Yeroo kophummaa namatti dhaga'amu, "gorsi" sagalee Waaqayyoo Baay’ee barbaachisaa dha. Kophumman nama of biraa dhabu qofa miti. Nama Baay’ee gidduu jiraachaa keessa ofii ta'ee kan nama rakisuu, icciiti ta'ee keessa namaa kan nyaatu nama itti himataniif ittiin mariyatan dhabuu dha. Yeroo akkasi duubii isaa qoratani kadhataan Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya uumuuf carraa Baay’ee gaaridha waan ta'eef wanti hundumtu gaaridhaaf jedhani fuula isa sekondi tokkoof namarra adda hinbaanetti dhiyaachudha. Waaqayyo yeroo hundumaa kan namaa wajjin jiruu fi yoomiyyuu nama hin dhiisne dha. Yeroo akkasi miira ofii tasgabbesani waan namatti ulfaate isa salphisuu danda'u Waaqayyotti dhiyeesudha. Isa. 41:10 "Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba". ("Hin sodaatin, sababi sodachu dhiisu kee anatu si wajjin jiraa jedha). Far. 23:1,4 "Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!... Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabanni kee ana in jajjabeessu". ("Gooftaan tiksee kooti, ani homaa hin dhabu") kan Waaqayyo yeroo hundumaa kunuunsaa fi akka hiriyyaatti wajjin jiruu namni yoo waliin ta'uu dhisee waa tokko itti hinfakkaatu. Maddi jajjabinaa fi jabina nama haala mijatee utuu hintaane Waaqayyo nama wajjin ta'uu dha. Iddo ati jirtuu utuu hintaane murteessan isa ati wajjin jirtu dha. Dubbiin Waaqayyo akka ati
Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya dhuunfaa qabaattu, jaalala inni siif qabu gad fageenyaan akka ati hubattu sigorsa. Qajeelfama dubbi Waaqayyo yoo fufhatte kophummaa kee hin irraanfatta. Nama Waaqayyon dhaga'ee isa irraa barateef nagaan keessa isaa guute dhangala'aa.
Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya dhuunfaa qabaattu, jaalala inni siif qabu gad fageenyaan akka ati hubattu sigorsa. Qajeelfama dubbi Waaqayyo yoo fufhatte kophummaa kee hin irraanfatta. Nama Waaqayyon dhaga'ee isa irraa barateef nagaan keessa isaa guute dhangala'aa.