🩺 Caasaalee Namummaa/Personality structures
@Dhimma_Fayyaa 🩺
Qorattoonni xinsammuu sammuu bakka saditti qoodu.wanti nuti amma barannee beeknu tokko suuta suuta nu harkaa badaa deema.gaafa jalqabaa odeeffannoo wanta sanaa akka barbaanne haasa'uu,odeessuu fi itti fayyadamuu dandeenya.suuta suuta gaafa irraa fagaachaa demnu irraanfachaa deemna.jalqaba eega xiqqoo itti yaanne booda yaadachuu achiimmoo guutummaatti irraanfachuudha.qoodinsi 3n kunis kanumarratti hundaa'eeti
1. Conscious: Kun kutaa sammuu bakka odeeffannoleen yaaduun alatti fi of beekuun ykn beekkuma keenyaan kan hogganamani.
2. Subconscious: Kun bakka erga yaanneen booda odeeffannoo yookiin waanta sana gara yaada keenyaatti irraa finnudha.akkasuma beekkumsi iddoo kanatti kuufama.
3. Unconsious: Kun kutaa bakka odeefannoon itti dhokotuu fi hamma feene utuu yaadnee huu nuuf hin dhufnedha. Wantoota hojjannus utuu if hin beekin kan hojjannu yoo tahu kutaa kanarratti aangoo hin qabnu.
Egaa kanarra dhaabbachuudhani caasaaleen namummaas bakka saditti kan qoodaman.
1. "ID"/it : kun gara afaan laatin irraa gara afaan keenyaatti yoo deebi'u isa(it) taha.caasaan namummaa kun kan waliin dhalannuu yoo tahu caasaalee lamman kaaniif bu'uradha.innis kutaa sammuu unconscious waliin walitti hidhata. Fedhiiwwaan, wantoota akka nuti raawwatamuu isaa barbaannu fi kkf. kutaan kun kutaa ofittummati. kanaaf baayyaachuun isaa ofittummaaf nama saaxila. kanas kan goonu of beekuun miti, akkasumas too'annookeenyaan ala. kanaaf kutaa sammuu "unconscious" waliin kan walitti hidhatuuf. kana males wanta nuti balleessine tokkoof itti gaafatamummaa si hin fudhachiisu. kanaafi maqaan isas "isa" jechuun kan mogga'e.waanti ati balleessitu si utuu hin tahin isaan ykn isaaniin taha jechuudha. Kanaaf namoonni yeroo baayyee qofatti waa balleessuu ni sodaatu.gareen garuu waa tokko itti hin fakkaatu.maaliif??
2. “Ego"/I: Ana
kun gara afaan keenyaatti "Ana" jechuu bakka bu'a.
Caasaan namummaa inni kun yeroo ijoolleen of baruu jalqaban kan uumamaa dhufudha. kanaaf caasaan kun waggaa 2-5 eega dhalannee booda uumamaa dhufa. Achiin nuufi duudhaa hawaasaa ykn wanta safuu tahe gidduutti murteessaa dhufa. kanaaf kutaa sammuu "conscious"waliin walitti hidhata. Takka takka immoo "subconscious"waliin(xiinxaluu fi yaaduu) waan barbaachisuuf.
3. “Superego"/beyond I: Anaa Ol
kun afaan keenyaan "Anaa ol"jechuu yeroo tahu lamman darban booda ykn waggaa 5n booda uumamaa dhufa.
Kanaanis daa'imni duudhaa, aadafi safuu barachaa deema. waan sirrii hin taane hojjechuun akka gaarii hin taane maatiin ni barsiisu. kana beekuudhaan yeroo hunda beekkumsa kana yaadachaa fayyadamna. kutaa sammuu "subconsious" waliin walitti hidhataa jechuudha. Kanaaf waan gadhee hin dalagnu. Namoonni gaafa walitti qabaman qofaa waan hin taaneef anummaan hafee gara anaa olitti deebiuun itti gaafatamummaan kan hundaa taha. kun immoo isa ykn "it" kan jenne jalqabaaf bakka bana. kanaaf heddumminaan waa balleessun kan hin sodaatamneef. maalif jennaan isaantu balleesse male ana miti kaa.
Fakkeenyaaf utuu walgahii teessuu "ID"n amma sekondii kanatti nyaadhu jedha. "superego"n immoo walgahii keessatti nyaachuun "baalagummaa )" dha jedha. Isaan lamman gidduu galuun "Ego"n murtee kenna: walgahii barbaachisaa keessa waan jirtuuf amma nyaachuu hin dandeessu jedha.
Faayidaa/bu'aa kanaa:
Namoonni itti gaafatamummaa fi ceephuu jalaa of baasuuf akkasumas dhiphina irraa bahuuf caasaalee sammuu kanniin ni fayyadamu. Kunis Qolachuu ykn "defense mechanism" jedhamuun waamama.
Fakkeenya:- yoo qormaata utuu hin dubbisin qoramtee fi sitti cime, hin dubbisne jechuurra qormaanni ni cima jetta......maaliif?
@Dhimma_Fayyaa 🩺