Bunni (Coffee) dhibeewwan tiruu keessaa isa tokko akka fooyyessu beektuu? Kan biraahoo fayyummaa tiruu keenyaa akkamiin eeggachuu dandeenya kan jedhuuf:
1. Buna dhuguu! Buna dhuguun fayyummaa tiruu keenyaa eega. Qorannoon hedduun kan mirkaneessan buna guyya guyyaatti dhuguun, dhibee coomni tiruu keessatti kuufamuu irraan dhufu kan "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu ni fooyyessa.
2. Dhukkuba vaayiresota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (Hepatitis A ittisa), walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa fagaachuu (hepatitis B fi C ittisa), qoratamanii ilaalamanii talaallii fudhachuun (hepatitis B ittisa) ta'uu mala.
3. Qorichoota ajaja ogeessaa fayyaa malee sababa gara garaaf (keessumaa dhukkubbiif) fudhatam yeroo hedduu fudhachuu fi haga eyyamamuu ol (overdose) fudhachuu irraa of qusachuu (Miidhaa tiruu "Drug induced hepatitis" waan nutti fidu danda'uuf).
4. Diina tiruu kan ta'e dhugaatii alkoolii kamiyyuu irraa fagaachuu (Dhukkuba tiruu "Alcholic liver disease" jedhamu waan nutti fiduu danda'uuf).
5. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu dhiisuu, sochii qaamaa sirriitti taasisuu fi ulfaatina qaamaa baay'ee olka'aa ta'e yoo qabaanne hir'isuu. (Ulfaatinni humnaa olii dhukkuba tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu waan nutti fiduuf).
6. Qorichoota aadaa kan hagi (dose) fi gosa isaanii hin beekamne irraa of qusachuu.
@Dhimma_Fayyaa 🩺