OF-IJAARUU


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Psychology


Jireenyi keenya akkuma ijaarsa manaati. ni ijaarama.
1️⃣ Self discovery
2️⃣ Spiritual mind set
3️⃣ we filter out anything we don't want to have show up by Gods word and Focus on what we Desire!
4️⃣ Waan jireenya fooniif Hafuura Ijaarutu dubbatama!

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Psychology
Statistics
Posts filter


“inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.”
— Isa. 40:11

His. 34
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Ani hoolota koo nan tiksa, ani isaan nan boqochiisa; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.


"maqaan isaa David Yonggi Cho Jedhama Maatii Amantii Budist Hordofa Gidduutti magaalaa Pusan,Korea Keessatti February 14,1935 dhalate!
Maatii Isaa Ijoollee dhiiraa 5 f dubara 4 Qaban Keessatti Dhalate inni Mucaa Isa dhumaa Ture!

Barnoota Isa hamma Sadarkaa university gahutti Haala Gaariin xumure, haa ta'u iyyu malee Abdii inni Barnootaa University Keessatti Qabu Kan Keessa isaati bade Gaafa abbaansa Hojii business inni hojjetu Kasaaaraa Keessa bu'eedha!! Achumaan innis Mana barumsaaa technical(Ogummaa)Qarshii gad+Bu'aan itti baratamutti Galma'uun daldala(trade) barate!!
yerooma sana yeroo tokko Tokko iddoo buufata warra waraana Ameerika Bira ni deddeema Ture,isaan Faana hiriyyummaa Gaarii Qabaachaa waan Tureef Afaan Ingiliffaa Haasa'u bare!

Yeroo inni umurii Ijoollummaatti Jirutti Ture waraanni Korea Keessatti Kan jalqabame Qarshii argachuun,waan Nyaatamulle Argachuun itti ulfaate! Haala kana Keessatti Dhukkuba onneef tuberculosis irra bu'e! yeroo kana umuriinsa 17 Ture,Sadarkaa du'aarras waan Gaheef Gara Maatii isaatti Ergame!

Abbansas Budist Akka Isa Fayyisuuf ni Kadhataaf Ture,Mucaan Kun Garuu Kadhata Abba isaati Kanatti baayyee hin Amanu Ture sababiinsa kanaan dura yeroo mana Turetti Kadhatame waan Deebi'e Argee waan hin beekneef!!

Guyyaa tokko Dubarri tokko Mana Isaani dhuftee Isa dubbiste Waayee yesuus Isaanitti Himuuf eeyyama Gaafatte! yeroo Kan Cho 'n (Abbaan mucichaa) hin Danda'amu Jechuun Akka isheen Gad baatuuf Abboome!

Guyyaa baayyee itti Deddeebitees Mucaa kanaaf ni kadhatti turte! Guyyaa 5ffaa irratti Mucaa Du'uuf jedhu kana Bira jilbeeenfatte Boo'aa kadhattiif Ture: kanaanis Laphee mucichaa baayyeee Raafamuu Jalqabe innis an Kiristiyaana Nan ta'a Jedhee isheetti Dubbate!
isheenis Gammachuu Guddaadhaan Macaafa Qulqulluu Kan Ofii isheetii isaaf laatte Amantiidhan Dubbii Dubbii Jireenya Keessa Argatta ittiin Jette"

Mucaan Kun kanaan lapheensa waan raafameef boo'u Jalqabee Yesuus Isa Gara Mana Keenya kana akkati Dhuftu Godhe Baruun barbaada Jedhe isheetti Haasa'e! isheenis Macaafa Qulqulluu isaaf laatte sana Keessa waayee Seenaa YESUUS Macaafa Kakuu haaraa Keessa Akka dubbifatuuf Isa qajeelchite!

Boodarra warra American Missionary Biratti Gooftaa fudhate, Kanarraa ka'uun Maatiinsaa baayyee Mucicha waan jibbaniif Missionary n America Lous Richards Jedhamu Mucaa kana Mana isatti of+Biratti fudhate!
innis Guutummaatti Akka fayyuuf isaaf Kadhataa Gara Duuka buutummaatti Isa fiduutti Xiyyeeffate!

