Yaadota


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Quotes


Mana Yaadonni keessa yaa'an

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Quotes
Statistics
Posts filter


Forward from: Walaloon Jaalala
Deebii isa sirrii filadhaa badhaafamaa


☑️Akka ati dhuftu nan beekan ture

Waraanni Erga xumurameen booddee, looltuun tokko hiriyyaa isaa bakka waraanatti kufe deemee barbaaduuf hoogganaa isaa heeyyama gaafate.

Hoogganaan isaas nama du'uun isaa shakkisiisuuf jettee iddoo waranichaa deemuun lubbuu Kee wareeguu hin qabdu anis siif hin heeyyamu jechuun looltuu sana dide! Looltuun sun garuu hoogganaa isaatiin lakki jechuun hiriyyaa isaa sana barbaacha gara dirree waraanatti qajeele.

Akkumaa achi gaheen hiriyyaa isaa du'uuf seekondiin muraasni hafe sana arge. Looltichiis bira gahee seekondii muraasa booda lubbuun isaa keessa bahe/ du'e! Inniis reeffa hiriyyaa isaa sana baatee gara hoogganaa isaa sana deeme! Hoogganaan isaas..Du'eera jedhee sitti himee hin turree! nama du'uuf jettee gatii Amma kana gahuu kanfaluun hin barbaachisu ture ittiin jedhe! Looltuun sun garuu hojii isaatti baay'ee gammade. Looltuun suniis hoogganaa isaatiin hoogganaa koo kun bar homaa miti, waan xiqqaadha; Hiriyyaan Koo Du'uuf qarqara du'aa irra gahee utuu jiruu waan naan jedhe utuu dhageessee naaf hubatta turte ittiin jedhe.

Hoogganaan looltichaas maal sin jedhe? Jedhee gaafate. Looltuun suniis deebisee "#Akka_ati_dhuftu_nan_Beekan_ture" naan jedhe jedhee deebiseef!

Eegaa hiriyyaa dhugaa jechuun gaafa hunduu si gatu kan si bira dhaabatudha!

Hiriyyaa gaarii yoo barbaadde, ati dursii hiriyyaa gaarii namaaf ta'i! Namni waan facaase haammata! Gaarii gochuun ammoo matuma keenyaafi!

Akka ati dhuftu nan beekan ture, akka ati qofaatti nan dhiisne nan beekan ture jedhee hanga Hiriyyaan Kee sitti boonutti, hiriyyaa keef amanami!

Jireenya dhugaa amanamummaan guute jiraadhu; gammachuu dhugaatu gola jireenya kee oolaa!

@Yaadota


Mucaa ilmaa tokkotu Akaakayyuu isaatiin "Jireenyi jechuun siif maalii Akaakaa?"jedhee gaafata. Hiikni jireenyaa maal akka ta'e baruuf jechuudha. Akaakaan isaas "yaa Mucaakoo mee koottumee Gabaa deemnee waan nubarbaachisu tokko tokko bitannee deebineetun siif hima" jedha.

Gabaa gahanii waan barbaadan gabaa keessa oliif gadi deemuun fuffunaannatanii gara mana isaaniitti dacha'an. Ammas mucaan sun irra deebi'ee Akaakayyuu isaa gaafata.

"Argitee? Jireenya jechuun ta'iiwwan gabaa amma keessa oollee deebineeti. Namoota hedduutu gabaa sana keessa ture. Fedhii hedduutus ture. Kaan nibitata. Kaan nigurgurata. Kaan waan bitachuuf dhufe illee erga galuuf karaa ce'ee yaadatee gaabbiin ofmiicaa manatti gala. Kaan ammoo waan bitatetti gaabbees kan gaabbiin ofmiicu hindhibu, kaawwan ammoo waan gurguratanitti gammadaa, waan bitatanittis gammadaa gara manasaaniitti deebi'u. Ta'iiwwan kunneen hundi jireenya ilmi namaa jiraachuuf gara biyya lafaa kanaa dhufedha. Keessi haasaa dubbiikoo siif gala jedheen yaada "jedhee deebiiseef.

Dachee kana gubbaatti hafuuf kan dachee kana gubbaatti mul'ate ilmi namaa hinjiru. Waan dhufneef beekuu qabna. Waan dhufneef gaabbii fi "otoo" jechuu dhiifnee waaniif dhufneef jiraannee haadarbinu. Dhimmi keenya guyyuu galma keenya!

