BARSIISA AYYAANAAN FAYYUU FI SEENAA WALDAA KRISTIYAANAA.
👉Namni hundi kan dubbisuun ta'u ergaa jabaa
❝ayyaanni Waaqayyo inni nama hundumaa fayyisu mullatee jira.❞ Tit. 2:11
Yeroo ammaa kanatti irra deddeebiin mata duree kana kaasuun maaliif barbaachise?
1) Waan Wangeelli nu harka jiru jallinaa fi sobdoota dhaloota karaarraa kaachisan irraa dhaloota akka eegnuu fi, jallinaan akka morminu nu ajajuuf.
2) Hojii itti waamamnen (tajaajilaa isa itti taane, aangoo fi muudama Gooftaa biraa fudhannee fi ergama Waldaan itti nu waamteen) dhaloota akka tiksinu dirqamni waan nurra jiruuf.
3) Callisuu keenyaan dhaloota baduuf waan itti gaafatamnuuf.
4) Balaan baruumsi kun fidu nama dhunfaa qofarratti osoo hin ta’in kan dhalootaa fi Waldaa Kristiyaanaa faalaa jiru waan ta’eef. fi kkf
Ayyaanaa fi fayyinaan walqabsiifnee yoo ilaalle seenaan Waldaa Kristiyaanaa iddoo hedduutti qoqqoodamti, harraaf garuu kanuma haa ilaalluu.
1) Waldaa jalqabaa fi barsiisa fayyinaa;- Waldaa Kristiyaanaa isheen jalqabaa HoE 2 irratti humna Hafuura Qulqulluu tiin yeroo mullattetti barsiifni ture, "Fayyinni Yesuus Kristoos amanuu qofaan ayyaana Waaqayyoo tiin" kan jedhu yoo ta'u, guutummaan guutuutti seera, aadaa fi naamusa namaa irraa bilisa karaa ta'een fi seera Kristoos isa JAALALA qofaan ta'een kan jiraatamu ture.
2) Waldaa Kristiyaanaa fi bara dukkanaa (500-1500) tti;- baroonni kun Waldaa Kristiyaanaa tiif "bara dukkanaa" jedhamuun beekama. baroota kanatti ammoo Waldaan gaay'ila seeraan alaa moototaa fi gurguddoota biyya lafaa wajjiin raawwachuun aadaa, barsiifni fi naamusni namaa iddoo qabachuun guutummaan guututi Waldaan Kristiyaanaa kan Kristoos ta'uun hafee tan geggeessitoota biyya lafaa fi luboota kaatolikii taatee bara itti jiraattee dha.
Baroota kanati waa'een fayyinaa fi barsiifni ayyaanaa iddoo dhabuun amantiin Kristoos hin beeknee fi amantoonni Kristoositti adda ba'an baayachuun dhaloota amanti maleessaan biyyi lafaa guutamtee turte.
3) Bara Haaromsaa (Jaarraa 16ffaa---) ;- yeroon kun "yeroo itti Waaqayyo karaa Hafuura isaa fi gara barsiisa Kitaaba Qulqulluutti dhaloota deebisuun itti hojjatee dha" jannee amanna. seenaan haaroomsaas isuma kana kan mullisuu dha.
Yeroo kanatti amantiin gara hundee ishee jalqabaatti deebi'uun utubaawwan madaala Kristiyaanummaa harka namootaa, mootootaa fi lubootaatii fuudhamuun gara barsiisa fayyinaa isa dhugaatti bara itti deebitee dha.
-utubaan madaallii kuniis;-
a) Kitaaba Qulqulluun qofaa "karaa fayyinaa kan namatti himu, barsiisaa dhugaa, gaggeessaa, seera Waaqayyo, Hojii gaariif kan nama qopheessuu fi kkf" kan ta'uu macaafaqulqulluu qofaadha.
b) Amantiin qofaa:- karaan ittiin gara Waaqayyootti dhiyaannuu fi jireenya dhugaa ittiin jiraannuu amantii qofaa ta'uu.
c) Ayyaana qofaa;- kun karaa kophaa namni ittiin haa fayyuuf Waaqayyo inni fayyinni isa qofa biraa argamu karaa Kristoosiin namoota ittiin fayyisuuf kenneedha. Fayyina kanaas namoonni amanuu qofaan akkasumaan kan Waaqayyo biraa ayyaanaan fudhatan ta'uu tu barsiifame.
d) Kristoos qofaa;- inni kun karaa ittiin gidduu galeessummaa Kristoos qofaan gara Waaqayyoo dhiyaannuu fi Fayyisaan, Gaggeessaa, Mataan, Gooftaan, Firdii kennaan Yesuus qofaan ta'uu kan mullisuu dha.
e) Ulfinni Waaqayyoof qofaa;- inni kun utubaa naamusa jireenya amantootaa ta’uun isa mullatee dha. jireenyi amantootaa gochaa, deddeebii, dubbii fi akkaataan jireenya isaanii ulfina Waaqayyoof qofa ta’uu qaba kan jedhu karaa ittiin mullateedha.
Eegaa karaalee kanneeniin ture kan "Haaromsi" jaarraa 16ffaa ture, inni kun ammoo karaa ittiin namoonni hedduun gara Waaqayyootti deebi'an ta’uun ifaan ifatti mootummaan Kristoos nu dabalatee dhaloota hundaarrati akka iddoo qabattuu kan ta'eedha.
4) Jalqaba jaarraa 20ffaa yeroon kun yeroo itti dadammaaqiinsi hafuuraa guddaan ta'e yoo tahu, rakkinootaa fi hanqinoota gara garaa qabaatuus Waldaa Kristiyaanaa keessatti karaa humna Hafuura Qulqulluu kannaawwan ayyaanaa hojjachuun yeroo itti Waldaan gara amala muraasa Waldaa ishee jalqabaatti akka deebituuf sochiin muraasni godhamee dha.