Seenaan gurbaa kanaa baay’ee natti tole!
Waaqayyo jireenya kee jijjiiruu yoo barbaade waan gatii hin qabnetti gatii guddaa siif godha!
Gurbaan kun Saamu’eel Baayisaa (Saamii) jedhama. Dubai keessa hojii ijaarsaa hojjetee jiraata.
Gaaftokko hojii isaarraa akka baheen konkolaataa bareedduu gatiin qaalii ta’e kan ‘Porsche 911’ jedhamu daandii gubbaatti arge. Baay’ee dinqiisiifate. Itti dhiyaatee ilaale. Abbaan konkolaataa sanaa miira Saamii ilaalee itti tollaan, “Kottuu seeni” jedheen. Saamiin uffata hojiidhaan waan jiruuf konkolaataan jalaa xureessaa laata jedhee yaade. Namichi garuu, “Ilmi namaa konkolaataarra caala” jedhee kabajaan simate.
Konkolaataa sana suutaas, saffisaanis hoofee Saamii gammachiise. Saamiinis, “Waan na kabajjeef galatoomi” jedhee namicha galateeffatee bu’ee deeme. Namichi waan kana hunda camera konkolaataa isaa keessa tureen waraabaa ture. Video sanas instagram irratti maxxanse. Videon sun baay’ee jaallatame. Haga ammaatti namoota miliyoona 1.4 oliin daawwatameera!
Warra video kana daawwatan keessaa tokko Modelist beekamaa lammii Cameroon kan Dubai keessa jiraatudha. Akkuma video kana argeen “Maaloo Saamii naaf barbaadaa” jedhe. Utuu oolee hin buliin naannoo bakka hojii Saamii deeme sa’atii lama guutuu barbaadee argate. “Ati ana waliin modelist taatee hojjetta” jedheen. Mana rifeensaa geesse, mana uffataa geesse, mana suuraa geesse!
Saamiin amma nama beekamaa hojiif barbaadamu ta’eera. Dhaabbanni baay’een beeksisa akka hojjetuuf barbaadu. Namoonni video isaa instagram irratti argan baay’eenis karaa ittiin isaan wal arguufi isa gargaaruu danda’an iyyaafachaa jiru!
Please don't forget share and react
JOIN NOW ➬ @HARD_POTENTIAL