ERGAA JIREENYA


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Telegram


Baga nagaan dhuftaan! Bal'inaan ergaan karaa channel kana dabarsinu
πŸ‘‰Barnoota gara garaa kan sagalee waaqayyo bu'uureeffatan
πŸ‘‰Walaloo Fi
πŸ‘‰Ergawwaan barsiisof bashanaansiisoo ta'an jabiinaan argaatu
By ads:https://telega.io/c/Ergaa_Jireenya

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Telegram
Statistics
Posts filter


Every challenge you face is an opportunity to grow stronger, wiser, and more resilient. Remember, the greatest transformations come when you push through the toughest moments. Stay patient, trust the process, and believe in the power of your perseverance. Keep on praying to God! Do your best and leave to Him the rest!

@Ergaa_Jireenya


only Lord can solve your problems, so don't forget to pray to him.

@Ergaa_Jireenya


Iji saba kanaa banamee, soba kaabbaa uffifamee duukaa yaa'an ol soqolanii qaanessuun yowwana kaa! Kitaabota dabtaraan bixxiltee ittiin dhugaa Macaafa Qulqulluu dhoksuuf yaaltuu fi sheekkoo warra huuroo farsoo gidduu taa'ee abja'atee loqoduu ifachuun yowwana kaa! Wanti toora Macaafa Qulqulluu faallessu kam illee boolla haa seenu! Wangeelli Mo'aa dha! Saba nana gara dhugaa tokkichaa kanatti deebi'i!

@Ergaa_Jireenya

@Yesuus_in_dhufaa


1858
CUUPHAA SOBAA FI TAABOTA SOBAA
➦➦➦➦➦➦➦➦➦➦➦➦➦
Yeroo ayyaana cuuphaatti taabota baatanii ba'uun barumsa eessaa dhufedha? Macaafni Qulqulluun hoo nu ajaja? Obbolootni koo Ortodoksoonni yeroo baay'ee "Ayyaana cuuphaa irratti taabota baatanii ba'uu macaafa qulqulluutu ajaja" jedhu. Gocha isaanii kanaafis akka ragaatti kutaan Macaafa Qulqulluu isaan dhiyeessan tokkichi immoo luqqisii Macaafa Iyaasuu boqonnaa 3:3 irra jiru dha.

β€œNamoota ajajanii, "Sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa keessanii isa Lewwoonni warri luboonni baatan yommuu argitan, iddoo buufattanii ka'aatii isa duukaa bu'aa!” ( πŸ“– Iya. 3:Β³)

Jalqabuma irrattiyyuu kutaan kun ayyaana cuuphaa wajjin waan wal qabatu tokkollee hin qabu. Sababni isaas ummataan "Taabota duukaa bu’aa" kan jedhameef Iyaasuun ayyaana cuuphaa waan kabajaa tureef miti. Itti fufees bara Iyaasuutti ummatni kan isaan hordofan "Tπ‘Žπ‘Žπ‘π‘œπ‘‘π‘Ž kπ‘Žπ‘˜π‘’π‘’" isa Museef kenname malee muka π‘˜π‘œπ‘™π‘˜π‘œπ‘™π‘™π‘’π‘’ namni barbaade akka fedhetti bocu hin turre. Bara kanatti luboonni mukoota isaan baatanii deeman "Gπ‘Žπ‘π‘Žπ‘‘π‘’π‘’ ykn αŒ½αˆ‹α‰΅" dha akka hin jenneef mukoota sana irratti fakkii π‘”π‘–π‘™π‘™π‘Žπ‘ π‘Žπ‘π‘œπ‘œπ‘‘π‘Ž β€œWareegamtootaa ykn Qulqullootaa” dha jedhamanii waldittii keessatti amanaman akkasumas ergamootatu bocamee mukicha irra taa'ee jira malee Abboommiin kurnan irratti barreeffamee hin argamu.

