Posts filter


Pirezidaantiin hiyyeessa addunyaa kanarraa eenyu❓️

✍️Namoonni pirezidaantii hiyyeessa addunyaa naan jedhu, garuu akkan hiyyeessa ta'etti natti hin dhaga'amu.Hiyyeeyyiin jireenya gad-aanaa jiraachuuf kan walitti qabamanidha jedha preezdaantiin Uraagaay, gama maallaqaatiin addunyaa irratti hiyyeessa ta'e.

✍️Pirezidaantiin kun akka hoggantoota biyyoota biroo mana mootummaa keessa hin jiraatu, Mana isaa iddoo ooyiruu qonna baadiyyaa durii kan Osoo pirezidaantii hin ta'iin keessa jiraachaa ture keessa jiraata.Konkolaataan isaa illee konkolaataa babbareedoo isa ammayyaa kan rasaasni hin urre osoo hin taane konkolaataa durii Volkswagen kan bara 1987 G.C hojjetamte dha.Eegdota malees akka barbaadetti bilisaan uummata keessa oolee bahee gala.

✍️ Kana malees, pirezidaantichi miindaa pirezidaantii isaa keessaa harka %90 dhaabbilee tola ooltummaa harka qalleeyyii gargaaraniif arjooma.

✍️Giddu galeessaan galii hanga doolaara 800 argachuun jireenya isaa jiraata jedha barruun Africa Leadership.

@Yaadota


Kaleessi darbeera, bor ganaa dhufa, har’atu harka keenya keessa jira. Kaleessi har’a ture, haris bor ture, bor ammoo har'a ta'uuf deema. Guyyaa haraa ba'eessa goonee itti yoo fayyadamane, bor irra dhaabbannee kaleessa keenyatti hin gabbinu.”

#24 Wako Getacho🥰
@Yaadota


Waa’ee miidhama kee, waa’ee hiyyummaa kee, waa’ee fira dhabuu kee, walumaa gala waa’ee rakkoowwan jireenya kee marsanii jiranii hin dhiphatin. Ofii keef ilaalcha gaarii ta’e qabaadhu. Ati jabaannaan gufuun jireenya keetti daangaa ta’u hin jiru.

Kitaaba koo #Itti_Jabaadhu jedhu keessaa
Shumi Abera Gemechu
@Yaadota


Maqaan isaa guutuun Nicholas James Vujicic jedhama. Bara 1982 (G.C) biyya Awustiraaliyaatti dhalate. Akkuma suuraa isaa kanarraa argaa jirtu, dhalootuma isaatti dhibee afaan saayinsawaa “tetra-amelia syndrome” jedhamuun harkaa fi miilla isaa dhabe.

Haala hamaa fi dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu waan tokko hubate. “Ofii koon alatti namni na jabeessuu fi na honnachiisu hin jiru” jedhee ofii isaaf jaalala qabaachuu eegale. Ofii isaa akka nama jaallatamaa fi abdii jireenyaa gaarii qabuutti of ilaaluu itti fufe. Ilaalcha badaa ofiif qabaachaa ture sana ni jijjiire. Jireenya isaaf abjuu gaarii abjoochuu eegale.
Nick Vujicic, bara 2005 tti dhaabbata idil addunyaa ‘Life Without Limbs’ (Jireenya Harkaa fi Miilla Malee) jedhamuu fi dhaabbata ‘Attitude is Altitude’, kan gorsaawwan honnachiisoo fi barsiisoo ta’an itti kennamu hundeessuu danda’e.

Namni jabaan kun nama harkaa fi miilla hin qabne ta’ee utuu jiruu hojiiwwan gurguddoo ‘ajab!’ nama jechisiisan hedduu hojjeteera. Jireenya isaatiinis tarree namoota milkaa’oo addunyaa keessa taa’uu danda’eera. Nick Vujicic fiilmii ‘The Butterfly Circus’ jedhamu irratti qooda fudhatee hojjeteera. Hojii isaa kanaanis bara 2010 ‘Method Fest Indepeendent Film Festval’ irratti dhiyaachuun badhaasa ‘Best Actor’ gonfatee ture.
Namni harkaa fi miilla hin qabne kun, jireenya dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu kitaabota hedduu barreessuunis maxxansiiseera. Keessumaa kitaabni isaa jalqabaa “Life Without Limits” jedhamu afaanota addunyaa kanaa 30 olitti hiikamuun jaallatamummaa guddaa horate. Hanga har’aattis kitaabni kun kitaaba jireenya namaa haalaan jijjiiru jedhamuun baay’ee dubbifamaa jira.

