SEENAA AJAA'IBAA KANA DUBBISAA!
==============================
โจNamticha tokkotu fardaan osoo deemuu namticha miilla lamaanuu hin qabne tokkotti dhufe. Namtichi miilla hin qabne sunis tabba ba'uu dadhabee foqoqaa ture. Abbaa fardaa argeetu, " Maaloo na bira hin darbin. Akkuma argitu kana miilli koo lachuu citaadha deemuu hin danda'u." Jedhaan. Abbaan fardaas hedduu gaddeef. Namticha miilla hin qabne kanas baatee fardarratti uddeellateetu imala eegale.
.
โจErga takka deemanii booda, namtichi miilli citaa sunis abbaa fardaatiin akkas jedheen..., " Milli koo citaa waan ta'eef lama taanee farda kanarra taa'uun natti toluu dide. Ati miillikee fayyaa waan ta'eef xiqqoo lafa deemi; animmoo takkan kophaakoo yaabbadhaatii jedheen."
โจAbbaan fardaas duraanuu waan akka malee gaddeefii jiruuf, tole jedhee bu'ee lafa deemuu eegale. Namtichi miilla citaa sunis takka erga fardaan kophaasaa deemee booda. Gulufuu eegale. Abbaan fardaa dhaabi jedhus didee gulufee fagaatee deeme.
.
โจAbbaan fardaa sunis namtichi miilla citaa sun fardasaa fudhatee akka badaa jiru waan hubateef sagalee ol fuudhee akkas jedheen, " Farda kanallee fudhachuu fudhadhu. Waan narratti raawwatte kana garuu namatti hin himiin adaraa kee. Addunyaa kanarraa namni nama gargaaru nii dhabamaatii." Jedheen jedhama.
โจWaan gaarii hojedheen ofitti gammadee
Jiraadha gaafa jettu !
hojii rabbitti toluuf garraamummaa rabbi jaallatu hojedheen darba gaafa jettu !
Harka damma hiixatteen daaraa hammaarrattee gaafa galtuu!
Obsa akkamii naaf kenni jettanii Rabbiin kadhattu!
โจUTUU ISIN TA'EE MAAL GOOTU?
๐ GALATOOMA
โโโโโโโโโโโโโโโโโโโโ
๐JOIN:
@hard_potential๐JOIN:
@hard_potential๐JOIN:
@hard_potentialโโโโโโโโโโโโโโโโโโโโ