f) Dhuga baatotni Joovaa akka barsiisanitti, “waa’een dhiifamuu cubbuu Waaqayyo qofaan kan raawwatu utuu hin taane, walakkaan isaa kan namootaa ti. Akkasumas dhiigni Yesus cubbuu ilmaan namaa walakkaa isaa kan qulleessu yoo ta’u, guutummaa guutuutti kan fayyan lola Armaagedon booda” jedhu. Garuu dhiigni Yesus guutummaa guutuutti cubbuu hundumaattii humna nu qulleessu of keessaa qaba. “……. Dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaatti nu qulleessa” jedha. (1Yoh 1:7)
g) Akka barsiisa dhuga baatota Joovaatti, “Waaqayyo waaqa jaalalaa waan ta’eef saba isaa ibidda Gaannamaan hin guggubu; kanaafuu ibiddi bara baraan cubbamoota gubu (Gaannam) hin jiru” jedhu. Garuu dhugaan isaa akkuma qajeelotaaf jireenyi bara baraa qophaa’ee jiru cubbamootaaf immoo iddoon gubannaa bara baraa qophaa’ee jira. Wabii:- Soba dhugaa fakkaatuu-Luba Milkiyaas Gendo - Derik prince 1996 - barumsa dogoggoraa