(Maatewos 18 )
------------
23 Yesus itti fufee, "Akkasumas mootummaan waaqaa mootii hojjetoota isaa irraa gatii lakkaa'achuuf murtoo godhetti in fakkeeffama.
24 Yommuu inni lakkaa'achuu jalqabetti immoo, nama inni meetii miliyoonii baayee irraa qabu tokko itti fidan.
25 Namichi waan baasu dhabnaan garuu, gooftaan isaa gatichi haa baafamuuf, inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa, wanti inni qabu hundinuus akka gurguraman abboome.
26 Hojjetaan sun immoo miilla gooftaa isaa jalatti lafa dha'ee, 'Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi' jedhee cimsee kadhate.
27 Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee isa gad dhiise; gatii isa irraa qabus in dhiiseef.
28 "Hojjetaan sun garuu akkuma gad ba'een, hojjetaa dhuma akka isaatii kan gatii akka birrii dhibba tokkoo irraa qabutti ba'ee, morma isaa hudhee qabee, 'Gatiin si irraa qabu anaaf baasi!' jedhe.
29 Hojjetichi akka isaatii sun immoo miilla isaa jalatti kufee, 'Anaaf obsi, gatii kees siifan baasa' jedhee kadhate.
30 Abbaan gatii garuu in dide; hamma namichi gatii isaa baasuufitti, dhaqee mana hidhaatti isa galchisiise.
31 Hojjetoonni akka isaatii warri kaan waan ta'e kana yommuu argan baay'ee gaddan; dhaqaniis waan ta'e kana hundumaa gooftaa isaaniitti himan.
32 Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isa duraa sana waamsisee, 'Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise.
33 Akkuma ani siif oo'e, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif oo'uun siif hin ta'u turee ree?' jedheen.
34 Akkasitti gooftaan isaa dheekkamee, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa baasutti, dabarsee warra isa dhiphisanitti kenne.
35 ''Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha" jedhe.
t.me//Youth4Christ1