Gilaavii/Guuwaantii/Golgituu Harkaa/Uwwistuu Harkaa kana:
***
* Ogeessa fayyaa qajeela nama woldhaananiif hojjatoota deeggarsaa dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilaniin ala, namoonni biraa hin godhatinaa.
* Isa godhachuun carraa Vaayirasichaan qabamuu kan harka duwwaa dhiqamu caalaa ni dabala.
* Vaayirasichi akkuma harka irra qubachuu danda'u, isa irras ni qubata. Isa irra ammoo guyyootaaf turuu danda'a.
* Fakkeenyaaf ogeessonni guuwaanti tokko, yeroo tokko, dhimma tokkoof, nama tokkoof qofa fayyadamu. Sa'aa dheeraaf godhatanii turuun ykn ooluun sunis sirrii miti.
* Amala/bartee harka dhiqachuu keenya nu dagachiisee dhukkubichaaf nu saaxiluus danda'a.
Kanaaf amma irratti ogeessota fayyaafi namoota dhaabbilee fayyaa keessa hojjatan malee namuu godhachuu hin qabu.
Garuu nama Dhukkuba VaayirasiiKoronaan (COVID-19) shakkameef ykn qabameef kunuunsa yoo goonu iddoon itti fayyadamuu qabnu ni jira. Innis dhangala'aa shakkamaa ykn dhibamaa keessaa bahu fakkeenyaaf hancufa, aakee ykn akkitaa, fincaan, sagaraa fi kkf yoo qulqulleessinu qofa. Innis gilaavii san yeroo tokko qofa fayyadamee iddoo cufaa ta'e kan namni biraafi ijoolleen hin geenyetti gatuu qaba.
@Dhimma_Fayyaa 🩺