🩺 Yeroon sagaraa bahu dhangala'aa Ispermii fakkaatuutu qaama saalaatiin narraa baha. Kuni rakkoo qabaa?
Gaaffii kana namoota baay'eetu karaa keessaatiin na gaafate. Namni tokko tokko yommuu lawzii nyaate waan akkasii ofirratti arga. Tokko tokko immoo yommuu qama'ee mirqaane sagaraa dhaqe isa mudatti. Wanta kana gama fayyaatiin yommuu laallu rakkoo qabaa?
Deebii isaa deebisuun duratti wantoota hubachuu qabnutu jira. Yeroo tokko tokko dhangala'aan adiin/xaliilli qaama saalaatiin bahuu mala. Kun mallattoo infeekshiinii xannacha piroosteetii ta'uu danda'a. Mallattoolee akka fincaan nama gubuu, amma amma nama fincaansisuu, cinaachi nama dhukkubuu fi kan kana fakkaatan jiraachuu baannaan kan yaala hin barbaachifne ta'uu danda'a
* Gama deebisaa hoggaa deebinu dhangala'aan adiin sanyii kormaa fakkaatuu fi furdaa ta'e sagaraa hoggaa bahan booda karaa qaama saalaatiin dhiira irraa yeroo garii ni baha. Kuniis yeroo sagaraan guddaan bakka takkatti nama irraa bahu yookiin yoo sagaraa jajjabduu bahan tahe ,hoggaa sagaraan bahuuf jettu xannachaa irratti waan dhiibbaa uumaa deemuuf dhangala'aan xannacha piroosteetii akka qaamaa saalaa dhiiraatiin bahu godha. Kun ammoo rakkoo hin qabu. Yaaddaa'uus hin barbaachisu.
Furmaanni isaa nyaata udaan lallaaffisuu sirritti nyaachuun kan sirratuudha
Galatoomaa 🙏
@Dhimma_Fayyaa 🩺