#Affaaritti jiraattoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin qe'eerraa buqqa'an bakka biraatti qubsiifaman
Naannoo Affaar godina Gabirasuu aanaalee Dulasaa fi Awaash Fantaallee irraa namoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin buqqa’an gara wiirtuuwwan gaaddisa yeroo saddee keessatti qubsiifamuun deeggarsa argachaa akka jiran komaand poostiin naannichi hundeesse beeksise.
Hogganaan Biiroo Aadaa, Dargaggootaa fi Ispoortii Naannoo Affaar, akkasumas qindeessaa komaand poostichaa Ahmad Ibraahim DhPI’tti akka himanitti, jiraattota 54,180 gandoota 8 irraa buqqa’anii fi hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Kasam 4,058 ta’an deeggarsa namoomaa argachaa jiru.
Qindeessaan komaandii poostii kanaa kirkira lafaa hanga Rektar Iskeelii 5.8 gahu irra deddeebiin mudate hordofee hawaasni rifachuu guddaa keessa akka turaniifi kanneen loowwan isaanii waliin gara naannoo Amaaraatti imalanis jiraachuu himan.
📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!