Oromia Communications Bureau


Channel's geo and language: Ethiopia, Somali


This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, Somali
Statistics
Posts filter




Nageenya waareessuufi araara buusuuf gaheen dhaabbilee amantaa olaanadha!
==
Nageenyi dhala namaaf dhimma murteessaadha. Lubbuun jiraachuu dabalatee hojjetanii jiraachuun kan danda’amu nageenyi amansiisaan yoo jiraateedha.Nageenya kallattiidhaan jiruufi jireenya dhala namaa waliin wal qabatu kana waareessuun ammoo gahee uummata hundaati.

Nageenya waareessuufi cimsuu keessatti uummanni hunduu gahee qabaatuus gaheen abbootiin amantaa qaban ammoo dachaadha. Sababni isaa amantaan kamiyyuu nageenya lallaba waan ta’eef abbootiin amantaa barsiifata nageenya lallabu kana hordoftoota amantichaaf itti fufiinsaan barsiisu taanaan dhaloota jaalala biyyaa qabuufi nageenyaaf waardiyaa dhaabatu uumuun ni danda’ama.

Dhaabbileen amantaa dhaloonni naamusa cimaan qaramee akka guddatu taasisuu keessatti gaheen qaban olaanaadha.Dhaloonni naamusa sirriin qaramee guddate ammoo nageenya kan hawwu qofa osoo hin taane sochii nageenya waareessuuf taasifamu keessatti adda dureen qooda fudhachuun gahee isaa kan bahu ta’a.

Bu’uruma kanaan guyyaa har’aa Magaalaa Jimmaatti konfaransiin nageenyaa " Gahee Dhaabbiilee Amantaa, Ijaarsa Nageenyaafi Araaraaf'' Mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Konfiraansichi Gumii dhaabbilee Amantaa Naannoo Oromiyaan kan qophaa'e yoo ta'u, nageenyaa fi tokkummaa lafa qabsiisuuf kan xiyyeeffateedha.

Konfaransii nageenyaafi araara akeeku kana irratti Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kafyaalaw Tafarraa fi Deetaan Ministeera Nageenyaa Kayraddiin Tazarraa dabalatee Hooggantoonni Mootummaa, Abbootiin Amantaa fi kutaaleen hawaasaa garaa garaa hirmaataniiru.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf;

https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@BKONews
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Whapp:https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28




Seenessa Waloo Ijaarsa Biyya Sabdaneettiif!
= = =

Seenaa ijaarsa biyyaa keessatti biyyi tokko kabajamtee, sodaatamtee jiraachuuf uummanni biyya sanaa seenaa, siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa keessatti seenessa waloo eenyummaa isaa ibsu kan waliin itti boonu qabaachuu qaba.

Biyyoota akka biyya keenyaa eenyummaa, Afaan, Amantaa, Aadaafi Duudhaa garaagaraa qaban keessatti walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun biyya sabdaneetti tokkummaan obbolummaa keessatti dagagee ijaaruuf seenessa hundi kooti jedhu jiraachuun dhimma murteessadha.

Kunis walqixxummaafi hirmaannaa haqa qabeessa hawaasa keessatti dagaagsuun biyya jabduu waan hundaan badhaate uumuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Kanaaf seenessi biyya ijaaruufi tokkummaa jabaa lammilee gidduutti uumuuf yaadama gumaacha olaanaa qabu waan ta'eef ijaarsa biyyaa keessatti seenessi waloo xiyyeeffannoo olaanaa barbaada.

Ijaarsa Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf hojiirra oolaa kan ture seenessa qeenxee Afaan tokko, aadaa tokkoofi Amantaa tokkoo yaadama jedhuun sabdaneessummaa kabaja dhorkuun eenyummaa tokkoon saboonni, sablammootniifi uummattootni akka bulan dirqisiifamaa turuun ni yaadatama.

Qabsoo diddaa garbummaa uummanni Oromoofi saboonni biroo geggeessaniin sirni qeenxee akka hin deebinetti burkutaa’ee jira.

Injifannoo bara 2010 hordofee jijjiirama dhufeen dhimmi cabiinsa siyaasa Itoophiyaa suphu seenessa waloo ijaaruu ta'uu hubatamuun, barii jijjiiramaa irraa eegalee seenessa waloon Itoophiyaan biyya hundaan hundaaf hundarraa ijaaramaa jirtu yoo ta'u, sirni qeenxee erga burkutaa’e asis dhaadhessitoonni sirna qeenxee ilaalchaafi gochaan har’as imala seenessa waloo kabaja sabdaneessummaa olkaase danquuf halkaniifi guyyaa carraa argame hundaan of mul’isaa jiru.

Haa ta'u malee akeekni finxaalessitoota sirna seenessa qeenxee yoo danda’an biyya diiguu yoo dadhaban imala eegalame danquu waan ta'eef, sirni murna qeenxeen hogganamu kun waan burkutaa’eef ilaalchi seenessa qeenxees humna sabdaneessummaan burkataa’ee biyyi obbolummaan sabdaneessaa keessatti dagagee hundaan, hundarraafi hundaaf ni ijaaramti.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf;

https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@BKONews
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Whapp:https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28






Mootummaan naannoo Oromiyaa guyyaa har'aa Tiraaktaroota ammayyaa 1,402 Qonnaan bultootaaf dabarsee kenne

Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomishaaf oomishtummaa qonna naannichaa guddisuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Kana caalmatti milkeessuufis qonna Naannichaa ammayyeessuun makaanayzeeshiniin qonnaan deeggaramuufi galtee oomisha qonnaa irratti xiyyeeffachuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojjetamaa jira

Guyyaa har'aas Magaalaa Shashamanneetti Tiraaktaroonni ammayyaa 1,402 bakka pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi hooggansi olanoon argamanitti qonnaan bultoota,yuuniyeenota,Waldaalee Bu'uraafi IMxf dabarfamanii kennamaniru.



























20 last posts shown.