Galgala tokko Utuu kadhatamu cho 'n mul'atan wayeen yesuus itti argame,Achuma Keessan Afaan haaraan Dubbachuus Eegale!

kana waan Argee hin beekneef baayyee rifate missionary Isa BUKKEE Jirus Macaafa Qulqulluu Keessa Fuudhe waayee Waanta Gara Isaa Dhufee kana isaaf ibse!

yeroo sana booda Dhagna Isaa irratti Dadhabbiin haa mul'atuyyu malee,Doctirrii Isa yaalaa Ture Gaafa Ilaalu Dhukkubni onnee suniif tuberculosis Keessa isaatti Argamaa Akka hin Jirre mirkaneesse!

David Yonggi Cho 'n sana booda Waldaa Guutuu wangeela yoido Jedhamu(" The Yoido Full Gospel Church) Nama Shan Walitti qabuun jalqabsiise Isaaniyyu Haadha haadha Manaa isaaf, Ijoollee ishee Turan!

Waldaaan Akkasitti Jalqabe Bara 2007tti Waldaa Miseensota 830,000 qabutti Guddate!

Dubara Abiddaa Hafuura Kana Mucaa Du'uuf jedhu Kana Keessatti qabsiiste Maqaa isheeyyu Namni Beeku hin jiru! Abiddi Gaafa Sanaa isheen Keessa isaatti Qabsiiste South Korea Guutummaa irra Darbee Addunyaa Bira Gahe""


Kitaaba:- "Build fire"
author :- "Vladimir Savchuk" Barreeffamee Fuula 89 irraa Fudhatame!

Gooftaan har'as Daaraa Keessa Keenya Baase, Abidda Hafuura Kana nu Keessatti haa bobeessu!!


Faith is not built on circumstances but on God’s unchanging promises


“Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa'oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa'oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.”
— Rom. 15:4


Now is the time! It's Sunday,
Let's go to church!!


Akkam Jirtu? Nagaan Gooftaa Hunduma Keessaniif Haa Baayyatu!

obboloota Koo Yaayiroos warra Mana sagadaa Keessatti Hojii Geggeessummaa Hojjetan Keessa tokko Ture!
utuu yesuus Namoota Isa bukkeetti Walitti qabaman Bira Jiru Namni Kun Dhufee miilla Gooftaa Jalatti Kufe Mucaan Koo Dhukkkubsattee Du'uuf Jettii maaloo kottu harka Kee isheerra Kaa'i akka isheen fayyituuf jedhee Yesuusiin kadhate, Mrq 5 irretti yoo ilaaltan Jabeesse Yesuusiin kadhate jedha!

Kanaaf Yesuus Yahiroos Wajjin hin adeeme Jedha!
kana Akka isin yaadan Naaf Qabdan barbaada, sagaleen Waaqayyo Kutaa kana irratti "yesuus yahiros Wajjin Adeemne" jedha!

Gidduutti Karaa irratti Dubartii tokko Dhukkuba isheerra Akka fayyite yesuus achittis dubbachaa Akka Ture agarra!

Gidduu kanaan yahiroos Yesuusiin fudhatee osoo Gara Mana isaatti Geeffachaa Jiru kana Gidduutti Namootni Dhufanii yahiroosiin Mucaan Kee Duutetti Barsiisaa hin dhamaasiiin ittiin Jedhan!
utuu yahiroos Homaa isaaniin hin deebisiin yesuus Gidduu gale yahiroos akkas ittiin jedhe. “Yesus garuu, waan dubbatame sana homaattuu utuu hin fudhatin, geggeessituu mana sagadaa sanaan, "Hin sodaatin, amani duwwaa!" jedhe.”
— Mar. 5:36

obboloota utuu yesuusiin faana Adeemuu dhimmisaa Dhukkubarraa Gara Du'aatti Jijjiirame! Akka fayyituuf utuu iyyatu,Dhimmisa Gara Sadarkaa Du'aatti Jalaa Darbe! Obboloota Koo yeroo Hundumaa miti yesuus Wajjin utuu Jiraniif wantootni Kan Nuuf fooyya'an Badaa irraa Gara Isa Caalaa Badaa ta'etti Dhufuu Danda'a!
utuu yesuus faana Waan wayyaa'u abdachaa Adeemuu Gidduutti ittuu waan Badaa Dhaga'e!

