Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta'an haa gammadan,
mootummaan waaqaa kan isaanii ti.
Warri garaan isaanii gadde haa gammadan,
isaan jajjabina in argatu.
Warri garraamiin haa gammadan,
isaan biyya isa abdachiifame in argatu.
Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela'anii,
akka bishaanii dheebotan haa gammadan,
isaan geessifachuuf jiru.
Warri namaaf oo'an haa gammadan,
isaan oo'a in argatu.
Warri yaadni garaa isaanii qullaa'oo haa gammadan,
isaan Waaqayyoon in argu;
Warri nagaa buusan haa gammadan,
isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan,
mootummaan waaqaa kan isaanii ti.
*3 Isa 57:15
*4 Isa 61:2
*5 Far 37:11
*6 Isa 55:1-2
*7 25:35-46; Yaq 2:13
*8 Far 24:3-4
*9 Ibr 12:14
*10 1Phe 3:14
“Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari'atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa! Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ari'achaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta'a” isaaniin jedhe.
*11 1Phe 4:14
*12 2Sen 36:16; HoE 7:52; Ibr 11:32-38
👉 Mat 5:3-12
👉 @Jaala_Dhugaa ✔️