Hundarra Caalcisee
Kanan Filadhe Sumaa
Yoomiyyuu Addan Baanu
Hagattii gaafa dhumaa
Jechoota babbareedaan
Faarseetan Si Kukuulaa
Harmee koo sabbontuu
Eenyutu sirra naaf Caalaa
Homtuu Sirran Caalchisu
Arras Ta'ee Kaleessaa
Ati Sammuu kiyyadhaaf
Doktooradha ogeessaa
Yoonan Gadde Gammachuu
Qaama Kootti Labsitaa
Rakkina sitti Dhufee
Hundumaa ni obsitaa
Yemmuu nan yaada badu
Gorsaan Na Barsiifattaa
Woyyoo Yaa Haadha koo
Woloon kun siif Xiqqaataa
✍️Musaab Naasir
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
➪
@Musaab_Naasir ➪
@Musaab_Naasir 𝙸𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍 ❤ 🗨️ ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