1 Attamitti warqeen gurraacha'ee, warqee qullaa'aan bifa geddarate! Attamittis dhagoonni mana qulqullummaa walga'ii karaa gurguddaa hundumaa irratti bittimfaman!
2 Ilmaan Xiyoon warri dur akka warqee qullaa'aatti ilaalamaa turan, amma attamitti akka qodaa suphee isa harki namaa hojjete ta'an!
3 Waangonni illee ilmaan isaanii harma in hoosisu, sabni koo garuu akka guchii lafa onaa keessa jirtuu gara-jabeeyyii in ta'an.
4 Mucaan harma hodhu dheebotee arrabni isaa in goga; ijoollonni buddeena in kadhatu, garuu kan isaaniif kennu hin jiru;
5 warri dur nyaata ba'eessa nyaachaa turan, amma karaa irratti in gaggabu; warri dur uffata mimmiidhagaa uffachaa turan, amma tuullaa kosii keessa in ciisu.
6 Yakki saba kootii Sodoom ishee cubbuu hojjettee, harki nama tokko illee utuu itti hin bu'in battala tokkotti badde sana irra in caala.
7 Gurguddoonni ishee cabbii caalaa qullaa'oo, aannan caalaas adii turan; dhagni isaanii callee gati-jabeessa caalaa diimaa ture, maddiin isaaniis calaqqisaa akka Safiiros ture.
8 Amma garuu bifni isaanii cilaattii caalaa in gurraacha'e, karaa irratti namni yoo isaan arge iyyuu isaan beekuu hin danda'u; gogaan isaanii shuntuuree lafee isaaniitti in maxxane, akka mukaas in goge;
9 warra beelaan rukutamanii muka iji isaa nyaatamu illee maasii keessaa dhabanii dhuman irra, warra billaadhaan dhuman wayya;
10 badiisi saba kootti yommuu dhufe dubartoonni gara-laafeyyiin iyyuu mucoolii isaanii harka isaaniitiin affeelanii in nyaatan.
11 Waaqayyo dheekkamsa isaa saba koo irratti gad in dhiise, aarii isaa isa boba'aas isaan irratti in dhangalaase; Xiyoonitti ibidda qabsiisee, hamma hundee isheetiitti ishee in gube.
12 Mootonni lafa irraa fi sabni lafa irraa hundinuu, diinonnii fi warri ishee jibban dallaa Yerusaalem keessa lixuu akka danda'an hin amanne;
13 haa ta'u iyyuu malee, sababii cubbuu raajota isheetii fi yakka luboota isheetii isa isaan dhiiga nama qajeelaa ishee keessatti dhangalaasaniif kun in ta'e.
14 Amma isaan akka jaamotaa karaa keessa in jooru, dhiiga dhangalaasuudhaan waan xuraa'aniif, namni uffata isaaniitti illee bu'u hin jiru;
15 namoonnis, "Isin warra xuraa'oo nana, sokkaa! Sokkaa waan tokkotti iyyuu hin bu'inaa!" jedhanii isaanitti in iyyu; yommuu isaan baqatanii sokkan immoo saba lafa irraa keessaa gar tokko, "Isaan kun itti fufanii as jiraachuu hin danda'an" isaaniin in jedhu.
16 Waaqayyo ofii isaatii isaan in tamsaase, deebi'ees isaan arguu hin barbaadne; namoonnis lubootaaf ulfina hin kennine, jaarsoliittis faara hin tolle.
18 Isaan gara nuyi itti adeemnu hundumaatti, nu gaadaa waan turaniif, karaadhuma irra iyyuu akka itti adeemnu in dhabne; raawwatamuun keenya waan ga'eef, dhumni bara keenyaa dhi'aateera, guyyoonni keenyas lakkoobsatti galaniiru.
19 Warri nu ari'an joobira qilleensa keessa balali'u caalaa fiigu; isaan tulloota irra nu ari'anii, lafa onaa keessas dhokatanii nu eeggatan;
20 inni Waaqayyo nuuf dibe, inni nuyi, "Hafuura jireenya keenyaa ti, gaadidduu isaatiin illee saba warra kaan gidduu in jiraanna" jennee yaanne, boolla isaan nuuf qotan keessatti in qabame.
21 Yaa namoota mandara Edoom, warra biyya Uz keessa jiraattanii, gammadaa ililchaa! Garuu xoofoon dheekkamsaa kun isinittis immoo in darba; isa keessaas dhugdanii machooftanii qullaa in buuftu.
22 Egaa yaa namoota Edoom! Waaqayyo sababii yakka keessaniitiif isin in adaba, cubbuu keessanis bakkeetti in baasa; yaa namoota Xiyoon, adabni sababii yakka keessaniitiif isinitti dhufe raawwatameera; Waaqayyo si'achi biyyaa isin hin baasu.
@Jaala_Dhugaa