MICHUU📚


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Blogs


Ni qoosna Ni taphanna Nama hin tuqnu siyaasa hin laaqnu amantiitti hin buunu! Maaltu nu dhiphise silaa 1000 hin jiraannu🥰
Yaadaaf👇👇
@michuu_fayisaa
Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Blogs
Statistics
Posts filter


Oromoo!,waan barbaaddaniin na sakkasaa garuu "Ni furdattemmoo gurbaa!"naan hin jedhiinaa please 🙄.

Muuddiichi anaaf hin tahu pls 😁. Gaafan furdachuu barbaade isiniifan hima baqqaa 🙄

Nan dhiphisiinaaka😁


Yaa jireenyaa Ishee kophaa nama jiraachistuu! Yaa kaayyoo Ishee hiriyyaaf aantee ofiirraa dirqamaan nama qoodduu! Yaa ejjennoo Ishee hirriba malee nama bulchituu! Yaa dirqamaa! Yaa giddii!😭

Safuudha siif✅


Nan yaadadha dur yeroon barataa ture barsiisaan, Na barsiisee Qormaata naaf baasa!


Yeroo dubbatamuu qabutti callisuun mataansaa qoosaa tokkodha!


"Mana waaqayyoo dhaqi yeroo naan jedhan Nan gammade!"

Bakka Boqonnaaf nagaa,iddoo itti rakkinaafi yaaddoo dagatan,qe'ee ulfinaa Fi surraa qabu deemuun akkam nama gammachiisa!

Miira callisaa Fi tasgabbiin guutameen uumaa ofiitti dudubbachuun, waan darbeef Galata,Isa dhufuuf adaraa itti kennachuu caalaa waanti ofitti amanamummaa siif kennu maaltu jira Mee!


Dilbata gaarii qabaadhaa!
Michuu keessan irraati ✅


Shamaarran yeroo harmee keessaan buna danfistu tiktok ilaaltan hamilee maaliin happy mothers day jettaniin suuraa harmee keessaanni dhungachaa post gootuu garuu?


Har'a guyyaa Dubartoota addunyaati! Dubartoota jechuun warra heerume,warra osoo hin heerumiin jireenya waa arge of keessatti hammaata. Akkasumas dhiirota hojiin keessan Dubartoota fakkaatu illee waanuma hammatudha!

Waan hundumaafuu Baga Guyyaa Dubartoota addunyaa Geessani! Warri harmeen keessan lubbuun jirtu Baga geesse jedha! Warri harmeen sin jalaa boqottes jannataan haa qananiitu!😭

Harmeen warqii addunyaa kennaa uumaa! Respect for you, Harmee🥰


Osoon safuu cabsee amantii arrabsee politikaa laaqemmoo react gootu Nan beeka.

Ammoo maalif callistanii bira darbitu? Kun garuu gaarii miti erga dubbistee miira sitti dhaga'ame React godhii argisiisi!
😁❤️🙏😭👊👍🫶


Diinota nu ajjeesuuf nu barbaadanitti Mee jiraachuuf fedhii waan qabnu itti fakkaataayi?

Nutikkoo yoo jiraannee gammannee, tahuu baannaan immoo namoota gammadanii jiraataniif bakka osoo gadhiisne nutti tolaa bar!

Waan hundaafuu jiraachuun iyyuu waan tokkoom dhiiro!

Naaf jiraadhaa!


Soba cimaa caalaa waanti dhugaa fakkatu hin jiru! Kanaafi yeroo sobnu dhugaa hin shakkamne kan fakkeessinuuf


Jiraatteema Daa'ima ati baattee guddiste,Yeroo inni chiikii janjanu arguun iyyuu iddilii tokkodha!🙄


Hammam illee yoo dogoggortan maaloo mana Gaddaa yeroo Deemtan nama gaddarra jiruun"Taphadhukaa!"hin jedhiinaa!

Taphaaf miti Gaddaaf Taa'aa jira malee🙄


Ana nama Eebbifamee galeeyyuu yoo xiqqaate waggaa 10 Harmee waliin jireenya Ijoollummaa jiraachuu hawwutti waa'ee fuudhaa haasa'uun garuu arrabsoo hin fakkaatuuyi🙄


Natti hojjechiisan tahe maalan beeka halkan saa'atii 9tti hirribaa ka'een waa'ee hiriira kaaffee yaada😁


Walitti hinaaftiwoo jedhani Inni jarittin akkasitti waldhungachaa Wal dubbistu maaloodhaga😁


Isa nuti Kaayyoof jennee qoosnu Kaan Duuriyyee nu seeti🙄. Deemnee buna 20 dhuguurra doormiima teenyee yoo qoosne wayya jenneeti Wal haa barru🙄.


Isan hojii biyyaa baqadhee gibbii taa'u warri safara keenyaa numa barata na se'u!


Lubbuun jiraanneema jaalallee keenya durii mucaashee waliin arguunuu alamii tokko😁


Namoonni sooressa tahuuf barachaa turan har'a mindaa isaaniin kiraa manaa kaffaluu gaafa dadhaban"Barnoonni qilee haa seenu!"yeroo isaan jedhanii miira aariin dubbatan Nan dhaga'a.

Anis walumaanan qilee seena! Baran jiraadhu hundumaatti Nan baradha! Garuu barnoonni gonkumaa sooressa Akka nama hin goone nan beeka!

Waan Ani dhiyeenya miidhaa kutaa 12' darbanii barachuu barressef namoonni amananii fudhatan akka jiran bira gaheera!
Natti hin aariinaa warri appitaayitiin keessan banaa tahe baradhaa! Warri Kaan ammoo pls yeroo keessan hin gubiinaa gad bahaati hojii hojjedhaa! Dhuguma koon isiniin jedha!

Maalifan jedhe beektaa Mee barnoota jechuun maal Akka tahe barataa medicine baratu bira deemii ilaali. Gatii isaan barnootaaf baasan Mee qalbeeffadhuu ilaali.

Atoo guyyaa rafta,halkan rafta. Page 10 torbee tokko dubbista. Sanuu akka waan gatii guddaa baasaa jirtutti of ilaalta. Maatiin Akka ati of kennitee cuunfamtee barachaa jirtutti beeku atoo maal hojjechaa jirta? Booda hoo eenyuun komatta?
✅ Michuu


Ofiiko oolchuuf waanan si miidheef dhiifama 😭. Jaalalliif Fi Hiriyyummaan keenya haariiroo keenya oolchuu dadhabuu isaatti immoo Nan gadda😭. Osoo hin du'iin imimmaan Roobsaa si gaggeessuun immoo eelaa barabaraati. Gammadaa si simachuun filannoo ko yoo tahellee Gaddaa si gaggeessuun garuun garuu yaadako hin turre! Sitti haa tolu nagaatti!


Silkiiko hattuun na nyaatteefan barreesse!

✅ Michuu

20 last posts shown.