Waaqayyoon Abdachaa hin Fooyya'aa utuu isin Jettanii Wantichi ittuu Gara badaatti Akka Jijjiiramee dhageessani? Namootni akkas jedhanii isinitti dubbatanii?
Animmoo waan tokko sitti himan ilmi Waaqayyo Yesuus si Wajjin Adeemaa Jira!

Amma Waan Gooftaan Yaayiroosiin Jedheen ilaala!
1) Waan Dubbatame sana homaattu hin fudhatiin!
Yesuus waan jarrri sun Dhufanii yahiroositti haasa'an homaattu hin fudhanne jedha Dubbiin sagalee Waaqayyo!
Yahiroos Fuula Namoota Gara Isaa Dhufanii oduu Gaddaa isatti himaniif Fuula Yesuus Gaafa Ilaalu waan garagaraatu Jira! Yesuus Yahiroos waan itti haasa'ame sana Homaattu Akka Hin fudhanne Barbaade! Sababiinsa Amantiin Dhaga'uu irraa Dhufa Dhaga'uun Kana Namaaf ta'ummo Dubbii Waaqayyooti jedha sagaleen Waaqayyo!
Namoota Mandara Gaddaa Keessa Dhufanirra osoo hin taane yesuus Dhaga'uu Qaba yahiroos!

Namootni Kun Yahiroosiin maaliif si'achi Barsiisaa hin dhamaasiiin Jedhan?
yaadni isaanii waan 2 of+Keessa Qaba:-
#utuu Gaafa isheen Dhukkubsaachaa Jirtu dhufe Fayyuuf Abdii qabdii Ilaalcha jedhuun dhufan
#Kana Booda(Erga isheen Duute waanti barsiisaan Isaaf Gochuu Danda'u hin jiru yaada Jedhuudha)

ilaalcha isaaniin Humna Waaqayyo tilmaaman Turan!

2) Hin sodaatiin
Waan Dhaga'e kanaan Sodaadhaan Akka hin liqimfanneef Gooftaan hin sodaatiin ittiin jedha! Waan dhaga'e kanaan Akka Garaansa hin raafamne hin sodaanne Barbaade Gooftaan! inni Ofii isaati waan Hundumaa Gochuu Danda'u Isa Faana Jira waan ta'eef!

3) Amani
Amantiin Sodaa Laphee Namaa Keessa Baasee Gata! yesuus Yahiroosiin akkuma Jalqaba Utuu ishee Dhukkubsachaa Jirtu Mana Kee dhaqee akkan siif Fayyisuu Danda'u akkuma amante,Ammas yoo isheen duuteyyu Amani ittiin Jedhe.

Egaa akkasitti Xumurame waayeen yahiroos Dubbiin Waaqayyo Yesuus warra boo'anii waawwatan sana Erga gad Baasee booda intala yahiroos kan Mucaa Waggaa 12 turte sana fayyiseef isaaniis Gammachuu irraa Kan Ka'e of+wallaalan Jedha.


utuu Gooftaan isin faana Jiru waan Fooyya'aa Abdachaa Gooftaa Duukaa utuu jirtanii Gidduutti ittuu Gara waan badaatti Akka Jijjiiramee Dhageessani?? Gooftaan akkas isiniif Jedhaa Jira:-

1)Waan Dhageesse sana homaattu hin lakkaa'iin siin jedhaa Jira (Ana biraa miti waan ta'eef jedha Gooftaan). Abbaa Fedherra haa ta'u wanumaa Karoora Waaqayyo faana hin adeemne ,Utuu ATI Gooftaa of+biraa Qabdu hasaasa mogolee si buusu yoo Dhageesse homaattu hin lakkaa'iin!!
2) Hin sodaatiin!!
3) Amantii Qabaadhu!


Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


Suuraa kana anumatu Capture Godhe Namarkaa Fuudhe miti!
Yaadi Garaa Keenya Jaallateema yoo fagaate malee Haalli Kamiyyu Waaqayyo irraa Nama fageessu Akka hin Dandeenye Suuraan Kun ragaadha!

Namni Gaafa Dubbii Waaqayyoo Mi'eeffatee,Gaafa Waaqayyo irraa Waa Dhaga'uu Amaleeffatee baree iddoo Filachuu hin Danda'u!

Utuu Dubbii Waaqayyootti hin dhiyaatiin Karaa ittiin Waaqayyotti dhiyaatan hin jiru, Waaqayyo irraa Sagalee Dhaga'uun Dubbii Waaqayyoo Keessan Dhufa!

“Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa.”
— Far. 119:105


Badiisi Jabaan hamma Darbutti
Ani Gaaddisa bobaa Kee
Jalatti Kooluu Nan Gala!!

Badiisi Jabaan yemmuu Dhufu ATI Maal Goota?
Gaafa Badiisi (qilleensi wayii Namatti Qilleensa'u Kan Gochuu Namarra Jiraatu iddoo Ofii Gadhiisu miti,Garuu position (iddoo Ofii tolfatu obboloota Koo)
1Sam 19 irra kaasne yoo ilaalle Sa'ol Daawwit Ajjeesuuf karoorse yemmuu yaalu agarra. Yonatan Garuu Mana Mootummmaa Keessa Sa'ol faana taa'e Waanti Hamaan Lubbuu Daawwit irrra Akka hin geenyeef Daawwitiin Gargaara Ture! Dubbii Waaqayyo Akka Lubbuu isaatti Daawwitiin Jaallatan Ture jedha!

Yeroo tokko ammoo Sa'ol Daawwitin Eebodhaan Keenyan manatti fayyiseen ajjeese yeroo jedheitti Daawwit jalaa miliqe Galgala Gaafasi Jalqabe dhugumatti Sa'ol Isa Ajjeesuuf Karooora Akka Qabu waan bareef Galgala Gaafasi Jalqabee Baqachuu Jalqabe!
Halkan Gaafasii Namootni Isa Eegaa bulanii akka Isa ajjeesaniif Karoorse,Garuu haati Manaa Sa'ol tooftaa Qopheessitee Daawwitin Gargaarte akkanni jalaa miliqu Goote!
Namni Waaqayyoo Daawwit Anaaf Du'a Gidduutti tarkaanfii tokko Duwwaatu Hafe jedha kanumaaf , Waaqayyoo tooftaa Sa'ol Qopheeffatu Caalatti Afchaalummaa Guddadhan Namoota Mana Mootummmaa Keessa Isaaf Kaa'e Ture!

Kana Hundumaa Booda 1sam 20 Keessatti yoo ilaalle yonatan dhugumatti Sa'ol Daawwitin Ajjeesuuf ammayyu yaada Akka Qabu Akka adda Baasuuf walii Galan! Yonatan wanta yaada Abbaa isaati Keessa Jiru Qoree Bira Gahuu waan barbaadeef. Sa'ol Daawwitin Ajjeesuuf dhugumatti ammummayyu Akeeka Akka Qabu yonatan Gaafa bare baayyee Gadde,Kanas dawwititti dhaame! Dawwitis Baqachuu Jalqabe!!

1sam 24 Irratti Dubbii Sagalee Waaqayyo Gara Holqa Aduleemiitti baqate Jedha!
Egaa yeroo inni baqate Jiru Kanatti 1 sam 21 ykn Ammoo yeroo inni Baqate Holqa Aduleem kana Keessa dhokatee Jirutti Akkas Jedhe Namni Waaqayyo Kun!

