Kadhata Biyya Ormaatti.
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura qulqulluu Waaqa tokkoon ameen.
Waaqa Qulqullootaa Yaa Waaqayyo biyya ormaatti Yooseefiin kan eegde kan isaaf qophaa 'e kiyyoo fi du'a ayyaana laatteefii kan oolchite lammii isaaf abdii fi nyaachisaa akka ta'u kan gargaarte Daani'eel waaqeffannaa keetiin hinaafee galata kee dhiisuu didee amantii isaatti waan jabaateef boolla Leencotaatti yeroo gatamu waan hundumaa jijjiirtee ulfina kee kan itti mul’iste yaa Waaqayyo keenya, biyya ormaa kanaan jiraadhu kadhannaa akkan dhiyyeessuuf waan naaf eeyyamteef sin galateffadha
Har'as ani mucaankee jireenyakoo dhiibuuf, maatiikoo gargaaruuf akkan danda'uuf biyya ormaa aantiikoof firakoorraa adda ba'ee namoota qooqi isaanii qooqakoo, amantiin isaanii amantiikoo waliin wal hin fakkaanne gidduu jiraachuuf dirqameera. Gara laafessa fi kan namaaf gadditu yaa Abbaa namoota biyya ormaa jiraatan irra rakkina ga'e yeroon dhaga'u anis sodaadhaan qabameen nagaan koo na duraa jeeqama na muudata jedhee kanan yaade duroominni nageenya, gammachuu fi namatti toluun hundumtuu eebba biyyakoo jiru naaf caalu hin dandeenye Kanaaf iyyuu yaa Gooftaa ecgumsikce narraa adda hin ba'in. Kaayyoo koos fiixaan baafadhee aantiikoo rakkoo keessa jiru gargaaruu akkan danda'u na dandeessisi.
Amantiikoo akkan jijjiiru kiristaanummaakoo akkan dhiisu waaqeffannaa kee irraa akkan fagaadhu kan taasisan gufuuwwan hundumaa naaf dhibamsiisi.
Ulfinakoo fi amantiikoo nyaataa fi dhugaatiif faayidaa yerootifis akkan hin jijjiirre na gargaari. Gochaakees ilaalee siin akkan yaadadhu fi akkan si kabaju na taasisi. Jaalalaa fi suurraa ulfinaas naaf kenni. Kaka'umsa diinaatiifis hojiihin taaneef akka natti hin fayyadamneef eegumsikee narraa hin fagaatiin.
Kan yeroo faayidaa addunyaan amantii koo fi aadaakoo hiyyeessa aantii koos akka na hin irraanfachiisne akka Asteer akka Mardookiyoos hubannaa naaf kenni hanga bara baraatti eegumsa keen narraa adda hin ba'in Ameen.
Yaa Abbaa keenya.........
Galmee kadhannaa irraa