Namni qaama hir’uu, garuu immoo mul’ata guutuu waliin dhalate kun biyyoota addunyaa 57 ol ta’an irra naanna’uun haasaawwan nama barsiisan, nama honnachiisanii fi hamilee namatti horan (motivational speech) taasisaa jira. Bakka deemu hundumaatti wayita haasaa taasisu hima jabaa akkas jedhuun eegala: “Haalli kee hangamuu yoo sitti ulfaateyyuu ni injifatta” jedha.

Kitaaba isaa ‘Life Without Limits’ jedhu keessattis yaadni inni barreesse tokko akkas jedha: “Ani jireenyi koo daangaa hin qabu jedheen amana. Atis haaluma kanaan waa’ee jireenya kee akka ati yaaddun barbaada. Gufuuwwan jireenyaa kamillee yoo qabaatte haaluma kanaan yaadi. Amma imala jireenyaa waliin eegallee jirra. Mee rakkoowwan ati jireenya keetti fidde yookiin akka namoonni biroon sirratti raawwataniif isaaniif heyyamte mara yaadi.

Mee rakkoowwanii fi gufuuwwan jireenyaa kanarraa utuu walaba taatee maal akka uumuu dandeessu yaadi.”
Qabiyyee kitaaba isaa kanas ta’e, seenaa gabaabaan waa’ee nama jabaa kanaa waan guddaa tokko nama barsiisa. Innis abdii kutachuu dhiisuu dha.

👉Ati inni seenaa kana dubbisaa jirtus waan ajaayibaa tokko akka irraa hubattu shakkii hin qabu. Yaada kee keessattis milkaa’ina nama harkaa fi miilla malee dhalate kanaa fi seenaa jireenya kee waliin madaalchisaa akka jirtu nan amana. ‘Inni eessaa ka’ee eessa ga’e?’ jettee of gaafachuun, atis eessaa ka’uun eessa ga’uu akka dandeessu yaadaa jirta jedheen tilmaama. Eeyyee, anis akkuma ati akkasitti yaaddu barbaadeen seenaa kana haala kanaan qindeessee siif dhiyeesse malee, waa’ee miidhama nama kanaatiif gadditee akka ati hidhii xuuxxuuf miti. Inni har’a nama namni gaddeefii ‘anaa nyaatu!’ ittiin jedhu miti. Gaa’ela dhaabbatee haadha manaa isaa waliin ijoollee horee jireenya mijataa fi milkaa’aa jiraachaa jira. Hojii hojjetuunis galii gaarii qabaachuun dinagdeedhaanis of danda’ee jiraachaa jira. Harkaa fi miilla dhabuun isaa akka inni harka namaa eeggatu hin taasifne; innis jireenya isaatti daangaa hin goone.

👉Nan hubadha, haalli kee sitti ulfaachuu danda’a. Nama harka si qabuu fi jabaadhu siin jedhu dhabdee hamileen kee si laafeera ta’a. Akkasumas, dhiibbaa alaa fi sababoota garaa garaan galma kee milkeessuun waan hin danda’amne sitti fakkaachuu mala. Asirratti waan tokkon si yaadachiisee darba. Akkuma Nick Vujicic ‘ofii koon alatti namni na honnachiisu hin jiru’ jedhe sana, atis ofii kee honnachiisi. Ofii keen of jabeessii itti jabaadhu.




Falmiin kee Jalqabaa si faana
~
Yeroo baayyee namootni yaadota haaraa ykn kalaqa addaa qabatanii gaafa dhufan namoota irraa carraan fudhatama argachuu isaanii baayyee dhiphaadha. Darbee ammoo "dhiisi sitti yaa hafu.... hin dandeessu.... cal jettee maaf dhamaata...." jechoota jedhaniin dubatti waarreen si harkisan akkasumas Abdii kee dukkaneessan sitti baayyachuu danda'u. Kuni wanta barameedha. Namoonni kana kan siin jedhan ofitti amanamummaa kee ilaalaniiti. Ofitti amanamummaan kee cimaa taanan namuu wanta yaadde dalaguu irraa si dhaabuu hin danda'u. Inni hunda caalu wanta yaadde sana hojiirra olchuuf kutannoo ati qabdudha.

