Bidiruun gara #Yaman imalaa turte dhidhimuun lammiileen #Itoophiyaa 20 du'an
Bidiruun godaantota Itoophiyaa 35 feetee turte #Jibuutii irraa ka’uun qarqara galaanaa Kibba Lixa Yamanitti yeroo geessu dhidhimuun lubbuun lammiilee Itoophiyaa 20 darbuu Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) beeksise.
Taateen kun kan mudate Sanbata darbe yoo ta’u, balaa kanaan dubartoota 9 fi dhiira 11 dabalatee waliigalaan lubbuun lammiilee Itoophiyaa 20 darbuu IOM ibseera.
Erga yeroo dhiyoo asii godaantonni Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman jireenya fooyya’aa argachuuf jecha gara biyyoota Galoo Galaanaa ce’uuf yeroo yaalan Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Edan keessatti dhidhimuun lubbuu isaanii dhabaa jiru.
Onkoloolessa 2024 qarqara galaanaa Jibuutiitti bidiroonni lama godaantota 320 fe’anii turan dhidhimuun lubbuun lammiilee Itoophiyaa 48 darbuu Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii argamu ibsee ture.
📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!