#Namoota_Lamatu_Jiru
Jireenya kee mo'achuuf #tattaaffii ati taasiftu keessatti gosa namootaa lamatu yaada siif qaba.
1) Warri ga'umsa ofii isaaniittiyyuu hin amanne "meerre eessa geesseree?" siin jedhu. Iji isaanii mudaa kee malee coba yaada keetii hin argu. Ija ittiin ofii isaanii ilaalaniin si ilaalu.
Lafa ofii dhokatan si barbaadus. Isaan jireenyi ilma namaa waanuma halkan tokkotti jijjiiramu se'u. Waan amma jette akka ati amma jiraattee itti agarsiiftu barbaadu. Kun dhibaa'ummaa isaaniirraa madda.
Sammuun isaanii 'waa hojjetanii waa argachuu' waan jedhu hin fudhatuuf. Taa'anii quba namatti qabuun garuun kennaa isaaniiti. Isa hin nuffan, hin dadhabanis. Yeroo ati jalqabdu si tuffatu, yeroo ati xumurtu immoo si jibbu.
2) Warri lammaffaa immoo warra guyyaa borii irraa abdii qabaniidha. Jijjiiramni cichoominaan hojjechuu, jabaatanii fuulduratti adeemuu fi tattaaffiidhaan waan har'a hojjechuu dandeessu hojjechuu keetiin si madaalu. Humna, ga'umsaafi dandeettii har'a qabduun waan har'a hojjechuu dandeessu yoo hojjette, bor immoo maal hojjechuu akka dandeessu abdii sirraa waan qabaniif #jabaadhu siin jedhu.
Jireenya kee borii yaada keefi tattaaffii kee har'aa keessatti ilaalu. Hanqinuma kee wajjin si jaallatu. Yoo dogoggorte si gorsanii sitti dheekkamu malee "hin dandeessu" jedhanii abdii kee si keessatti hin gogsan.
Ok