Posts filter


Barnootawwan 10n kitaaba "Humna Naamusaa" jedhu kan Daani'eel Waalter barreesse irraa fudhatame:

1. Naamusni garaagarummaa milkaa’inaafi kufaatii gidduu jirudha.

2. Of to’achuun bu’uura naamusaati. Kaayyoo kee galmaan gahuu yoo barbaadde miiraa fi fedhii kee to’achuu barachuu qabda.

3. Jabinni sammuu kan mo'attoota mo'amtoota irraa adda baasudha. Jabinni sammuu qaamaan cimaa ta'uu osoo hin taane, cimina yaadaa qormaata keessa darbuu nama dandeessisu qabaachuudha.

4. Naamusa guddifachuuf walitti fufiinsaan irratti hojjachuun furtuudha. Guyyaa guyyaan hojiitti jijjiiruu qabda.

5. Naamusa guddisuun adeemsani. Waan halkan tokkotti ta'u osoo hin taane, imala obsa, cichoominaa fi of kennuu barbaadudha.

6. Milkaa’inni mudaa kan hin qabne ta’uu osoo hin taane, guyyaa guyyaan galma kee bira ga’uuf tarkaanfachuudha. Yeroo wanti ulfaataan si muudatetti illee gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufuudha.

7. Sammuun maashaa akkuma maashaalee qaama kamiiyyuu leenji'uu qabudha. Jabinni sammuu sammuu kee hanga daangaa isaatti dhiibuu irraa dhufa.

8. Waan guddaa tokko galmaan gahuu yoo barbaadde wareegama baasuuf fedhii qabaachuu qabda. Naamusni waan gara fuulduraatti caalaatti barbaadduuf waan amma barbaaddu kennuu gaafata.

9. Sababeessuun diina naamusaati. Yeroo hundumaa waan tokko hojjachuu dhiisuuf sababni ni jiraata, garuu karaa kamiinuu ta'u hojiitti jijjiiruun sirratti hundaa'a.

10. Naamusni adabbii osoo hin taane, kennaa ati ofiif kennitudha. Jireenya itti boontu uumuu fi abjuu galmaan ga'uuf furtuudha.

Waan dubbistaniif galatoomaa!
Join and share
https://t.me/Gorsaa_Ganamaa




Waan takkaa argattee hin beeyne argachuu yoo barbaadde,waan takkaa gootee hin beeyne godhuu qabda.
Share gochuu hin dagatiinaa
👇👇


https://t.me/Gorsaa_Ganamaa


🔵"mallattoon nama guddaa irraa calaqqisu jaalalaa fi kabaja, gadi ofdeebisuu,..▶️ See More

✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

            👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
           ⬇️
➡️ See More
      See More


Of irratti hojjechuun,...
1. Kaayyoo kabajamaa, ulfina qabeessaa fi jireenya hawaasummaaf bu’aa buusu hordofuu.
2. Amaloota kaayyoo kabajamaa sanaaf mijatan irratti hojjechuu.
3. Naamusa kaayyoof malu gonfachuudha.
🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Namni garaa isaa "beelaaf obsa barsiise" eenyuufuu hin mo'amu! Injifataa dha.💪

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


#Maaliif_of_nyaachaa_jiraatta!

Barri dhala namaa muramaa dha. Waan akka qilleensaatti shuf jedhee darbu wayiitis. Guyyaan murameef gaafa ga'u, sekoondota baay'ee shishifii ta'an namni umurii isaa irratti dabalachuu danda'u hin jiraatu. Hafuura baafannaan, argansuunis, harka waaqayyootiin to'atama.

Utuu biyyi lafaa kun hinuumamin fuula dura, umurii nuuf qoodame sana xumurree hamma keessaa deemnutti, dacheen kun bu'aaba'iidhaan guutuu dha. Halkaniifi guyyaa, ifaafi dukkana, argachuufi dhabuu, gadduufi gammaduutu wal namatti jijijjiira.

Akka gaddanitti hinhafani; guyyaa biraan ammoo gammachuu baadhatee nama eeggata. Yeroof yoo dimimmisaawuu irra darbee dukkanaa'e iyyuu, bari'uun isaa waan hinoolleef ifni dinqisiisaan isaa dhufee dukkana sana iddoosaatii ari'ata.

Ribuun namaa altokko tokkoo ni laafa; deebi'eemmoo jabaata. Biiftuun waan lixxe fakkaatee, abdiin namaas  dhidhimee waan humna dhaban yoo fakkaatu iyyuu deebi'ee lata.

Dhalli namaa abbaasaa ofbaafateef boo'aa, ilmasaa dhalatuuf ammoo kolfaa jiraata. Galgala tokko irbaata gaddaa, halkan itti aanu ammoo guyyaa dhirsa misirroo waliin gammadanii kolfantu wal namatti gegeeddara. Siree lafeen namaa cabee irra ciisanii wal'aanaman irratti niitii ofii waliin ammoo gammaduuf jiru. Biyyuma lafaatu akka kana dha.Waan ta'uu hinbarbaanne ta'anii jiraatu.

Namni ati sooressa; irraa hafaattis jiraata; jettee yaaddu, ba'aa isa kankeetii caalu baadhatee daandii mataasaatii irra gulufuutti jira ta'a. Altokko tokko, ati Si'ool, warri biroon ammoo Xiyoon waan jiran sitti fakkaata ta'a. Haala ati keessa jirtutu akka sanatti akka ati yaaddu si godha. Haata'u malee, namni addunyaa kana irra jiraatu hundumtuu dadhabbii mataasaa ni qabaata.

