Akka lafa dheedichaa
Dirree onnee luqqiste
Hadhooftuun eebichaa
Foolii keetiin buqqiste.
~
Nama fayyaa himatu
Jaalalaan madeessite
Gaafa hunduu cimatu
Akkamitti odeesstite.
~
Garaan baneem dafee
Gaabbita jedhee beekuu
Onneen duwwaa hafee
Nagaan deemi sin eeguu
~
Nama hunduma beeku
Jaalalli gowwaa gootee
Qaama cabsite ceequu
Salphaatti na mootee.
~
Akkuma aara ixaanaa
Onnee seente lootee
Adeemii fagaadhu kaa
Erga diddeetoo gootee
~
Jabbiin golaa mar'attu
Mucha haadhaa hootii
Mana teessa callistee
Qalbiin yaadaan dhootii
~
Kan sangaan iyyuu qabu
Qanceen diddeet iyyite
Bara darbeen himadha
Yeroo onneen fayyite
~
Yaaddoo lafa buuftee
Karaa onnee qallistee
Jaalala diddee quuftee
Afaan keen callistee.
~
Uleen abbaa Gadaa cabu
Heerriif seerri isaa dabu
Nagaatti erga fagaattee
Nama jaalalaa hin dhabu.
Dirree onnee luqqiste
Hadhooftuun eebichaa
Foolii keetiin buqqiste.
~
Nama fayyaa himatu
Jaalalaan madeessite
Gaafa hunduu cimatu
Akkamitti odeesstite.
~
Garaan baneem dafee
Gaabbita jedhee beekuu
Onneen duwwaa hafee
Nagaan deemi sin eeguu
~
Nama hunduma beeku
Jaalalli gowwaa gootee
Qaama cabsite ceequu
Salphaatti na mootee.
~
Akkuma aara ixaanaa
Onnee seente lootee
Adeemii fagaadhu kaa
Erga diddeetoo gootee
~
Jabbiin golaa mar'attu
Mucha haadhaa hootii
Mana teessa callistee
Qalbiin yaadaan dhootii
~
Kan sangaan iyyuu qabu
Qanceen diddeet iyyite
Bara darbeen himadha
Yeroo onneen fayyite
~
Yaaddoo lafa buuftee
Karaa onnee qallistee
Jaalala diddee quuftee
Afaan keen callistee.
~
Uleen abbaa Gadaa cabu
Heerriif seerri isaa dabu
Nagaatti erga fagaattee
Nama jaalalaa hin dhabu.