📖 Iyo. 1 ²⁰ Kana irratti Iyoob lafaa ka'ee gadda irraa kan ka'es uffata isaa tarsaasee, mataa isaas haaddatee, lafatti gad gombifamee in sagade. ²¹ Achumaanis, ''Qullaa koon garaa haadha kootiitii ba'e, qullaa koos biyyootti nan deebi'a; Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!'' jedhe. ²² Kana hundumaa keessaa Iyoob hin yakkine, ''Dabaa hojjette'' jedhees Waaqayyoon hin hadheessine.
✍️ Haati manaa isaa immoo, "Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du'i!" jetteen. ¹⁰ Iyoob garuu isheedhaan, "Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbatta; wanta gaarii'o Waaqayyo harkaa in fudhanna, wanta hamaas immoo hin fudhannuu ree?" jedhe; kana hundumaa keessaa Iyoob waa dubbatee hin yakkine.
✍️Wan Xinnoo irratti gaafa galateeffannu Waaqayyoo ballinatti nu baasa, rakkina keessatti Waaqayyoon gaafa galateeffannu Waaqayyoo ulfinatti nu baasa.
Galatoma.