Kana gochuun kan jalqabamu ammoo mataa kee irraa eegala. Dursa of injifachuu qabda. Wanta hojjechuuf yaaddu sanatti amanuu qabda. Dorgommiin kee jalqabaa suma mataa kee faana. Namni jalqaba of injifachuu hin dandeenye yaada namoota addunyaa kanarra jiranii injifachuu hin danda'uutii. Kufaatiin namootaa kan jalqabu osoo of hin injifatin namoota waliin yeroo dorgommii keessa seenani. Falmiin kee jalqabaa si faana. of injifadhu, Addunyaa ni injifatta

Maddi:- Dr. Hamarsan
@Yaadota


Dogoggora namaa sirreessuuf yammuu dhamaanu nama sana salphisuun barsiisaa nun godhu.

Jaarsa tokkotu teessoo irra taa'a ture. Dargaggeessi tokkos osoo karaa darbaa jiruu jaarsatti dhiyaatee " Akkam jirtu? Piroofeesar na yaadattuu laata?" jedheen.

Jaarsichi akkas jedhee deebiseef :
- Lakki sin hin yaadanne.

Kanaaf dargaggeessi sun deebisee akkana jedhe :
— Ani barataa keessanin ture.

Piroofeesarri kun keessa isaaniitti gammadaa 'Barataakoo turte? Amma maal taateree?  Maal hojjechaa jirta? jedhaniin.

Dargaggeessichis kolfee miira gammachuutiin 'Anis akkuma keessanin barsiisaa tahe jedheen.

Jaarsi kunis Ajaa'ibsiifatee ' akkam? Akkumakoo moo' jedhaniin.

"Eeyyee Pirofeesar akkuma keessan. Sirumayyuu sababa keessaniinan barsiisaa ta'e. Hojiikeessantu na kakaase" jedheen.

Jaarsi kunis bitaa itti galee "Tole haa tahu garuu barsiisaa ta’uuf yoom murteessite?" jedhaniin.

Dargaggeessi kunis barasaa lakkaa'ee yaadachuu jalqabe "Gaaf tokko, hiriyoota kutaakoo keessaa isheen tokko sa’aatii bareedaa fi haaraa ta’e qabattee gara daree dhufte. Sa'aatii kana akka malee barbaadeen hatuuf murteesse. Yeroo muraasa booda hiriyaankoo kun sa'aatiinshee baduu hubattee isinitti himatte.

Sana booda isinis sa'aatiin bade akka jiruu fi namni dogoggoraan fuudhe yoo jiraate deebisaafii jettanii nutti himtan.

An garuu sa'aatii sana baay'ee waanan barbaadeef hin deebisne. Isinis balbala cuftanii giiphii keenya sakatta'uuf, hundi keenya akka junuunfannee minjaala irra ciisnu nu gaafattan.

Yeroo dabareenkoo ga'u sa'aatii sana giiphiikoo keessaa argitanii fudhattanii deemtan. Sana booda jecha tokkollee osoo hin dubbatin barattoota kaanis sakatta'uu itti fuftan. Dhumarrattis 'ija keessan banuun ni danda’ama. Sa'aatiin sun argameera' nuun jettan.

Garuu Eenyu akka sa'aatii sana hate hin dubbanne. Isheenis kana waan hin barreef ifatti na ceepha'uu hin dandeenye. Guyyaan sun guyyaa hunda caalaa na qaanessu ta'us garuu jireenya koo keessatti guyyaa baay'ee barbaachisaa ture.

Callisuu keessaniin salphina jalaa na baraartan. Na kabajjan. Anis barsiisaa dhugaa ta’uun maal jechuu akka ta’ee fi gatii barsiisaa kanan hubadhe yeroo sanatti ture.

Dargaggeessi kun sana booda 'Kutaa sana ni yaadattuu Piroofeesar?' jedhee gaafate.

Jaarsichis kolfaa "Sa'aatii hatame sana nan yaadadha, giiphii barataa hunda sakatta'uukoos nan yaadadha... garuu sin yaadanne...sababnisaa anis yeroon sakatta'aa ture akkuma keessan ijakoo junuunfadheen ture' jedhanii deebisaniif.

Maal jechuufi?
— Nama tokko sirreessuuf jecha isa salphista taanaan, barsiisuu hin dandeessu jechuudha.

Madda: Sobre literature.

@abdimegersa

@Yaadota


Eessa Turre?

