Biiroo Fayyaa Oromiyaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Medicine


This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia.
🌐 http://www.orhb.gov.et/
📁 Government Official
✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia
📞 +251113717227

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Medicine
Statistics
Posts filter


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Qabeenya Qabnu Kunuunsuu fi Sirnaan itti Fayyadamuun Tajaajila Hawaasaaf oolchuu Qabna.
Amajjii 27 bara 2017 Adaamaa.

==================================
Biiroon Fayyaa Oromiyaa du'aatii haadholii fi daa'immanii xiqqeessuu fi kenna tajaajila yaala ariifachiisaa cimsuuf tajaajila Ambulaansii babal'isaa jira.
Haaluma kanaan baroota darban Ambulaansota 1174 dhiyeessuun tajaajilaf oolchee jira.
Hojii hojjatamaa jiruunis bu'aa guddaan galmaa'uu danda'eera.
Haata'u malee, iddoo tokko tokkotti Ambulaansotaaf kunuunsa gahaa taasisuu dhabuun, rakkoon itti fayyadamaa jiraachuu fi hanqina naamusaa irraa kan ka'e kenna tajaajila barbaadamu kennuu dhabuun komii hawaasaa ta'aa jiraachuun ni mul'ata.
Rakkoo kana furuuf qaamolee dhimmi ilaalatuuf qajeelfama bulchiinsaa fi itti fayyadama Ambulaansii akkasumas yaalii jalqabaa (first aid) irratti leenjiin hubannoo uumuu kennameera.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa kenna tajaajila Ambulaansii caalmaatti cimsuuf Ambulaamsota 109 ministeera fayyaa irraa argate dhaabbiilee fayyaa godiinaalee fi bulchiinsa magaalootaa keessatti argamanii , hospitaalotaa fi baankilee dhiigaa hanqina Ambulaansii qabaniif raabseera.
Sagantaa wal harkaa fuudhinsaa irratti hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaanat Warqinah argamuun akka jedhaniitti Ambulaansota kanneen kenna tajaajila fayyaa haadholii , daa'immanii fi namoota yaala ariifachiisaa barbaafaniif oolchuun kenna tajaajila fayyaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasuun, tajaajila kanneenii ala itti fayyadamuun kan itti gaafachiisu ta'uu kaasanii jiru.

Ambulaansiin tajaajila kennuu qabu qofaaf oolchuun fayyadamummaa hawaasa keenyaa cimsuu barbaachisaadha jedhanii jiru.

Ambulaansonni kunneen tajaajila yeroo dheeraa akka kennaniif kunuunsii fi suphaan waliigalaa yeroo isaa eeggate taasifamuufii akka qabu ibsanii jiru.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Baga ayyaana Qillee bara 2017 geessan. Ayyaanni kun kan fayyaa, kan nagaa fi kan gammachuu isiniif haa ta'u.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Tajaajila fayyaa hawaasa giddugaleessa godhate ququllinaa fi si'oominaan kennuuf ogeeyyiin fayyaa "senior doctors (specialist and sub specialist)" dirqama ogummaa fi lammummaa isaanii bahachuu qabu.
Muddee 25/2017/Bishooftuu
.
==========================
Waltajjiin marii kenna tajaajila fayyaa irratti xiyyeeffate ogeeyyii fayyaa "senior doctors (specialist and sub specialist)" waliin bakka hooggantuun biiroo fayyaa Prof. Natsaannat Warqinah fi miseensonni manajimantii argamanitti geggeeffame.
Kaayyoon marii kanaas kenna tajaajila fayyaa qulqulluu,si'ataa fi hawaasa jiddugaleessa kan godhate taasisuuf qindoominaa fi hariiroo gaarii ogeessotaa fi dhaabbilee fayyaa jiddutti uumuudha. Akkasuma dhimmoota kenna tajaajila fayyaatiif hudhaa ta'an keessattuu rakkoo naamusa ogeessaan walqabatee jiru furuun kenna tajaajila fayyaa garalaafessa, aantummaa uummataa gonfatanii dirqama lammummaa fi ogummaa akka bahatan xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuudha.
Dhiyeessiiwwan dhiyaatan irrattis ogeeyyiin fayyaa "senior doctors (specialist and sub specialist)" hospitaaloota mootummaa, yunivarsitii fi dhunfaa irraa hirmaatan marii bal'aa erga geggeeassanii booda kallattii hojii kennameen marii kana xumuuruun danda'ameera.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Miidhaa Koorniyaa Bu'uureffate Hambisuun Hirmaannaa Hawaasa Hundaa Gaafata. Mudde 10 bara 2016. Adaamaa
=================================/
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Guyyaa Rivaanii Adiii Kabajee jira.
Guyyaan Rivaanii adii akka addunyaa yeroo 33 fi akka biyyaa fi naannotti yeroo 19 ffaaf mata-duree 'Miidhan koorniyaa bu'uureffate kan kooti hin callisu' jedhuun kan kabajame ta'uu Hooggantuu Itti Aantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Sr. Tigiisti Tafarii saganticha irratti argamuun kasanii jiru.
Kaayyon kabaja guyyaa Rivaanii adii miidhaa koorniyaan wal qabatee mudatu hambisuuf hubannoo hawaasaa uumuun hirmaannaa cimsuu akka ta'e ibsanii jiru.
Miidhaan koorniyaa sarbama mirga namoomaa ta'ee miidhaa qaamaa, xiin-sammuu fi hawaas- diinadee waan dhaqabsiisuf, rakkoon kun akka hin muudanne ittisuu, namoota miidhan irra dhaqabeef kunuunsa taasisuu fi qaama rakkoo kana uume seeratti dhiyeessuu irratti xiyyeeffannaa guddaan hojjatamuu qaba jedhanii jiru.
Daayrektarri Idileessa Koriniyaa Dargaggoottaa fi Daa'immanii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Sr. Salam Hasan gama isaanitiin miidhaan koorniyaa safuu, duudhaa fi aadaa hawaasaa kan cabsu waan ta'eef Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Abbootin Amantaa fi hawaasni bal'aan hirmaannaa irraa eegamu taasisuun miidhaa koorniyaan walqabatee muudatu ittisuu keessatti gahee irraa eegamu bahuu akka qaban dhaamanii jiru.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa

12 last posts shown.