Chaayinaan saree farra haleellaa osoo hojiirra jiruu hirribni fudhate adabde.
"Fu Zai" saree leenjii addaa fudhatanii Chaayinaa haleellaa irraa eegaa jiran keessaa tokko.
"Fu Zai" bara darbe Kutaa Poolisii Ummata Weifang jalatti tajaajila olaanaa kenneen badhaasa hedduu badhaafameera.
Haa ta'u malee, dhiheenya kana osoo hojii irra jiruu hirriba rafuu isaatiin Komishinii Poolisii Chaayinaatiin adabame.
Sareen kun kanaan dura hojiiwwan hin baratamnee fi hin eegamne hojjechuudhaan maqaa gaarii kan argate yoo ta'u, badhaasa hedduus argateera.
Diinagdee addunyaa irraa lammaffaa kan taate Chaayinaan, Saree leenji'an fayyadamuun boombii, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi yakka xixiqqaa biroo ittiin adda baafti.
Sareen ji'a 18 kun umrii isaa ji'a afur irraa kaasee leenjii poolisii adda addaa fudhateera.
Poolisiin waggaa guutuu milkaa'e guyyaa tokko dogoggora raawwatee adabamuu akka hin qabne namoonni baay'een yaada keenna jiru.
Fuulli miidiyaa hawaasaa sochii Fuzain hunda agarsiisuudhaan beekamu guyyoota muraasa keessatti hordoftoota kuma 340 ol akka argates gabaafameera.
Maddi:- Waliif tv