshaa muuziqaa sagaleewwan lakkoofsaan bira hin ga'amne uumuu/dhageessisuu dandeessu dha. Namnis uumama dinqii kennaa Waaqni kenneef hedduu qabu dha.

โœ Kompiitarri yookiin moobayilli itti fayyadamaa jirru faayidaa hedduu kennuu waan danda'u dha. Kompitarri barruu bareessuu irra kan darbe hojiiwwan gurguddoo hedduu ittiin hojjachuuf kan fayyadu dha. Faayidaan waan tokkoo kallattii lamaan ilaalamuun murteeffamuu danda'a. Innis kallattii fayyadamaa fi abbaa omishaatiin. Fayyadamaan meeshaa sana irraa hamma beeku qofaa fayyadamuun maalummaa fi hojii waan sanaa ibsuu danda'a.

๐Ÿ“Œ Wantootni har'a harka keenya irraa qabnu kanneen hojii isaan nuuf hojjachuu danda'an, wanta irraa ooluu dandeenyu kan daangessu abbaa fayyadamu sana dha. Fakkeenyaaf akka moobayilli bilbiluu fi bilbila bilbilame kaasuu qofaaf itti fayyadamuun tajaajila biroo nuuf kennuu danda'u utuu hin fayyadamin hafuu jechuu dha.

๐Ÿ“Œ Abbaan omishaa yookiin qaamni madda yaada waan sanaa ta'e garuu dhuma/ gahuumsa/dandeettii guddaa/hangafaa waan sanaa waan beekuuf waan hojjachuu danda'u hunda ibsuu fi ittiin fayyadamuu ni danda'a.

๐Ÿ“Œ Namni qabeenya Waaqni dhalootaaf/nama biraaf/ofii isaatii akka itti fayyadamu jedhee kenneef qabatee du'u hedduu dha. Dhiibbaa alaa fi keessaa irraa kan ka'e namni hamma tarkaanfachuu qabu, nama ta'uu qabu, hamma gahuu qabu, waan qabaachuu qabu nama daanga'aa ta'ee jiraatee dachee kana irraa akka darbu ta'a. Kuni immoo waan qabatee dhufe faayidaa irra utuu hin oolchin balleessuu fida.

Gitaarri iddoo fi haala ogeessi isaa qindeesseen sagalee dhageessisuu dandeessu dhageessisti.


Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


๐Ÿ“Œ Iddoo ofii kee hin argannetti of hin barbaadin.

๐Ÿ“ŒJireenyi boqonnaa gargaraa qabdi. Kutaa jireenya keetii keessaa boqonnaa gurraacha sana keessatti of kee hin tursiisin.

๐Ÿ“Œ Eenyummaan keenya dhugaa sakaallawwan/gufuuwwan jireenya guyyaa guyyaan jiraannuu duuba jira.

๐Ÿ“Œ Sodaan kee guddaan eenyummaa kee dhugaa dhoksee jira.

๐Ÿ“Œ Gammachuun hangafaa Waaqaan namaaf kennama.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


Forward from: Dubartii Ogeettii
Bareedinni kee baayyota duratti fudhatama qabaatee isaan muraasa biratti kufuu danda'a. Akkasuma isaan muraasaan fudhata qabaatee hedduu biratti immoo tuffatamuu danda'a.

Dhugaa guddaan tokko garuu, fuula Waaqaa duratti namni fokkisaan hin jiru.

Dubartii Ogeettii๐ŸŒน


Say Thank you!

Isaan kaleessa si gargaaran,
Isaan kufaatiin mana baruumsaa ta'uu sitti himan,
Isaan kufanii hafuun kufaatii akka tahe si barsiisan,
Isaan ati nama moo'ichaa akka taate sitti himan,
Isaan akka si cinaa jiran sagalee isaanii si dhageessisan,
Isaan ati nama guddaa akka taate sitti himuuf duubatti hin jenneen...

Say Thank you!