@Yaadota


Ancabbii beektaa? Baalli isaa in ajaa’a . Namni itti bu’uu hin barbaadu. Gaafa dhukkubsatu garuu ittiin ulatanii fayyuuf kan isa caalaa barbaadamu hin jiru. Foolii isaa caalaa faayidaasaatu madaala. Hamma gaafa rakkataniitti kan galagalee ilaalu garuu hin jiru.

Kusaayee hoo? Baalli kusaayee oroboo ykn qabee ittiin sukkuumanii aannan itti elmatu. In urgaa’a, in urgeessa. Gurratti suuqqatanii suunfachaas adeemu. In urgeessa malee hin fayyisu. Gaafa tolaa malee gaafa dhibee kan barbaadu hin jiru.

Ancabbiin waan gaafa dhibeekee si fayyiseef kusaayee hin komattu; qooda isaa miti. Kusaayeen waan mana kee urgeesseef ancabbii murtee hingattu; gaafa barbaaddu qabda. Iddoo qabda.

Mootii Abbaltii
@Yaadota




"Yeroo tokko maaltu ta'e seetan, Biyyatti keessatti roobni dhabamee hongeen hammaate. Hunduu akka amantaa isaatti gara iddoo waaqeffannaa isaa deemuun gara waaqayyootti iyyachuuf sagantaan ba'an. Abbaan tokko mucaa isaa ofitti waamee 'koottu gara masjiidaa yaa deemnu. Har'a hunduu akka amantaa isaatti gara sana deemee waaqayyoon roobaa kadhata' jedheenii mucaa isaa harka isaa qabee manaa ba'e.

Gidduun mucaan 'al tokko abbaa dhufe' jedhee gara manaatti fiigichaan deebi'e. Garmalee jarjaree kan ture abbaan mucaa kanaa 'Maal barbaadetudha' jedhee yaadaa karra manichaa ilaala. Battaluma sana mucaan deebi'ee 'Abbaa yeroo deebinu waan roobuf dibaabee daganneem' jedheen dibaabee harkatti qabate abbaa isaatti argisiisaa.

Egaa yaa nama koo amantaan akkasi. Haala kanaan wanti ati kadhattu akka siif dhaga'amu amanuun yoo jalqabde argachuun kee hin oolu. Laphee qulqulluu akka mucaa kanaa yoo qabaattan wanti kadhattan hundaa ni argattu" nun jedhan.

Maddi:- Kitaaba Yootor
@yaadota


Forward from: Walaloon Jaalala
Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa
Galma Kalaqaafi Dandeettii

Chaanaala Teeleegiraamii keenya join gochuun nu hordofaa

https://t.me/AbbaaLataaActing


DHL🤟

Dhaabbata Tajaajilawwan akka Poostaa, Paakejiingii fi kkf hojjetuudha.

Bara 1969 tti Dargaggoonni 3, tajaajila qaqqabsiisaa/delivery/ waan qaban walitti fiduun eegaluudhaaf murteessan;Adrian Dalsey, Larry Hilblom, fi Robert Laynn. Sadii ta'anii wixinee hojii kana DHL(Dalsey+Hilblom+Laynn) jechuun warraaqsuu eegalan. Yaa salaam!

Har'a, Waggaa 55 booda DHL:-Xiyyaara(plane) 250 ;Konkolaataawwan 32,000 fi hojjettoota 550,000 qaba. Walumaa galatti yeroo ammaa kana Bakka DHL dhibe jira jechuun hin danda'amu. Galiin isaanii Doolaara Biiliyoona dhibbootaan shallagama.

Jireenyakee keessatti, namoota waa'ee projektii haasawan, waa'ee milkaa'uu, waa'ee abjuu jireenyaa, waa'ee Bizinasii dubbataniin marfami,...Nagatiivummaa, sodaa warra ususanii fi warreen hamilee dadhaboo dallaa ofitti hin godhin!

"Hiriyyaankee Adeemsa bizinasiikee keessatti si bira hin dhaabbatu taanaan, hiriyyaakee miti!"

"Obboleessikee sochiin Adeemsa bizinasii kee keessatti si bira hin dhaabbatu taanaan, Obboleessakee miti!"

Yoo sochiitti jirta ta'e, jabaadhuyee! DHL iyyuu DHL ta'uuf waggaa 55 itti fudhateetii!

By Jarraa Jaaraa
@Yaadota


"Yeroo tokko maaltu ta'e seetan, Biyyatti keessatti roobni dhabamee hongeen hammaate. Hunduu akka amantaa isaatti gara iddoo waaqeffannaa isaa deemuun gara waaqayyootti iyyachuuf sagantaan ba'an. Abbaan tokko mucaa isaa ofitti waamee 'koottu gara masjiidaa yaa deemnu. Har'a hunduu akka amantaa isaatti gara sana deemee waaqayyoon roobaa kadhata' jedheenii mucaa isaa harka isaa qabee manaa ba'e.

