🩺 ILKAAN DAA'IMMANII ILAALCHISEE (kutaa 1-ffaa)
@Dhimma_Fayyaa 🩺
DAA’IMMAN YEROO ILKAAN BIQILCHAN MALLATTOOLLEE AKKAMII AGARSIISU?
Mallattoolee yeroo daa’imman ilkaan biqilchan mul’atan hedduu ta’anis ,kanneen keessaa kan yeroo hedduu mul’atan:-
*Amala dhabuu.
*Fedhiin nyaataa hir’achuu.
*Gororri baay’achu.
*Gurraa fi fuula of hooquu.
*Waan isaan hooqsisuuf quba isaanii dabalatee waan hunda afaanitti geessu.
*Bobbaan xiqqoo kan duraa irra qal’achuu fi kkf.
Haa ta’u malee maatiwwan tokko tokko biratti daa’imman garaa kaasaa cimaa qaban, ho’inni qaamaa dabale, baay’inaan hooqqisan, baay’ee boo’an fi kkf agarsiisan ilkaan biqilchaa jiru jechuun daa’ima rakkoo biraa keessa akka galan taasisu. Akkasumas hundee ilkaanii yaala aadaan rigsiisu.
Kanaafuu yeroo daa’imman wantoota sasalphaa ilkaan biqilchuun dhufanii alatti mallattoowan biroo mul’isan sababa ilkaan biqilchuu waan hintaaneef mana yaalaa geessuu qabu.
Mallattoolee kun giddu galeessaan guyyaa saddetiif turu jedhamee yaadama,haa ta’u malee daa’ima tokkoo tokkotti garaagarummaan jira.
MAATIIN MAAL GOCHUU QABU?
Waanti kun yoo baay’ee isaan jeeqe waantota maatiin gochuu qaban.
*Haadha buddeenaa afaan kaa’uu
*Waantota qulqulluu daa’imman ittiin taphatan kanneen tasa hinliqimsamne ykn harka keenya sirriitti dhiqannee quba keenyaan sukkuumuufi
*Waantota qulqulluu daa’imman ittiin taphatan kanneen tasa hinliqimsamne ykn harka keenya sirriitti dhiqannee quba keenyaan sukKuumuufii.
*Dawaa dhukkubbii irrisan kanneen akka ‘paracetamol” kennuufiii kan kana fakkaatan.
@Dhimma_Fayyaa 🩺