#Maaliif_of_nyaachaa_jiraatta!
Barri dhala namaa muramaa dha. Waan akka qilleensaatti shuf jedhee darbu wayiitis. Guyyaan murameef gaafa ga'u, sekoondota baay'ee shishifii ta'an namni umurii isaa irratti dabalachuu danda'u hin jiraatu. Hafuura baafannaan, argansuunis, harka waaqayyootiin to'atama.
Utuu biyyi lafaa kun hinuumamin fuula dura, umurii nuuf qoodame sana xumurree hamma keessaa deemnutti, dacheen kun bu'aaba'iidhaan guutuu dha. Halkaniifi guyyaa, ifaafi dukkana, argachuufi dhabuu, gadduufi gammaduutu wal namatti jijijjiira.
Akka gaddanitti hinhafani; guyyaa biraan ammoo gammachuu baadhatee nama eeggata. Yeroof yoo dimimmisaawuu irra darbee dukkanaa'e iyyuu, bari'uun isaa waan hinoolleef ifni dinqisiisaan isaa dhufee dukkana sana iddoosaatii ari'ata.
Ribuun namaa altokko tokkoo ni laafa; deebi'eemmoo jabaata. Biiftuun waan lixxe fakkaatee, abdiin namaas dhidhimee waan humna dhaban yoo fakkaatu iyyuu deebi'ee lata.
Dhalli namaa abbaasaa ofbaafateef boo'aa, ilmasaa dhalatuuf ammoo kolfaa jiraata. Galgala tokko irbaata gaddaa, halkan itti aanu ammoo guyyaa dhirsa misirroo waliin gammadanii kolfantu wal namatti gegeeddara. Siree lafeen namaa cabee irra ciisanii wal'aanaman irratti niitii ofii waliin ammoo gammaduuf jiru. Biyyuma lafaatu akka kana dha.Waan ta'uu hinbarbaanne ta'anii jiraatu.
Namni ati sooressa; irraa hafaattis jiraata; jettee yaaddu, ba'aa isa kankeetii caalu baadhatee daandii mataasaatii irra gulufuutti jira ta'a. Altokko tokko, ati Si'ool, warri biroon ammoo Xiyoon waan jiran sitti fakkaata ta'a. Haala ati keessa jirtutu akka sanatti akka ati yaaddu si godha. Haata'u malee, namni addunyaa kana irra jiraatu hundumtuu dadhabbii mataasaa ni qabaata.
Hundumtuu akka akka humnasaatiitti waan itti aadaa jiraatu golasaa keessaa qaba. Namni ati uffata keessatti ilaaltee akkasaa ta'uuf dharraatu sun, gara manasaatti galee gaafa uffatasaa ofirraa baasu, namummaan isaa akka awwaala nooraa gati jabeessa dibameeti.
Jireenyi namoota baay'ee irra dibaadha malee dhugaa sitti hinfakkaatin. Kanaafiyyuu ofiikeetti, waan ofarkaafi ofbiraa qabduttis gammadaa ta'i. Akka tasaatti gara biyya lafaa kanaa dhufte; akka tasaattis deebitee deemta.
Karoora uumaa keetiitiin argamte; isumaanis gara lafa deebi'anii hindhufteetti godaanta. Rakkinas haata'u bal'ina dhiiftee deemuuf jirtuuf jettee of hin nyaatin. Har'a, amma, bara jireenyakee guutuus gammadaa ta'i.
https://t.me/Gorsaa_Ganamaa