Gidduun mucaan 'al tokko abbaa dhufe' jedhee gara manaatti fiigichaan deebi'e. Garmalee jarjaree kan ture abbaan mucaa kanaa 'Maal barbaadetudha' jedhee yaadaa karra manichaa ilaala. Battaluma sana mucaan deebi'ee 'Abbaa yeroo deebinu waan roobuf dibaabee daganneem' jedheen dibaabee harkatti qabate abbaa isaatti argisiisaa.

Egaa yaa nama koo amantaan akkasi. Haala kanaan wanti ati kadhattu akka siif dhaga'amu amanuun yoo jalqabde argachuun kee hin oolu. Laphee qulqulluu akka mucaa kanaa yoo qabaattan wanti kadhattan hundaa ni argattu" nun jedhan.

Maddi:- Kitaaba Yootor
@Yaadota


Biyya tokko keessatti dhaabbatni Raadiyoo tokko ayyaana waggaa sababeeffachuun sagantaa adda ta'e tokko qopheesse. Sagantaan kuni sagantaa namoota gargaarsa barbaadan warreen gargaaruu danda'an waliin walitti fidu ture. Haati tokko gara sagantaa kanaa bilbiluun waan isaan barbaachisu hunda tarree tarreen tokko lama jedhanii himan. Yeroo kana namichi dureessa ta'e tokkoofi jiraachuu waaqayyootti hin amanne Haadha kana irratti qoosuu barbaade. Hojjattuu isaa waamuun waan haadha kana barbaachisu hunda bittee akka geessituuf achiis haati kun yoo eenyutu naaf erge jedhanii gaafatan Seexana akka jettuun itti himee qarshii itti kenne. Hojjattuun isaas waan ajajamte mara bittee haadha kanaaf geessite. Haati sun yeroo kana argan baayyee gammadanii Hojjaattuu geessiteef sana eebbisuu jalqaban. Hojjattuun sunis waan Hojjachiisaan ishee jedheen yaadachuun "Haadha koo! Nama waan kana siniif erge baruu hin fretanii?" jettee gaafatte. Haati kunis deebisuun "Maal naaf godha mucaa koo yoo waaqayyo ajaje Nama miti seexanniyyuu erguu danda'a" jedhaniin. Hojjattuun kunis amantii Haadha kanaan keessi ishee tuqamee deemte. Eeyyoo gaafa Waaqni ajaje Seexanniyyuu arjaa ta'a.

@Yaadota


Namicha tokkotuu otuu galaana irra deemuu bidiruun isaa jalaa dhidhimte. Yoo kana namtichi "yaa waaqayyo ati na baasi" jedhee kadhate. gidduudhan Namni galaanicharraa qurxummii kiyyeessu tokko argee gargaarsaaf harka isaa itti ballise. Namtichi bishaan keessatti dhidhimes "lakki waaqayyo na baasa" jedheen. Namichi qurxummii kiyyeessu gara hojii isaa qajeele. Booddeerras namni biraa isa argee ammas gargaarsaf harka isaa itti bal'ise. "Galatoomi Waaqayyo na baasa" jedhee kanas dabarse. Dhuma irratti bishaanichuma keessatti du'e. Lubbuun isaa gara waaqayyoo deemte. Yeroo kana namtichi "Maali yaa Waaqakoo osoon si amanee si kadhadhee si eeguu maaf bishaanicha keessaa dhuftee na baasuu didde?" jedhee gaafate. Waaqnis deebisee "Yeroo lama dhufee harka siif balliseen tureem. Sumatu didee du'a filate" jedheen. Nutis jireenya keenya keessatti gaaffiiwwan qabnu maraaf deebii karaa adda addaa argachuu dandeenya waan ta'eef tarkaanfiin keenya qeenxeenillee hubannoon kan guuttame ta'uu qaba.

