👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 54ffaa 👇👇👇
👉 Milkaa'uuf cimanii hojjechuun birqaba miti dirqama malee.
👉Isa ta'uuf dhalatte ta'uu yoo baatte nama biroo taatee darbuuf dirqamta. Ofii kee dhiistee nama biroo taatee darbuun immoo siifis, Waaqa si uumeefis kisaaraadha. Inumaa, of taatee isa dhalatteef jiraachuu yoo baatte nama biraas ta'uu hindandeessu. Akkeessuufi fakkeessuu malee. Kanaaf, giddu gidduutti hafta. (Eebbisaa Baayisaa, 2023)
👉Of ta'uu moo of dhabuu filatta? Yoo of taate kaayyoo keef jiraatta. Addunyaa kana irra hamma jiraattutti of ta'uu caalaa wanti baay'ee nama barbaachisu hinjiru. Yemmus maallaqa, hiriyaa dhabuu dandeessa. Sun garuu humaa miti. Wantoota hunda sirreeffattee, hojjettee argachuu dandeessa. Of hintaatu taanaan garuu, of dhabde. Of dhabuun immoo kaayyoo dhalatteef gattee kaayyoo biraaf jiraattee darbuudha. Kana gootee maallaqas, hiriyaas yoo argatte bu'aa miti kisaaraadha malee. (Eebbisaa Baayisaa, 2023)
👉Gatiin kee akkuma ati gootedha. Yoo of rakasiisifte abbuma barbaadetu akka barbaadeefi bakka barbaadetti si argata jechuudha. Wanti rakkasimmoo ulfinaafi kabaja hinqabu. Yoo gatii kee mi'eessite garuu, bakka barbaadamteefi ofii keetii itti amante qofatti argamta. Argamuun kees dhimma guddaa hojjeta. Yemmus argamuufi dhabamuu kee gidduu garaagarummaan ni mul'ata. Bakka argamtutti jijjiiramaafi bu'aa buusuutu jira. Bakka ati hinjirretti daddaaqamuu, garadhabuufi kisaaruutu mul'ata jechuudha. Yemmus gatiin kee baay'ee mi'aafi nama barbaadamu taata jechuudha. Kanaaf, ati maaliree? Ofuma gaafadhu, ofiif deebisi.
Dubbiin kun dubbistee yoo si fayyade yaada kee naaf barreessi, hiriyyoota keefis qoodi. Waan dubbistaniif galatoomaa. 🙏🙏🙏
Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati!✅✅✅