♻️"OFIIN DORGOMI"
✍ Bara jiraattu keessatti dorgomaa baay'ee cimaa ta'ii darbi. Dorgommii kee mo'achuuf yoom illee duuba hin deebi'iin. Kan ati ittiin dorgomtu garuu nama biraan hin ta'iin. Ofii keen of dorgomi. Yoo nama biraan wal dorgomte rakkina keessa galuu dandeessa. Kunis namni ati ittiin dorgomtu gara badisaatti deemaa jira yoo ta'e, ati isa dursuuf waan fiigduuf dursitee rakkina keessatti kufta. Inni ati ittiin dorgomtus gaafa kufaatii kee argu duubatti deebi'ee of yaadachuun ni injifata. Kana keessatti yaada keen of yoo dorgomte garuu, waan gootuufi akkamiin akka gootu addaan baastee beekta. Milkaa'insi kees karaa kana. "Akka abaluun sirbaan morma nama cabsa" jedhama. Kanaaf akka nama biraatti osoo hin taane, akka dhuunfaa keetti dorgomi. Osoo yaada ofii hin injiifatiin nama biraa yaadaan mo'uun hin danda'amu. Ati ofii keef dorgomaa cimaadha. Gaafa jecha namaa dhageessu ittiin hin booniin yookiin hin tuffatiin. Garuu hunduma isaa fudhuu ittiin of ijaari. Gaafa of ijaarte ni dorgomta. Dorgommiin kan takkaa yaalanii ittiin milkaa'an miti. Kan keessatti abdii kutanis miti. Garuu kan keessa dhaabbatanii dirree injiifannoo ilaalani. Dorgommii keessatti kuftee kaata. Obsa baratta. Gaafa dorgomte ni milkoofta. Milkaa'insikee dhalootaaf fakkeenya ta'a. Xiqqaaf guddaan si ilaalee deema. Si irraa barata. Gaafa milkaa'e yaadannoof yaada isaa keessa si kaawwata. Si'iin boona. Kanaaf Yoom illee "ofiin dorgomi!"
Kun tokko, kaan immoo gaaf tokko!
imala keennya!
✍debela_etana