🩺 DAA’IMMAN XIXIQQOON GUYYAATTI YEROO MEEQA BOBBAA BAASUU QABU?
✍️ Maatiin tokko tokko daa’imnikoo turee turee bobbaa baasa yookiin ammaa ammaa baasa maalta’eetu jedhanii yaadda’u. Akka waliigalaatti waa’ee kanaa ilaalchisee kan maatiin beekuu qaban:-
*Daa’imni dhalate bobbaa jalqabaa sa’a 24 hanga 48 gidduutti baasuu qaba(kun dirqama). Sana booda daa’imman guyyaatti yeroo meeqa akka bobbaa baasan daa’imaa daa’imatti gargari. Tokko tokkoo akkuma harma hodhaniin kanbobbaa baasaan jiru 6 hanga 10..) Akkasumas guyyaa sadii afurittis kan baasan jiru.
*Giddu galeessaan ji’a sadan jalqabaa guyyaa sadii/afur, sana booda tokko yokan lama bobbaa baasu.
*Kanneen aannan harma haadhaa qofa dhugan kanneen aannan daakuu dhugan irra ammaa ammaa baasu. Akkasumas yeroo isaan xiqqoo baasan ariitiin daayiperii jijjiiruu irra xiqqoo eeguu wayya.
*Bobbaan isaanii lallaafaa kan ta’e ta’uu qaba (baay’ees dhangala’aa ta’e yookiin gogaa ta’e ta’uu hin qabu)
HAATA’U MALEE:-
*Guyyaa afurii ol osoo hinba’iin ture.
*Garaan kan bokoku yoo ta’e,
*Haqqee qabaatan,
*Bobbaan isaan baay’ee gogaa ta’e yookiin dhangala’aa akka bishaanii ta’e
*Bobbaan waan akka dhiigaa makate mana yaalaa geessuun hakiima daa’immanii mariisisuu qabu.
@Dhimma_Fayyaa 🩺