"Taabota" akka hin jenneefis haalli inni itti hojjetame Taaboota Musee irraa adda kan ta'e dha. Akkaataa taabotni itti qophaa’u Seera Ba’uu boqonnaa 25:¹⁰⁻¹⁸ irratti bal’inaan ibsameera. Taabotni bultoo gabatee (α‹¨αŒ½αˆ‹α‰΅ αˆ›α‹°αˆͺα‹«) dha. α‹¨αŒ½αˆ‹α‰΅ immoo gabatee abboommiin irratti barreeffame dha. Har’a yeroo ayyaanni cuuphaa biyya keenyatti kabajamutti luboonni mukni isaan mataa irratti baatanii deeman taabotas gabatee araaraa (αŒ½αˆ‹α‰΅)'s osoo hin taane muka qofa.

Mana amantaa Ortodoksii Teewaahidoo Itiyoophiyaa keessatti Taπ‘Žπ‘π‘œπ‘‘π‘Ž kπ‘Žπ‘˜π‘’π‘’ M𝑒𝑠𝑒𝑒 kan jedhamu kun har'as Mana Kiristaanaa Tsiyoon Maariyaam keessatti argama jedhamee amanama. Egaa akkuma jedhame Taabotni Israa'elootaa biyya keenya jira erga ta'ee har'a akka bara Iyaasuu maaliif taaboticha qofa fudhatanii hin baane? Sirna kabaja taabotaa bara Iyaasuutti geggeeffamaa tures maaliif hin raawwannee? Taabotichis maaliif angoo dhabeessa ta'ee? Taabotni kakuu Itoophiyaa jira jedhame sheekkoo qofa waan ta'eef kana gochuu hin danda'u!

Kan biraan immoo Macaafuma Iyaasuu kana boqonnaa 3:4 irratti ummatni yommuu taaboticha hordofanitti waa'ee fageenya namootaa fi taabota gidduu jiru yeroo dubbatu, β€œIsin kanaan dura karaa kana baatanii waan hin beekneef, amma isa ilaaltanii yoo adeemtan, karaa irra adeemtan in beektu; haa ta'u iyyuu malee sanduuqichi akka dhundhuma kuma lamaa isinittii fagaatee haa adeemu; kana caalaa itti hin dhi'aatinaa!" jedheen.” jedha. Har’a fageenyi ummataa fi luboota taaboota jedhamee mukoota baatan gidduu jiru dhundhuma lama illee hin guutu. Kanaaf ragaan sirna kanaa kutaa Macaafa Qulqulluu kana yoo ta’e, ummanni maaliif saanduqa kakuu jedhame kana irraa dhundhuma kuma lama hin fagaatanii? Taabota bara Kakuu Moofaa nama afurtu baata ture'o, isa ammaa kana qofa qofaatti mataatti qadaaddatanii deemuu eessaa fidanii? Cuuphaan waggaa waggaadhaan irra deddeebiin geggeeffamu kun kan beekumsa Macaafa Qulqulluun alatti geggeeffamu kun eessaa bixxilamee?

Sababoota kanaa fi kan kana fakkaatan irraa kan ka’e, guyyaa ayyaana cuuphaa jedhamee kabajamu kana irratti taabota fuudhanii ba'uu fi maalummaa π‘šπ‘’π‘˜π‘Ž Ortodoksiin taabota jettee luboota baachistee deemtuu yommuu qorannu, kutaa Macaafa Qulqulluu kana wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne hubachuu dandeenya. Akkuma yeroo hunda arginu sirna ayyaana cuuphaa irratti π™’π™–π™˜π™π™žπ™ž, jeequmsa, 𝙙𝙖𝙧𝙗𝙖𝙣𝙣𝙖𝙖 π™‘π™€π™€π™’π™žπ™ž π™›π™ž 𝙨𝙝π™ͺπ™—π™—π™žπ™¨π™– malee wanti waaqeeffannaa fakkaatu hin jiru. Bakka fooliin Wangeelaa hin jirre dirree taphaa Seexanaa ti. Kanaafuu ayyaanni cuuphaa biyya keenyatti kabajamu ayyaana amantii calaqqisiisu utuu hin taane kabaja sirna aadaati yoon jedhe na hin sobsiisu.

































20 last posts shown.