Isaan qarshiidhaan si gargaaran,
Isaan humna isaaniin si gargaaran,
Isaan beekumsa isaaniin si gargaaran,
Isaan yaadaan si gargaaran,
Isaan fayyuu madaa keetitiif sibira dhaabbatan,
Isaan uffata kee irraa awwaara sirraa rurrukutan,
Isaan "Jabaadhu!" siin jedhan,
Isaan beeluu fi dhebuu si baasan,
Isaan karaa irraa si kaasaan,
Isaan imimmaan ija kee irraa siif haxaa'an.

Say Thank you!

Isaan amma si bira jirra siin jedhan,
Isaan borus sibira jirra siin jedhan,
Isaan yeroo kamiyyuu haala kam keessattuu si waliin jirra siin jedhaniin...

Say Thank you again!

Haalota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Namoota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Fayyaa dhaba kee kaleessaan, Nagaa dhabuu kee kaleessaan,
Dhaba kee kaleessaa hundumaan...

Say Thank you!

Ofii keetiin galatoomi jedhiin.
Waaqa keetiif galata guddaa dhiyeessi.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


โœWanti sirratti ta'aa jiru waan ta'uu qabuuf ta'aa jira.
โœDon't be in another person shoes; have your own shoes.
โœDon't allow your self to live once definition.
โœThe gap between you and you is the real you.
โœNamni Waaqa/Uumaa isaa waliin walii galuu danda'u nama kamiyyuu waliin walii galuu ni danda'a.
โœ Michuu keenya eenyu caalaa waan kam irraa ofitti dhiyoo taasifachuu kan qabnu Waaqa/Uumaa dha.
โœ Ofii keenya nama biraa waliin wal dorgomsiisuun waan fuulduratti nu deemsisu kan fakkaatu garuu, saffisa guddaadhaan duubatti akka kufnuuf karaa guddaa jireenya keenya keessatti saaqaa deema.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


Forward from: Dubartii Ogeettii
Obboleettii koo gatiin kee guddaa dha. Gatiin kee:
โœ๏ธ Qabeenyaan hin madaalamu
โœ Gogaa fuulaa keetii, uffannaa ati uffattuun, haala jireenya kee alaan ofii kee irratti dabaaltuun hin madaalamu.
โœ Nama waliin jiraattu, jiraachuuf jirtuunis hin madaalamu.
โœ Fungachuu fi konkolummaa funyaan keetiin hin madaalamu
โœ Gatiin kee furdinaa fi haphina qaama keetiin hin madaalamu.
โœ Maatii irraa dhufteen, hawaasa keessatti guddatteen, keessa jiraattuun hin madaalamu.
โœ Dubartummaa kee miti.
โœ Dandeettii, hubannaa, beekumsa, kee miti.

๐Ÿ“Œ Ati nama nama irraa yookiin dubartoota irraa adda taate miti. Nama tuuta namummaa jalatti tuuta dubartii keessa jirtu dha.

๐Ÿ“Œ Gatiin namaa iccitii dha. Gatii kee namummaa keessatti eeggadhu. Gatii kee waan baduun, waan kufuun, harca'uun, darbuun hin madaaliin.

๐Ÿ“Œ Gatii kee kan argattu harka namaa irraa, haalota keessa, yeroo keessa, si harkas miti. Gatiin kee harka Waaqa jira. Ati ishee fuula Waaqaatti gatii jabduu qabdu dha.

๐Ÿ“Œ Bara dachee irra jiraattutti gabaa qajeelummaan, jaalalli, nageenyi, araarri, simboon namummaa, tola ooltummaa, arjummaan, eebbisuun itti bitamee gurguramu ba'uu/bituu yookiin gurguruu hin dhiisin.

Dubartii Ogeettii๐ŸŒน


Jireenyi project Waaqni nama hundumaaf bara dachee irra jiraatu keessatti namaaf kennee dha.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


Forward from: Dubartii Ogeettii
Adunyaan kun dirree barattootaa fi barsiisota hedduu gosa barnootaa tokko itti baranii irraa darbani dha.


