ILMI JABAAN💥
Bara namaaf tolte
Arba gambaa godhanii
Diina kokkee hudhanii
Qilee gatu fuudhanii
~
Gumaa soree ofii baafatu
Kaayyoo tokkoon dhaabatu
Fira ofii waammatu
Ajjeesanii dhaadatu
~
Geeraranii caraanu
Ari'anii waraanu
Kolfanii gammadu
Firri wal barbaadu
~
Tulluu waliin jiksu
Dhugaa waliin tiksu
Eenyummaa ofii beeku
Haqa waliin eegu
~
Gabrummaa faccifatu
Haqa barbaacha kaatu
Mirga kabachiifatu
Ilmoo itti guddifatu
~
Jabaan of ta'ee dubbata
Sodaa ofirraa mulqata
Barbaadee of argata
Seenaa darbe iyyaafata
~
Mirga ofiif gaafata
Irree tokkoon dhaabata
Saba isaa gorfata
Gara tokkummaatti waammata
~
Jecha deema akka hundatti
Sagalee kaasee iyyaa
Jedheet hundaa tumsa
Miidhamni saba koo kiyyaa
✍️
Bara namaaf tolte
Arba gambaa godhanii
Diina kokkee hudhanii
Qilee gatu fuudhanii
~
Gumaa soree ofii baafatu
Kaayyoo tokkoon dhaabatu
Fira ofii waammatu
Ajjeesanii dhaadatu
~
Geeraranii caraanu
Ari'anii waraanu
Kolfanii gammadu
Firri wal barbaadu
~
Tulluu waliin jiksu
Dhugaa waliin tiksu
Eenyummaa ofii beeku
Haqa waliin eegu
~
Gabrummaa faccifatu
Haqa barbaacha kaatu
Mirga kabachiifatu
Ilmoo itti guddifatu
~
Jabaan of ta'ee dubbata
Sodaa ofirraa mulqata
Barbaadee of argata
Seenaa darbe iyyaafata
~
Mirga ofiif gaafata
Irree tokkoon dhaabata
Saba isaa gorfata
Gara tokkummaatti waammata
~
Jecha deema akka hundatti
Sagalee kaasee iyyaa
Jedheet hundaa tumsa
Miidhamni saba koo kiyyaa
✍️