Hundumtuu akka akka humnasaatiitti waan itti aadaa jiraatu golasaa keessaa qaba. Namni ati uffata keessatti ilaaltee akkasaa ta'uuf dharraatu sun, gara manasaatti galee gaafa uffatasaa ofirraa baasu, namummaan isaa akka awwaala nooraa gati jabeessa dibameeti.

Jireenyi namoota baay'ee irra dibaadha malee dhugaa sitti hinfakkaatin. Kanaafiyyuu ofiikeetti, waan ofarkaafi ofbiraa qabduttis gammadaa ta'i. Akka tasaatti gara biyya lafaa kanaa dhufte; akka tasaattis deebitee deemta.

Karoora uumaa keetiitiin argamte; isumaanis gara lafa deebi'anii hindhufteetti godaanta. Rakkinas haata'u bal'ina dhiiftee deemuuf jirtuuf jettee of hin nyaatin. Har'a, amma, bara jireenyakee guutuus gammadaa ta'i.

https://t.me/Gorsaa_Ganamaa
https://t.me/Gorsaa_Ganamaa




Jireenya jiraattu jaalladhu.  Jireenya jaallattu jiraadhu.
—Bob Marley
━━━━━━━━━
🔗 @Gorsaa_Ganamaa


✉️ SELF RESPECT
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
S et goals
E xercise
L ove yourself
F ocus on fitness

R elax
E at right
S mile
P ositive attitude
E njoy life
C are for others
T hink about others
   
@Gorsaa_Ganamaa


🔗Jireenya keessatti qormaanni guddaan eenyu akka taate argachuudha, Inni guddaan lammaffaan waan argattetti gammaduudha.

― Oskaar Auliq-Ice
━━━━━━━━━━━
🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Gaarummaa gochuun ofiif

🪐 Yeroo hundumaa waan gaarii hojjedhu. Karaa hin eegamneen sitti deebi'a. ✍️

🪐 Always do good. It comes back to you in unexpected ways. Believe it!✍️

🪐 ሁልጊዜ ትክክለኛውን ነገር ያድርጉ.ባልታሰበ መንገድ ወደ አንተ ይመለሳል.✍️

@Gorsa_Ganamaa


🔴Dhugaa dubbadhu, hirriba gaarii rafuu dandeessa.
❤Gaarummaa qabaadhu, yaadatamuu dandeessa.
📍Gad of deebisi, dogoggora qabaachuu dandeessa.
🔴Dhiifama godhi, salphachuun sitti dhagaʼamuu dandaʼa.
🎤Arjaa ta'i, addunyaaf deebii kennuu dandeessa.
🚨Abdii qabaadhu, kana caalaa waan baayʼee hojjechuu dandeessa.

✅Of beeku, caalaatti mul'achuu dandeessa.
⭐️ Of ta'i, baay'ee gammadda.

👍 @Gorsa_Ganamaa


MAALLAQNI
〰️〰️〰️〰️〰️
→ Mana malee, maatii hin bitu!
→ Siree malee, irriiba hin bitu!
→ Kophee malee, miila hin bitu!
→ Amartii malee, jaalala hin bitu!
→ Fuullee ijaa malee, ija hin bitu!
→ Qoricha malee, fayyaa hin bitu!
→ Rasaasa malee, jireenya hin bitu!
→ Cubbuu malee, qulqullummaa hin bitu!

@gorsa_ganamaa


Dhaamsa

💥 1. Yaadadhu! Utuu namni hin beekin nama gaarii ta'uu nii dandeessa! 🤗

💥 2. Yaadadhu! Callistee ilaaluu keetiin yakka hojjechuu nii dandeessa! 😏

💥 3. Yaadadhu! Yeroo mara mirga yaada dhabuu qabda! 💪🏾

💥 4. Yaadadhu! Akka warqeen yookaan daayimandiin jajuu namootaan hin daballe yookaan tuffii namootaan hin xiqqaanne 😎

💥 5. Yaadadhu! Akka duutu; warri si beekanis akka du'an! Beekamtiin kees booda akka sin fayyadne 🤷‍♂️

👇👇👇👇

@Gorsa_Ganamaaa


Eeruu kitaabaa.

Jaarraa keessa jirtu kanatti maaltu akka barbaachisu gadi fageenyan beekuu feenan kitaaba kana dubbisi.

Barreessan Rober Kiyosaki yemmuu ta'u, kitaaba isaa Richa Dad Poor Dad jedhamuun beekkama.

Tarii pdf isaa yoo feetan na dubbisuu dandeessu.

@Getu_Abera


Jijjiirrama ni jaalatta.
Jijjirramuu garuu hin feetu.

Ati jijjiirramuu baattus umriin kee jijjiirramuun isaa hin oolu.

Halkan gaarii


Abdii hin kutatin.

Yaali,yaali,yoo dadhabdes yaali.
Jireenya kee keessatti wanta kaayyeeffatteef sana hamma galmaan geessutti dachee fi samiin iyyuu ni baddi osoo jedhamtee abdii kutuu hin qabdu.

Haile H/ Silase


🗣️ A billionaire one of the world's biggest investor, now he invest in network marketing."


🗣️ Network marketing is all about marketing through people, for people and by people.

20 last posts shown.