@Yaadota


Jireenyakee kee keessaati wantootni hundinuu gaafa sitti hammachuun si dhiphisan abdii si kutaachiisu irras gahan, carrawwaan gaggaari jireenyakee fulduraa keessaatti si argachuuf jiraanii fi galma gahiinsa kaayyoo kee har'a gatii itti kaffala jirtuti.Kana irraa ka'uun bu'aan, sadarkaa, milkaa'inaf jijjiraama jireenyakee keessaatti uummamuuf jiraan of fulduraatti ilaali .Haaloota har'aa keessa jirtu bira darbun gati kaffala jirtun jijjiirama bor jireenyakee keessaati argamu sirritti arguufi hubachuu yoo dandeesse, abdii hin kutaattu! Haala rakkisa Amma keessa jirtu keessatti garuu jajjaabina argatta! Hundumaa caalaa immoo humna jiraachuu guddaa argatta! kanaafuu haaloota Amma keessa jirtuf of dhiphisin.

Maddi:- kitaaba
@Yaadota


#Teessoo_inni_kamtu?

Piroofeessara Falaasamaa tokkotu jira ture. Barattoota isaa waggaa tokko eerga barsiiseen booda dhuma waggaa irratti barattoota isa qoruudhaaf gara daree seene. Jalqaba irratti teessoo fuudhee walirra kaa’e. Itti aansuudhaan immoo barattoota sanaan,
“Barnoota Falaasamaa kanan waggaa tokko isin barsiise irratti hundaa’uudhaan teessoon kun akka hin jirre naaf mirkaneessaa!” jechuudhaan qormaata sana isaaniif dhiyeesse.
Barattoonni hedduun akkaataa ittiin jiraachuu dhiisuu teessoo sanaa ibsan barreessanii haquu jalqabani. Kaan immoo akkaataa ittiin teessoon sun akka hin jirre ibsan barreeffama dheeraa barreessani. Barattoota sana gidduudhaa inni tokko garuu deebii sana barreessuuf sakandii sadi qofaa itti fudhate.
Torbee isaatti piroofeessarri sun qaphxii qormaata sanaa fidee dhufe. Barataa sana irraan kan hafe barattoonni hunduu kufaniiru. Deebiin barataa sanaas kan akkas jedhu ture.
“Teessoo inni kamtu?”

@Yaadota


Paayileetin xiyyaara Uummataa tokko osuman nagaan balaliisaa jiruu, balaliisaan jeettii tokko dhufee maddii isaa balaliisuu eegala. Achi booda raadiyoo qunnamtiitin erga nagaa gaafatee booda "Akkami xiyyaara Uummataa kana balaliisun nama nuffisiisa mitii? Turi al tokko sittan argisiisa" jedhee jettii isaa gaggaragalchee agarsiisa adda addaa erga itti mul'isee booda "Akkami?" jedheen. Balaliisaan Xiyyaaraas "Ajaa'iba baayyee nama dinqa. Ammammoo na ilaali" jedheen. Balaliisaan jeettii waan ta'uuf jiru arguuf hawwee eega Xiyyaarichi garuu daqiiqaawwan muraasaf haaluma dura tureen balali'aa jira. Daqiiqaa 15 booddee Balaliisaan Xiyyaaraa raadiyoo qunnamtiitin "Akkami?" jedhee gaafate. Balaliisaan jeettii "Maaltu ta'e? Anoo waan haaraa hin argine" jedheen. "Animmoo yeroo kana gidduutti mana fincaanii deemee, achii booda kuduraa muraasa nyaadhee, ammammoo buna buufadheen dhufaa jira" jedheen. Balaliisaan Jeettii garuu warreen kana gochuu hin danda'u.

Egaa yaa nama koo ergaa xinnoon barreeffamni tun siif dhaamtu yoo jiraate ogummaa fi hojii namaa kabajuudha. Wanti ati dandeessu nama biraaf ciigoo ta'uu mala. Kana abdattee hin namarratti hin boonin. Sababbiin isaa ammoo wanti si bira hin jirreefi raajii sitti ta'u ammoo nama sana bira jiraachuu mala waan ta'eefi.

@Yaadota


Maatiiwwan gara kutaa hirriibaa isaanii deemaa jiru. Tasa ibsaan ibsaan alwaada keessaa akka hin dhaamin abbaan warraa yaadatee isa dhaamsuf gara sana qajeele. Garuu fooddaa irraan hattoonni sadi kutaa kuusaa dudduuba manicha jiru seenuu isaanii hubate.

Ennasuma gara waajjira Poolisaa bilbiluun gargaarsa gaafate. Poolisichis "Amma hunduu hojiif ba'anii jiru waan ta'eef akkuma ta'etti ofirraa ittisi" jedheen.

Abbaan warraa kun erga xinnoo itti yaadee booda deebisee gara waajjira poolisii bilbilee "Saajiin dhiisi egaa hin dhama'in ani foon hattoota sadaniituu kukkutee saree koof laadheera" jedheen.