Dubartii Ogeettii๐ŸŒน


Forward from: Ethio Book Review
Oduu Gammachiisaa!
Kitaabni ๐–๐š๐š๐ช๐จ๐จ ๐†๐ž๐ž๐ญ๐š๐š๐œ๐ก๐จ๐จ (#Hirkoo) ๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐š ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐ฎ๐ฎ jedhu PDF'n qophaa'ee karaa diijitaalaa isiniif dhiyaatee jira. Biyya keessas ta'ee kanneen biyya alaa jirtaan haala salphaan marsariitii keenya irraa bitattanii dubbisuu dandeessu.

Argachuuf liinkii kana fayyadamaa:
https://www.ethiobookreview.com/book/mirga-ajjeesuu-janko-getachew


Namoota ibbidda jibbaa afaan kaa'atan, isaan uffata hammeenyaa uffatan, isaan ulee balleessuu qabatan irraa fagaadhu.

Namummaan uffata bittaa qarshii malee, hawwa malee, yaaddoo malee namni tokko nama ta'uu isaa qofaaf Waaqni uffata taasisee kenneefi dha.


Jireenyi namaa abdii keessa dhokkattee jiraatti.


Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


Gaa'elli iddoo itti ija dunuunfatanii seenanii erga keessa lixanii banatan miti!

Baayyeen keenya ija dunuunfannee itti seennee eenyummaa nama sanaa fi maalummaa gaa'ela sanaa utuu hin barin gaafa itti lixnee arginu akka hin fudhanne nu taasisan ni jirra. Gaa'elli gola nama beekan beekanii itti hin xumurre dha. Dachee kana irratti namni iddoo itti walitti dhiyeena dhiyoo qabu; akka barsiisa kitaaba qulqulluutti immoo kan namoonni saala faallaa lama nama tokko ta'an gaa'ela keessatti dha. Maarree, namoonni kun tokko haa ta'anii/jedhaman malee guyyaadhaa guyyaatti walii isaaniitiif haaradha, waan aara walii isaanii irraa baratu. Gaa'elli mana baruumsaa umurii dachee irra jiraannu keeessatti barataa jirannu dha. Gaa'ela keessatti kan kabajamuu/eegamuu/kunuunfamuu qabu nama jaalannee waliin jiraannu utuu hin taane gaa'ela qaama lamaan walitti hidhee jiru sana dha. Qaamni lamaan itti gaafatamummaa qixa ta'e gaa'ela sana eeguuf/kunuunsuuf/tiksuu keessatti qabu. Gaa'elli tokko kan diigamu yeroo namoota gaa'ela sana utubanii akka waliin jiraataniif kennameef keessaa tokko yookiin lamaan isaanii dirqama bahachuu qaban bahachuu dhiisani dha.

Gaa'elatti yeroo seenan ija dunuunfamaan; jecha jaalalli jaaamaa dhaa jedhamu waan dhugoomsu fakkaatuun itti seennamee guyyaa itti seenname immoo ijji jaalalaa jaame banamu fakkaatuun erga keessa seenanii ija itti banatan miti.

Gaa'elli dhaabbata guddaa waaqayyo dachee kana irratti saala faallaa lamaaf; dhiiraa fi dubartiidhaa kenne dha. Gaa'ela nama jaalannutu nuuf kenna faallaa kanaa nama jaallannuuf kennina utuu hin taane Waaqatu kenna.

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


Dachee kana irraa wanti dhaabamuu/dhowwamuu hin danda'amne nama dha.

Dhoksaa fagoon keessoo namaati. Uumamaan namni iddoo hiixatamee hin gahamne, ilaalamee hin argamne iddoo dhoksaa tokko qaba.

Namni kamiyyuu nama biraaf qofa utuu hin taane ofii isaatiifuu dhokataa dha. Namni Waaqa/Uumaa isaa jalaa qofa dhokachuu hin danda'u.

Meeshaan waraanaa inni waa balleessu akkasuma humna waan gaarii qabu dubbii namaa ti.
Namni uumama addaa yeroo tokkotti waan hedduu yaaduu danda'u dha.