Hiriyoonni lama otuu karaa deemanii addabaabayii guddaa tokko bira ga'u. Isaan keessaa inni tokko manneen Real state tarree nammanii ijaaraman ilaalaa "Waaqayyo gaafa manneen kana hunda namoota kanaaf hiru eessa turre garuu nuti?" jedheen.

Hiriyaan isaa kan biraa xiqqoo akka seequu jedhee harka isaatiin hoospitaala gama biraatin jirutti akeekaa "Waaqayyo gaafa namoota kana hundaaf dhukkuba hiru nuti eessa turre?" jedhee deebisee gaafate.

Egaa yaa namaa! Waan gaarii ilaaltee Waaqayyo maaf anaaf hin godhin jettee gaafachuu keen dura kan naaf goote hundaaf galata kee jedhiin. Wanti inni nuuf godhe kan nuti barbaadnun olidha.

@Yaadota


Maalif nan oolchine?

Namichi Waaqayyootti amanu tokko galaana otuu qaxxaamuraa jiruu bidiruun isaa jalaa dhidhimte. Innis rifaatufii Sodaa guddaan ija isaa gara samii ol kaasee "Raabbi na oolchi" jedhee kadhate. Turtii xinnoo booda namichi qurxummii kiyyeessun jiraatu tokko isa argee "Gargaarsa barbaaddaa?" jedhee harka isaa diriirsefi. Namichis deebisee "Lakki waaqayyo na oolcha deemi" jedheen. Ammas namni biraa isa argee "Gargaarsa barbaaddaa?" jedhee harka isaa diriirsef. Ammas "Lakki waaqayyo na oolcha" jennaan bira darbee deeme. Xumura irratti afuurri isa hanqatee lubbuun isaa darbe.

Lubbuun isaa fuula Waaqayyoo duratti gaafa dhiyaattu "Maali yaa Waaqayyoo otuun akkasitti sitti amanuu maalif na oolchuu didde?" jedhee gaafate. Waaqayyoos "Yeroo lama gargaarsa barbaaddaa jedhee harka koo siif diriirsen tureem. Situ dide malee" jedheen.

Nama koo atis carraa gaarii jireenya kee keessatti si muudatan of jala hin dabarsin. Sababni isaa ammoo Waaqayyoo karaa hedduun karra siif bana waan ta'eef. Carraa keetti fayyadamuu baannan lammata carroomuu dhiisuu malta.

#Share
Maddi:- Fiilmiin Pursuit of Happiness
@Yaadota


Maalif?

Hiriyoota lamatuu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko ammoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko otuma deemanii inni qoosu hiriyaa isaa arsinaan kaballaadhan rukute. yeroo kana inni rukutame fiigee deemee galaana maddiitti cirracha irratti " hiriyaan koo na kabale " jedhee barreesse.

Achi booda guyyaa biraa galaana maddii otuu taphatuu galaanicha gidduu seena. Daakaa hin beeku waan ta'eef bishaanicha keessaa ba'uuf du'aaf jireenya gidduu yeroo inni watwaatu hiriyaan isaa seenee isa baase. Yeroo kana inni Du'a irraa oole dhagaa guddaa barbaadee "HIRIYAAN KOO DU'A NA OOLCHE" jedhee bocee barreesse.

Yeroo kana hiriyaan isaa "Maaliif yeroon si kabalu cirracha irratti barreessitee yeroo bishaan keessaa si baasu ammoo dhagaa irratti bocce?" jedhee gaafannaan, innis deebisee akkas jedheen "Jibbi kan garaati, jaalalli ammoo kan lapheeti. Yaraa darbe kaasnee wal jibbuu irra gaariin wal jaalachuu wayya. Innin cirracha irratti barreesse kan garaa koo waan ta'eef bubbeen yookan bishaan ni balleessu. Innin dhagaa irratti boce Kuni garuu jecha lapherraa dhugaam ragaa itti ba'edha. Yoomiyyuu hin badu. Seenaanis ni yaadata. Jibbi nu balleessa, jaalalli garuu nu misoomsa" jedheen.


@Yaadota


#JusticeforSalaalee
#JusticeforHorroguduruu
#JusticeforOromoo

Challenge accepted!


