Naannoo Oromiyaatti Barnoonni bara 2017 Fulbaana 7 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise
=
Biiroon Barnoota Oromiyaa guyyaa galmee barattootaafi guyyaa barnoonni bara 2017 eegalu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.
Kaalaandara Barnootaa bara kanaa bu'uura godhachuun bara barnootaa 2017tif galmeen Barattootaa Hagayyaa 27 hanga qaammee 5tti kan gaggeeffamu ta'uu kan ibsan Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayisaa barnoonni bara kanaa fulbaana 7/2017 kan eegalu ta'uu ibsaniiru.Hojii baruufi barsiisuu bara kanaafis qophiin hundi xumuramuu eeraniiru.
Bara kana akka waliigalaatti Manneen Barnootaa bu'uura boruu 20,225, sadarkaa 1ffaa 16,351, sadarkaa 2ffaa1,365 akkasumas Koolleejjota 13 ol keessatti sirni baruuf barsiisuu kan gaggeefamu ta'uu himanii jiru.
Walumaagalatti bara kana akka Naanmoo Oromiyaatti manneen barnootaa 37,959 keessatti hojiin baruufi barsiisuu kan gaggeeffamu ta'uu Obbo Girmaan dubbataniiru.Bu'uuruma kanaan dhaabbilee kanneen keessatti barattoonni mil. 12 ol simachuun barsiisuuf qophiin taasisamee jira.
Haala baruufi barsiisuu mijataa taasisuuf bara kana daree dabalataa 1,939 ijaaramuufi 6,700 suphamuun tajaajilaaf qophaa'uun ibsameera.
Manneen jireenyaa barsiisotaa 3,897 ijaaramaa jiran keessaa 966 xumuramuus Obbo Girmaan dubbatanii jiru.
Barnoota guyyaa jedhameetti eegalchiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi ammumarraa eegalanii qophii gochuu akka qaban Obbo Girmaan hubachiisaniiru.
Barattoonni boqonnaarra turan
guyyaa eerametti manneen barnootaatti argamuun barnoota isaanii akka hordofanis dhamanii jiru.
Odeeffannoo Dabalataaf
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo