Seerota Milkaa'ina Jireenyaa
Barruu kana wayita dubbistu, yaada kee gara kaayyoo jireenya keetti sassaabbadhu! Qalbii mana buleetiin dubbisi!
Seera 1ffaa: Wanti hundinuu Waqtiidha. Lafa irratti wanti hundi yeroodhaaf akka ta’e, wanti hundinuu immoo waqtii akka ta’e hubadhu. Yeroon olka’aan ni jira, yeroon gadi aanaanis ni jira. Yeroon gaariin ni jira, yeroon hamaanis ni jira. Yeroo ammaa kana yeroo hamaa keessa jirta taanaan hin turu. Yeroo ammaa kana hojii argachuu yoo dadhabde, sun yeroo tokkoof qofa. Yoo daldalli kee kallattii dogoggoraatiin deemaa jiraate, kunis waqtii qofa. Yeroo ammaa kana namni si waliin jaalala jalqabuu yoo hin barbaanne, sun bara tokkoof qofa. Waan hunda kan ajjeesu yeroo qofa.
Seera 2. Milkaa'inni Yaada. Milkaa’ina hin hordoftu. Namni milkaa'e jalqaba yaada tokkoon jalqabe. Milkaa'ina ykn maallaqa gonkumaa hin ari'an. Kanaa mannaa yaada tokko fidu, sana booda maallaqni dhufe. Maallaqa hin hordofiin, mul'ata tokko hordofi. Addunyaa kana irratti namoonni gosa sadii qabu: hiyyeessa, sooressa, fi badhaadhoota yaadaati. Namoonni hiyyeeyyiin yeroo hunda waa'ee maallaqaa ni dubbatu. Dureeyyiin waa'ee wantoota isaan jaallatan kan akka konkolaataa faashinii, mana gurguddaa fi kkf, yeroo hunda ni dubbatu. Namoonni sooreyyii garuu yaada irratti xiyyeeffatu. Kanaafidha namoonni dureeyyiin yaada bitachuuf maallaqa guddaa kan baasan.
Seera 3. Hojii Mataa Uumuu. Qaxarrii jechuun nama biraatiif hojjechuudha, kana jechuun nama biraa abjuu isaa galmaan ga’ee akka milkaa’u gargaaruuf qacaramte jechuudha. Dhuma guyyaa sanaatti dhaabbatichi kan kee waan hin taaneef ba’uuf dirqamta. Nama kaappitaala walitti qabuuf hojjedhu yoo dirqama ta'e garuu seera 2 yaadadhu.
Seera 4. Jijjiirama Gaarii Uumuu. Jijjiiramni qajeelfama jireenyaati. Jijjiiramni qaama jireenyaati. Jireenya keessatti guddina hiika qabu kamiyyuu argachuuf jijjiirama akka hammattu of hayyamuu qabda. “Jijjiirama yoo hin hammanne jijjiiramni si jijjiira.”