Telegiraamii waan fayyadamtaniif qofa akka siniif kaffalamu beektuu? Odeeffannoo guutuu argachuu warreen barbaaddan kunooti

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇




Rakkinni keenya hiikaa Dhugaa baruu dhabuu keenyadha. Addunyaa amma irra jiraannu kana irratti hiikni Dhugaaf laatame Dhugaan kan warra qabeenya qabuu, kan namoota dhageettii qabanii qofa akka ta'u godha. Sababni isaa ammoo dachee kanaaf Dhugaa jechuun wanta namoonni hedduun irratti waliif galan waan ta'eef jechuudha.

Iyyasuus kiristoos duuka bu'oota Isa hordofan caala Yihuudota Isa jibbantu baayyata ture. Kan isa jibbu baayyates dhiises Dhugaa ofuma mataan ishee bira jirti. Dhugaan mataan isheeyyu isadha. Dhugaan abbaa koodha.

Madda:- Kitaaba
@Yaadota


Profeesar Istiifan Hoowkiin yeroo tokko gorsa ijoollee isaaf dabarseen wantoota sadan armaan gadii tasumaa akka isaan hin daganne ittiin jedhee ture.

1. Gadi gara luka keessanii osoo hin taane, ol jettanii gara urjiiwwanii ilaaluu akka hin daganne.
2. Sababa kamiiniyyuu hojirratti hin dhibaa'inaa. Hojiin sababaa fi hiikaa jireenyaa siniif kenna. Jireenyis hojii malee duuwwaadha.
3. Jaalatamuuf carraa kan qabdan yoo ta'e, inni carraa akka salphaatti argamu ta'uu dhiisuu isaa hubattanii kabajaatii qabadhaa.

Nama Saayinsii guddaa bara keenyaa Istiifan Hoowkiin Saayinsii keessatti namoota barri keenya akka yaadatamu taasisan keessaa isa tokkodha. Atihoo?

Baayyina namoota barreeffama kana dubbisanii ilaaleen seenaa guutuu nama kanaa siniif dhiyeessa.

@Yaadota


Callisii taa'i, ofii kee isa dhugaa keessa kee jiru wajjin wal qunnami. of ta'uudhaan guyyaa kee keessa tarkaanfadhu.

Hariiroon ati ofii kee wajjiin qabdu hundi bu'uura jireenya keessatti hojjettu hundaati.

Waan barbaadduu fi waan iddoo guddaa kennituuf beeki, achiis guyyaa hundumaa amanamummaadhaan jiraadhu.

Guutummaatti of jaalladhu, of fudhadhu.Eenyu akka taate bari

@Yaadota


Dubartii qaroo(ija) hin qabne tokkotu sababa ija hin qabneef gaafa hundumaa of jibbiti,jireenya ishiis, ofis abaarti. Guyyaa tokko namichi tokko ija isaa lamaan isheedhaaf kenne. Isheenis yeroo jalqabaaf lafa agarte.hiriyaan (kaadhimaan) ishii hir'ina ishii waliin kan hedduu ishii jaallachaa ture tokko dhufee "amma egaa si waliin gaa'elatti seenuun barbaada, natti heerumtee na wajjiin jiraachuu dandeessaa?" jedhee gaafate.

ishiinis gaafa ol jettee ilaaltu innis akkuma ishii duraanii qaro dhabeessa akka ta'e yommuu hubattu baay'ee naate."ani gonkumaa sitti hin heerumu" jetteen.

Kaadhimaan ishii sunis boo'icha guddaa erga boo'ee booddee xalayaa tokko barreesseefii deeme.xalayichis "ijakoo lamaaniif of eeggadhu" kan jedhu ture.edaa ija ishiin ittiin lafa agarte sun kan isaa ture!

@Yaadota


Namicha tokkotu ture. Baadiyyaa biyya keenyaa keessa. Amala rakkisaa qaba. Nama hundaan walitti bu'a. Jira mitii namumti ollaa taa'ee nagaa namaaf hin laanne? Kan akkasiiti.
Gaaf tokko namaan wal lole. Tumanii caccabsanii bakkee irratti gatanii deeman. Ji'a meeqa ciisee booda lubbuun itti deebite.
Gidduuma itti fooyyofnaan siree irraa ka'e sana gaaf tokko loon isaa midhaan namaatti naqee bira dhaabata.
Abbaan midhaanii baay'ee aare. "Yaa abalu!" jedhee waame.
"Oo!" jennaan, "Amma ati mucaadha akka hin jennehoo arrii baattaa, adaba dhabde akka hin jennehoo dheengadda reebamtee, maaliif akkas taata? Amma kan kee kana maaluma jedhu?" jedhe.