“......... Badiisi jabaan hamma darbutti, ani gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu nan gala.”
— Far. 57:1
KJV irraa Dubbii Waaqayyo Akkas jedha

“(....... yea, in the shadow of thy wings will I make my refuge, until these calamities be overpast.”
— Psalms 57:1 (KJV)

Gaaddisa bobaa Keeti(=Shadows of thy wings)
wings-Koochoo

.... Gooftaan Jireenya Daawwit kanarra waa Akka nu Barsiisuu Nan Amana!

Stay connected...


Coming up Next ....Far57

BADIISI JABAAN HAMMA DARBUTTI
ANI GAADDISA BOBAA KEE
JALATTI KOOLUU NAN GALA!!

God has something to say!
Stay connected
Stay blessed ♥️


Qorannoo kaleessa Microsoft Baasee waan tokko na yaadachiise!
Torbee Darbee Keessa obboloota tokko faana bakka teenye Buna dhugnutti waayee AI ballinaan nu haasofsiisaa Ture Mucaan tokko ! Waan baayyee gamasanaan Jiru update ta'eef hin jiru an waan tokko tokko Garuu Torbee tokko Gidduutti Qofa jijjiiramoota Jijjiiran Gaafa kaase haasa'u baayyee na dhibaas Ture!

Sana booda Gidduudhan inni tokko Wagga 20 faa booda Garuu Addunyaan Kun maalirra Geessi laata jedhee haasa'e?

An Gama Koon akkasin jedheen. Addunyaan Kun yoo jalqaba Ofii iseeti Kan jiraattu ta'etu Eessa Gahuu Akka isheen Dandeessu tilmaamuun Danda'ama, anaaf Immoo Addunyaa kan Fuuldurri ishee natti hin mul'atu,Anaaf Fuuldura hin Qabdu jedhen.

Dhuguma isiniyyu kana Booda Umuriii hamma kana ishee tursiisu hin Qabdi Jettanii yaadduu??

"Caccabuufi" Jedhe Far. Daawwit!

“Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.”
— 2Phe. 3:13


Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️


Eeyye Dhuguma,Namni waan Isa dhiphisu, akkanni Gaddu Godhu ni qabaata! Namni Garuu yeroo Hundumaa Kan dhiphatu,yeroo Hundumaa Kan Gaddu yoo ta'e Irra Deebi'e of+ilaaluu Qaba!


Milkaa'inni Namoota Kan biraa Jajjabinaaf siif haa ta'u malee Waan Hamilee si buusu ta'uu hin Qabu!


Dhabbanni Microsoft har'a qorannoo Baase Tokkon AI(Artificial intelligence) irratti hojiiwwan garaagaraaf Akka malee isaan irratti hirkachuun Dandeetti waa Xiinxaluu (Critical thinking)Namaa Gad+buusa Jedheera!!


The best Mathematics you can learn is how to calculate the future cost of your current decisions.

P.chr

Guyyaa Nagaa isiniif haa Ta'u 👋🏿


Far. 145
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁸ Waaqayyo araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa; aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.
⁹ Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in oo'a.


Ibr. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁶ Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba,nama akka ilmaatti fudhatus in reeba" in jedha.
⁷ Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree?


¹¹ Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta'a.


Sanbata Gaarii 👏🏿


Wallaalan Isaa Wajjin mari'atu Karaa irra Adeemu beeka.
Dadhabaan Isaa Wajjin mari'atu Nama Jabaadha!
Halkanoonni yoo dukkanaa'an itti hin fufan! Namni Waaqayyoof yeroo Isaa laatu,dukana Keessatti Waaqayyo Ifa isaaf ta'a!

✍🏿 Luba temesgen


Waaqayyo Caba Garaa Namaa hin hubata, hin dhaga'a waan Namni utuu Jechoota Qundeeesse Afaan isaan isatti hin dabbatiin Keessi Namummaa Namaa isaatt haasa'u!!


“Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun yaada garaa geddarachuu fida; inni immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu; akka biyya lafaa keessatti fudhatamutti gadduun garuu du'a fida'o.”
— 2Qor. 7:10


“Ani garuu ittuma fufeen si eeggadha, isa ani ittiin si jajadhu hundumaas ittan caalchisa.”
— Far. 71:14

20 last posts shown.