Namni yaada akka hin yaadne irraa dhorkuun hin danda'amu. Sammuun namaa galaana yaadatiin guutamee ummame.

Gatiin namaa kan madaalamu gatii Waaqni namaaf kennuuni dha.

Nama jechuun waan ijaan ilaalaanii oli dha. Namni uffata miti, dubbiis miti, oolmaa isaas miti. Namni foon ijaan ofirratti, nannoo keenyatti, nama keenya keessatti argu sana miti. Tokkoon tokkoo isaan sanaa meeshaa namummaa nama sanaa kan nama jechisiisu tokko baatanii socho'aniiti. Boci ofirratti arginu kun nama nu hin jechisiisu. Isaan boca dha. Boci sun immoo baattoo namummaa nama tokkooti.

Namni waan hin mul'atne garuu, kan argamu tokko qaba. Namummaan namaa namaan, namaafis ifatti hin hubatamu.

Nagaa guddaa qabaadhaa!

Coba Yaadaa ๐Ÿ’งโœ๏ธ


๐Ÿ“Œ Namni Waaqa irraa araara kan argatu nama biraatiif araara taasisuu yoo danda'e dha.

๐Ÿ“Œ Bu'aa ba'iin jireenya keessa jirru kamiyyuu hammam guddaa ta'us nuti guddina rakkoo sanaa oli dha.

๐Ÿ“Œ Waaqni waan nuti baachuu hin dandeenye nuuf hin kennu.

๐Ÿ“Œ Baduu/kufaatii/du'uu/raakama/ rakkina namaatti ni gammadda yoo ta'e ati nama fayyaa faakkaatu garuu, dhibamaa dha.

๐Ÿ“Œ Namni of jaalatu nama biraas jaalachuu qaba.

๐Ÿ“Œ Namni du'uu nama biraaf fiigicha tolu gufuu badiinsa sosocho'aa namoota dura bu'u ijji namoota hedduu ilaaltu fi ijji muraasni argitu dha.

๐Ÿ“Œ Hamaa ta'ee namni dhalate kamiyyuu hamma hin jirretti hamaa ta'anii jiraachuuf wanti nama dirqamsiisuu hin jiru.

๐Ÿ“Œ Adunyaa/dachee tokko kan taasise Waaqa dha.

๐Ÿ“Œ Iyyi ollaa keenyaa akkuma nu jeequ gammachuun isaaniis nu gammachiisuu qaba.

๐Ÿ“Œ Adunyaan kun namoota mirga isaanii baayyee beekanii fi dirqama isaanii hedduu dagan baayyee baattee jiraatti.

๐Ÿ“Œ Namni kan jiraatu jaalatee qofa utuu hin taane dirqama dha. Jireenyi/jiraachuun dirqama dha.

๐Ÿ˜ณ Dhiironni waan tokko ibsuuf jechoota muraasa fayyadamu; dubartootni waan walfakkaataa sana ibsachuuf jechoota hedduu fayyadamu.


๐Ÿ“Œ Beekumsi kan Waaqa ti.

Beekumsi Waaqni namaaf kennu hin badu , hin dulloomu, hammeenya hin qabu, hin moofa'u/barri itti hin darbu. Beekumsi Waaqaan namaaf kennamu hubattee madda isaa guutummaatti dhuunfachuuf sammuu keetii ol ta'a, dacheedhaa olitti darba, hiixatanii bira hin qaqqabani, yaadaniis hin argatani, qaari'uun humna hubannaa/yaada namummaatii olitti darba. Beekumsi Waaqaa humna qaba, hin argamu garuu immoo waan argamu sochoosa.

Beekumsa Waaqaa dhuunfaatti fudhattee ifatti/baayyota fuulduratti immoo hojjata.

Beekumsi Waaqaan namaaf kennamu haalaan/wantootaan/yaadan hin daanga'u. Beekumsi Waaqaan kennamu yaada sammuu namaa oli dha.

๐Ÿ“Œ Maddi beekumsaa guddaan Waaqa dha.

20 last posts shown.