Osoo daqiiqaaf hin turin konkolaataan poolisii 10 tarree galanii nama kana too'annoo jala oolchuf dhufan. Yeroo dhufan garuu namoota ajjeefamanii foon isaanii sareen nyaatte osoo hin taane, Hattoota hannarra jiran sadii kallattiin too'annoo jala oolchan.

Poolisii:- Namoota 3n ajjeesee foon isaanii sareef kenneen ture naan jettee hin turree?
A. Warraa:- Atis amma poolisoonni hunduu hojiif ba'aniiru naan jettee hin turree?
Jedheen.

Yaada cuunfaa
Yeroo baayyee namoota yeroo barbaadnutti hin argannu. Namootumti kunneen garuu yeroo kufaatii keenyaa fi rakkoo keessa jirru waan gaddan fakkaatanii nutti qoosuf wal ga'u. Dhugumaan namoota ni jaallanna yoo ta'e yeroo isaan itti nama barbaadan isaan maddii yaa dhaabbannu.

@Yaadota


Namoota biratti dhageettii qabaachuu yoo barbaadde wantoota sadan kana keessaa tokoo ta'uun dirqama.

1. Dureessa ta'i
2. Beekaa ta'i
3. Maraaataa ta'i

@Yaadota


Kaayyoo qabda taanan sarootni sitti dutan kumaatama ta'u. Kaayyoo kee galmaan ga'uu dhiistee saroota sitti dutanitti dhagaa darbatta taanan yoomu galma ga'uu hin dandeessu. Sababni isaa ammoo Sareen ammuma dhagaa itti darbitu iyya ishee dabalti. Atis kaayyoo kee galmaan ga'uuf deemsa tarkanfattu keessatti namoota gufuu sitti ta'an hin dhaggeeffatin. Gaaffii kaasan maraaf Milkaa'inni kee deebii ta'aaf.

@Yaadota


Qabeenya guddaa waan qabaattee dhiibbaa uumtee jiraatta osoo hin taane,ilaalcha mo'ate yoo qabaatte dhiibbaa uumtee jiraachuu dandeessa. Burqaan xiqqoon waan gaarii maddisiistu si keessaa yoo yaate jiruu Kee har'aaf booruf gammachuuf injifannoo siif kennuu dandeessi. Akkasumas faallaa kanaa waan xiqqoon yaada keessaa baatu ilaalcha Kee booressuun yaada Kee Isa injifataa tahuu danda'u sana kuffiisuu danda'a. Kanaafuu hamma geessu sirriitti eeggadhu. Ati hammi ati gahuu dandeessu hamma ilaalcha keetiiti. Ilaalcha Kee jabeessii eeggadhu.

@Yaadota


Ganama hirriiba irraa kaatee, fuula kee dhiqattee, ciree kee nyaattee gara hojii deemuuf manaa baata. Hiriira taaksii dirqama biyyattii ta'e gubbaa dhaabbattee otuu dabaree kee eeggattuu, inni tokko dhufee ija jabinaan hiriira darbee seenuuf yoo jedhu utaaltee harkistee dubatti isa deebisuuf yaaddus, Qaama isaa amma Arbaa ga'u sana sodaattee garaa kee keessatti arrabsaa gungumta.

Namichichi deemeera. Atis nuffii baratamaa booddee gara hojii kee deemteetta. Garuu guyyaa kee guutuu dhimma nama kanaa yaadachaa sammuu kee jeeqxa.

Egaa taateewwan taseen akkasii hedduun guyyuun jireenya kee keessatti si muudatu. Namoonni kunneen waan xinnoon guyyaa kee balleessu. Namoota akkasii dagattu malee, guyyaa yaadame dhiistee guyyaa tasee jiraatta.

@Yaadota


Dargaggeessi tokko daandii irra qofaa isaa otuu deemaa jiruu Jaarsa rifeensi mataa isaanii fi areedni isaanii adii luuccaa ta'an tokkotti dhufa. Dugda isaanii dadhabde utubuuf ookkoo qabatanii deemu turan. Dargaggeessichi isaanitti qoosuu barbaadetu "Abbaa koo warshaan jirbii kun eessatti argamaa?" jedhee itti kolfaa gaafate. Maanguddoon Kunis deemsa isaanii irraa akka dhaabbachuu wayii jedhanii "Innillee asuma dhiyoodha. Garuu, adeemsa kee kanaan bira hin geessu" jedhanii darbanii deeman.

'Wanti salphaafi qoosatti dhufu yaada badaa qofa'

@Yaadota

20 last posts shown.