QOPHII TORBAN JECHOOTAA
➊. Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u. (Konfiishiyees)
➋. Sodaa kee of keessa dhokfadhu! Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu! (Robert Luis Stevens)
➌. Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba! (Andire Morwa)
➍. Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala! (Laawoo 8ffaa)
➎. Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa. Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.
(Kanan Frederik Furar)
➏. Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan utuu hin taane, yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama. (Oliver Gold Smiz)
➐. Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti. Carraa gaarii ta’uu isaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
➑. Wanti nama beekamaa si taasisu wanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha. (Sokirates)
➒. Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi! (George Barnaad show)
➓. Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (Wiiliyaam Muuldan).....