@Yaadota


☑️Akka ati dhuftu nan beekan ture

Waraanni Erga xumurameen booddee, looltuun tokko hiriyyaa isaa bakka waraanatti kufe deemee barbaaduuf hoogganaa isaa heeyyama gaafate.

Hoogganaan isaas nama du'uun isaa shakkisiisuuf jettee iddoo waranichaa deemuun lubbuu Kee wareeguu hin qabdu anis siif hin heeyyamu jechuun looltuu sana dide! Looltuun sun garuu hoogganaa isaatiin lakki jechuun hiriyyaa isaa sana barbaacha gara dirree waraanatti qajeele.

Akkumaa achi gaheen hiriyyaa isaa du'uuf seekondiin muraasni hafe sana arge. Looltichiis bira gahee seekondii muraasa booda lubbuun isaa keessa bahe/ du'e! Inniis reeffa hiriyyaa isaa sana baatee gara hoogganaa isaa sana deeme! Hoogganaan isaas..Du'eera jedhee sitti himee hin turree! nama du'uuf jettee gatii Amma kana gahuu kanfaluun hin barbaachisu ture ittiin jedhe! Looltuun sun garuu hojii isaatti baay'ee gammade. Looltuun suniis hoogganaa isaatiin hoogganaa koo kun bar homaa miti, waan xiqqaadha; Hiriyyaan Koo Du'uuf qarqara du'aa irra gahee utuu jiruu waan naan jedhe utuu dhageessee naaf hubatta turte ittiin jedhe.

Hoogganaan looltichaas maal sin jedhe? Jedhee gaafate. Looltuun suniis deebisee "#Akka_ati_dhuftu_nan_Beekan_ture" naan jedhe jedhee deebiseef!

Eegaa hiriyyaa dhugaa jechuun gaafa hunduu si gatu kan si bira dhaabatudha!

Hiriyyaa gaarii yoo barbaadde, ati dursii hiriyyaa gaarii namaaf ta'i! Namni waan facaase haammata! Gaarii gochuun ammoo matuma keenyaafi!

Akka ati dhuftu nan beekan ture, akka ati qofaatti nan dhiisne nan beekan ture jedhee hanga Hiriyyaan Kee sitti boonutti, hiriyyaa keef amanami!

Jireenya dhugaa amanamummaan guute jiraadhu; gammachuu dhugaatu gola jireenya kee oolaa!

@Yaadota


Mucaa ilmaa tokkotu Akaakayyuu isaatiin "Jireenyi jechuun siif maalii Akaakaa?"jedhee gaafata. Hiikni jireenyaa maal akka ta'e baruuf jechuudha. Akaakaan isaas "yaa Mucaakoo mee koottumee Gabaa deemnee waan nubarbaachisu tokko tokko bitannee deebineetun siif hima" jedha.

Gabaa gahanii waan barbaadan gabaa keessa oliif gadi deemuun fuffunaannatanii gara mana isaaniitti dacha'an. Ammas mucaan sun irra deebi'ee Akaakayyuu isaa gaafata.

"Argitee? Jireenya jechuun ta'iiwwan gabaa amma keessa oollee deebineeti. Namoota hedduutu gabaa sana keessa ture. Fedhii hedduutus ture. Kaan nibitata. Kaan nigurgurata. Kaan waan bitachuuf dhufe illee erga galuuf karaa ce'ee yaadatee gaabbiin ofmiicaa manatti gala. Kaan ammoo waan bitatetti gaabbees kan gaabbiin ofmiicu hindhibu, kaawwan ammoo waan gurguratanitti gammadaa, waan bitatanittis gammadaa gara manasaaniitti deebi'u. Ta'iiwwan kunneen hundi jireenya ilmi namaa jiraachuuf gara biyya lafaa kanaa dhufedha. Keessi haasaa dubbiikoo siif gala jedheen yaada "jedhee deebiiseef.

Dachee kana gubbaatti hafuuf kan dachee kana gubbaatti mul'ate ilmi namaa hinjiru. Waan dhufneef beekuu qabna. Waan dhufneef gaabbii fi "otoo" jechuu dhiifnee waaniif dhufneef jiraannee haadarbinu. Dhimmi keenya guyyuu galma keenya!

@Yaadota

20 last posts shown.