Bu'aa: Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 har'a 4/2016 sa'aatii 6:00 PM irraa eegalee bu'aa isaanii ilaaluu akka danda'an beekamaadha.
Bu'aa keessan filannoowwan armaan gadiitiin ilaalaa:
► Portal 👉 keessatti
https://result.eaes.et ► Ergaa barreeffamaa gabaabaa 👉 6284
► Telegiraamii bot 👉
https://t.me/EAESbot Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa ragaa yeroo poortala ibsa bu'aa fi Telegram bot irraa buufachuu fi maxxansuu akka dandeessan beeksiseera.
Qoramtoonni bu’aa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti komii yoo qabaatan, ergaa gabaabaatiin alatti, qaamaan waajjira tajaajilaa osoo hin deemin, filannoowwan ibsa bu’aa keessatti Compliant cuqaasuun komii isaanii dhiyeessu ni danda’u.
Tajaajilichi komii keessaniif deebii kennuudhaan teessoo komii keessan itti dhiheessitan irratti akka isin beeksisu ibseera.