Humna murteeffachuu
✍️ Jijjiirama adeemsa jireenyaa keessatti nama mudatu hundumaa gara eeyyantaatti jijjiiruuf murtoon humna guddaa qaba.
❓Murtoon ati jireenya kee keessatti itti hin gaabbine maali?
✍️ Yesuusiin fayyisaa lubbuu kee gootee fudhachuudhaa? yoos ati sirrii jirya.
📖 Daaniʼel 1:8 (MACQUL) Daani'el garuu nyaata mootichi nyaatuu fi dhugaatii inni dhugu soorachuudhaan akka of hin xureessineef garaa murate; kanaaf of xureessuu kana keessaa ooluudhaaf angaficha warra hojjetootaa sana in kadhate. 9 Waaqayyo immoo Daani'el faara tolaadhaa fi gara-laafina angaficha irraa akka argatu godhe.
👉 Daani'el garuu nyaata mootichi nyaatuu fi dhugaatii inni dhugu soorachuudhaan akka of hin xureessineef garaa murate/ murteeffate.
👉 Waaqayyo immoo Daani'el akka inni faara tolaadhaa ilaalamu godhe.
👉 Ga'een kee murteeffachuudha. Murtoon kee immoo amantii fi garaa qulla'aan taanaan ga'een waaqayyoo immoo murtoo kee sana fiixaan baasuudha.
👉 Murteeffachuu jechi jedhu kun jireenya yookiin badiisaaf, ka'umsa yookiin kufaatii dhala namaatiif riqicha abbaan muratuudha.
👉 Murtoon dhuunfaa kun kallattii jireenya dhuunfaa kanneen akka gaa'ilaa, barnootaa, diinagdee, hawaasummaa fi kanneen kana fakkaatan kan xuxxuqu yoo ta'u, ofii isaatii immoo bakaa lamatti qoodama. Isaanis:
➀. Murtoo gochaan duraa
➁. Murtoo gocha boodaa
👉 Mee kanneen lamaan wal-duraa duubaan haa'ilaallu.
➀. Murtoo gochaan duraa (fore decision)
👉 Murtoon akkasii kun utuu gochaan/taateen tokko hin raawwatin dursanii akeekuudhaan, amantiidhaan yookiin mul'ata waaqayyoo namaa kenne irratti hundaa'uudhaan murteeffachuudha.
👉 Macaafa qulqulluu keessaa namoota waaqayyoo kanaan milkaa'an muraasa eereen isiniif ibsa.
➀.➀. Dargaggoota Israa'el afran sana. (Daniel, siidraaq, Mishaaqi fi Abdinaagoo)
👉 Ijoolleen kun nyaata mana mootummaa sana jibban utuu hin taane, sababa maaliitiif nyaatichi akka qophaa'e waan beekaniif didani.
👉 Akka koomentariin tokko tokko ibsutti nyaatichi Waaqa tolfamaa mootichaa isa Maardooq jedhamuuf aarsaa qalame ture.
👉 Ijoolleen kun utuu nyaaticha irraa nyaataniiru ta'eetii waaqicha tolfamaa sabattii hirmaatu turan.
👉 Tarii utuu har'a ta'eera ta'eeti meeqan keessantu nyaata miidhagaa dhiisee raafuu filata? Yoo hafuurri waaqayyoo namaaf ibse, yoo sammuun namaa banamee, maaliif akka inni ta'aa jiru nama hubachiise malee kun callisaniituma hind didamu.
👉 Yeroo tokko tokko isunumaanuu mee kottuu kana nyaadhu isiniin jedhu. Tarii baay'een keessan "Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis nyaataaf kennaname." jettanii irraa qammastu.
👉 dhimmichi garuu dhimma baay'ee nyaachuuf xiqqoo nyaachuu ykn dhimma baay'ee dhuguuf xiqqoo dhuguu miti. Dhimmichi dhimma kakuu galuu yookiin itti walii galuuti.
👉 Eesaawun ittoo misiraa yoo baay'atte yeroodhuma sana qofaaf jedhee angafummaasaa gate. Uma 27:1 Ilaluu dandesuu.
👉 Angafummaan dhalootaan argatama, murteeffachuu dhabuudhaan garuu namaharkaa fudhatama.
👉 Dargaggoota meeqatu har'a aboo isaaniif kenname, caatiitti sharafanii, dhugaatiitti sharafanii, ejjatti sharafanii kaan immoo shiishaa fi kkf tti sharafaniiru?
👉 Kun maalirraa isaanitti dhufa yoo jettan ulfina isa caaluu arguu dadhabanii gammachuu isaanii ishii har'aatiif iddoo kennuu irraa madda.
👉Nama hubatee ilaaluuf garuu ulfinni caalu, gammachuu har'aa keessa utuu hin taane haleelanii foon ofii qabuu keessa jira.
👉 Yooseef gammachuu battalaa didee ulfina isa caalutti darbe. Seenaan isaa fakkeenyummaa gaariidhaan dargaggootaaf dhalootarraa dhalootatti darba.Uma 39:1
👉 Faallaasaa immoo saamsoon gammachuu yeroo Daliilaarraa argatu ilaalee ayyaana waaqayyoo isa hummnaaf surraa isaaf ta'e gatee, muka kolfaa ta'e. Abo 14:1
👉 Goota mangaaggaa harree tokkoon kumaatama walirra naqe, eegee wongootaatti abidda hidhee mansara diinota isaanii gubee barbadeessetu, harka loltoota lama sadii irratti kufe.