Paayileetin xiyyaara Uummataa tokko osuman nagaan balaliisaa jiruu, balaliisaan jeettii tokko dhufee maddii isaa balaliisuu eegala. Achi booda raadiyoo qunnamtiitin erga nagaa gaafatee booda "Akkami xiyyaara Uummataa kana balaliisun nama nuffisiisa mitii? Turi al tokko sittan argisiisa" jedhee jettii isaa gaggaragalchee agarsiisa adda addaa erga itti mul'isee booda "Akkami?" jedheen. Balaliisaan Xiyyaaraas "Ajaa'iba baayyee nama dinqa. Ammammoo na ilaali" jedheen. Balaliisaan jeettii waan ta'uuf jiru arguuf hawwee eega Xiyyaarichi garuu daqiiqaawwan muraasaf haaluma dura tureen balali'aa jira. Daqiiqaa 15 booddee Balaliisaan Xiyyaaraa raadiyoo qunnamtiitin "Akkami?" jedhee gaafate. Balaliisaan jeettii "Maaltu ta'e? Anoo waan haaraa hin argine" jedheen. "Animmoo yeroo kana gidduutti mana fincaanii deemee, achii booda kuduraa muraasa nyaadhee, ammammoo buna buufadheen dhufaa jira" jedheen. Balaliisaan Jeettii garuu warreen kana gochuu hin danda'u.
Egaa yaa nama koo ergaa xinnoon barreeffamni tun siif dhaamtu yoo jiraate ogummaa fi hojii namaa kabajuudha. Wanti ati dandeessu nama biraaf ciigoo ta'uu mala. Kana abdattee hin namarratti hin boonin. Sababbiin isaa ammoo wanti si bira hin jirreefi raajii sitti ta'u ammoo nama sana bira jiraachuu mala waan ta'eefi.
@Yaadota