#DUBBISUUN_DHORKAADHA🚫🚫🚫
Waggoota 1️⃣5️⃣0️⃣booda dhaloonni amma lubbuun jiru kun tokkoyyuu fooniin carraan lafarra jiraachuu hin jiru. Har’a kanneen qabsoofnuuf keessaa harki 70 waggaa 150 booda tokkoon isaanii bakki isaaniillee hin argamu.raawwatanii ni badu ni dagatamus.
Mee waggaa 1️⃣5️⃣0️⃣boodatti deebinee haa yaannu. Yeroon isaa naannoo 1872ti. Yeroo sana dhalli namaa akka meeshaaleetti toora galee gabaatti baafamee gurguramaa ture. Yeroo sanatti waan maalalchiisaan (waan akka guddaatti ilaalamu) of ilaallee ittiin fuula ilaallatan ture. Isa bitachuudhaafis namni fira isaayyuu gurguraa ture‼️
namoonni yeroo Sana fullee ykn #of-ilaallee bitachuuf jedhanii firoota isaanii gurguraa turan har’a jiruu? Har’a namni fullee ykn of ilaallee akka qabeenyaatti lakkaa’ummoo jiraa❓
Ashaboo argachuudhaaf, meeshaawwan miidhaginaatiin nama kan geddarataa kan turan lakkoobsa hin qabani.
🧑🧑🧒🧒🧑🧑🧒🧒Har’a irratti namoonni yerosii kan du’aa fi ajjeesaafii turan, kan walganaa fi walgurguraa turan waan hedduun isaa kana kan jedhamu ykn kan bakki itti kennamu hin turre.yerosiif waan guddaa itti fakkaatee ture! Har’a garuu kanumaaf wal gurguranii? Kanumaaf walgananii? Kanumaaf walgurguranii? Nama jechisiisa! Nama kolfisiisas nama qaanessas!!
Yeroo keenya kana ammo intarneetiin ammayyaa’aan yaadannoo keenya nuuf kuusee kaa’a jennee yaanna ta’a! kunis garuu amansiisaa miti!
- [ ] 👉Dhumarratti
Jireenya salphisiima jiraadhu! Itti hin dhiphatiin! Bara baraan kan jiraatu waanti gati jabeessi lafa kanarraa nama gomjaasisu tokkoyyuu hin jiru! Har’a dacheen ati du’uufis namas itti ajjeesuuf ifaajju kun kana duras namoonni akkasuma gochaa turani! Irratti du’anii irrattis ajjeesanii hundumtisaammoo dagatameera!
Waggaa 150 booda ati har’a akka waan gatii guddaatti kan lakkooftu boru waan homaattuu hin galle ta’anii dagatamu!
👉Maal jechuu barbaadeeni?
Jaalalli nu haa bitu! Jaalalli yeroo hundumaa nama duratti yeroo dubbannu afaanii nu hin buune sun laphee keenya keessas haa jiraatu! Wal hidhuu fi wal takaaluun, wal cunqursuu fi dudduubaan wal hamachuun, dhiiga walii hadheessuun ,fakkarsuu fi geerarsi ana malee jedhu nutti haa hafu! Jireenyi falmii eenyu wajjinuu gootu miti!!
Ariifates duubatti hafes dhumni biyyoo biyyoodhuma!
#Nagaan_dhala_namaa_hundumaaf!
#Kisu_Senbeto
#September_2️⃣_9️⃣_2️⃣0️⃣2️⃣4️⃣_UAE
@Naar_dos