#Ishee_Sodaadhu!
Lafa kana irra sodaawwan hedduutu jira. Namoonni hedduun hundaa caalchisanii du'a sodaatu. Hardha garuu waan du'a caalaa hadhaahaafi ati sodaachuu qabdu tokkon sitti hima. Waaqayyo karaa itti namoota rakkisoo adabu tokko qaba. Uleen adabaa kun kan gangalchee qullaa nama reebufi achittis bishaan namatti naqudha; fiixeen isaas ilkee torban qabaa caalaa kan nama dhukkubsu, yoo iyyanis kan namni nama irraa hin qabnedha. Yoo karaan kee Waaqayyotti toluu dide, yoo deddeebiin kee isa gammachiisuu dide Waaqayyo harka adaba kanaatti dabarsee si kenna.
Keessumattuu obboloota koo dhiiraaf kun ergaa guddaadha. Dhiirri yeroo lafa kana irra jiraatu dachee kanaaf gaachanadha. Rakkoowwan gurguddaa fuuldura dhaabbachuu kan dandahus dhiiradha. Mana isaa eeguu, ijoollee isaafi haadha warraa isaa irra darbee, waldaa Kiristiyaanaafi biyya eeguun itti gaafatamummaa Waaqayyo isatti kennedha. Warra itti gaafatamummaa kana eeguu dadhabaniif immoo manni hidhaa isaan itti adabaman tokko kophooftee jirti. Iddoon adabaa gadi fagoon du'a caalaa nama sodaachiftu kunis #dubartii yaadni ishee hin beekamnedha. Caaffanni qulqullaahaan akkas jedha...
Ani wanta du'a caalaa hadhaa'u nan arge; innis dubartii yaadni ishee akka kiyyoo fi futtaasaa ta'e, harki ishees akka funyoo sibiilaa ta'ee dha; namni Waaqayyo duratti gaarii ta'e ishee jalaa in ba'a; namni cubbamaan garuu isheedhaan in qabama. (Lal 7:26)
Mootichi Solomoon bu'aa bahiiwwan hedduu, badhaadhummaafi mootummaa, ogummaafi akka gowwaas tahee yeroo waan hedduu qorate keessatti waan du'a caalaa hadhaahu hin agarre. Haa tahu malee yeroo yaanni garaa isaa haadha manaawwan 1000 walitti isa qabsiisee, 1001 ffaa mootittii biyya Saabaa itti dabalsiise sana garuu waa hubate. Haadha manoota isaa 1001 walitti qabate keessatti garuu waanti du'a caalaa hadhaahaan dubartii keessa akka jiru hubate. Waanti du'a caalaa hadhaahu waraana keessa osoo hin taane dubartoota keessa akka jiru Solomoon biyya lafaa hubachiise.
Waanta du'a caalaa hadhaahu kana sodaadhu. Halkaniif guyyaa kan ati sodaachuu qabdu du'a caalaa dubartii akkasii kanadha. Dhiironni jajjaboofi dhiibbaa geessisan kan isaan sodaatan RDX fi TNT, hiyyumaafi qorama, kufuufi irraanfatamuu caalaa dubartiidha. Yeroo biyya lafaa irra jiraattu waanta hadhaahaafi du'a caalaa sodaachisaa kana jalaa bahuu yoo barbaadde Waaqayyo duratti qajeelummaadhaan jiraadhu. Biyya lafaa kana irratti dhumni nama cubbamaa garuu harka dubartii yaanni ishee hin beekamneeti. Kanaaf #Ishee sodaadhu! Mana hidhaa akkasii keessa jirta yoo tahe immoo fuula Waaqayyootti kufi...!
Isinan Jaaladha!
Barsiisa Bayananedhan kan barreefamedhaa