OGEETTI


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Education


HAADHA MANAA OGEETTII! Gaa'ela milkaa'af. Channel view kan jedhu tuqi! Join godhi!
Contact: @GAAFFIFDEEBI

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Education
Statistics
Posts filter


Akeekkachiisa namoota Gaa'ela qaban hundumaaf!

Yeroo hundumaa gara ciisicha keessani deemun dura,garaa garummaa yaada ykn walitti bu'iinsa yoo qabaattan mariyachuutin furmaata itti kennaa! Kunis miirri sammuu keessanin uumamu miira wal qunnamtii saalaa keessanif qabdan waan hoogganuuf ciisicha gaa'elaa gammachiisa raawwachuuf isin gargaara.


❤️LOVE🌹


🌹Jaalala Fageenyarraa! ❗️

🖤 Jaalala fageenyarraa warri jalqabdanii wal jaallattaniis jirtan. Waantota gurguddaa armaan gadii yoo raawwattan 90% kan tahu jaalalli keessan itti fufuu danda'a. Na amani waantota ani si gorsu kana yoo haalaan itti fayyadamteef, gaa'ela kee haala bareedaa fi Waaqayyotti toluun ijaaratta.
Isaanis:-

1. Block wal gochuu dhiisuu

➡️ Hubadhu! Fageenyarra jirta, karaa ati ittiin wal arguuf carraa bal'aa qabduu fi jaalala kee ijaarrattu, Bilbila kee qofa. Sanumaayyuu walitti aarteemmoo #block wal goota taanan baay'ee wal hubachuu dhiisuutu dhufa. Kunimmoo salphaatti akka walirraa fagaachaa deemaniif carraa bana. Yoo danda'ame rakkoo keessa keessan jiru wal dhaggeffachaa, fala barbaadaa malee tasuma #block wal gochuu irraa fagaadhaa.  Kun jaalala keessaniif baay'ee utubaadha.

2. Rakkoo keessan icciitiin of gidduutti qabadhaa!

➡️ Akka ofiikoo jettee inni ati hiriyaa keetti himattu sun, boolla ofitti qotaa jiraachuu kee ibsa. Cimsee waanan isin gorsu rakkoo isin lamaan giddutti uumamus ta'ee wanta jaalallee kee waliin haasoftu kam namatti himuu irraa of eegi. Anatu siin jedhe of eegi. Yoo dandahame waantota isin giddutti tahuuf qaama 3ffaa hin barbaadinaa. Caalaatti shammarran as irratti dadhabina baay'ee guddaa qabdu. Irraa of eegaa!

3. Osoo wal hin hubachiisin Online irraa hin badinaa!

➡️ Online irraa yeroo baddan, sababa maaliif akka badde dursii jaalallee keetti himi. Kanaan ala jaalala kee dhiphisuu taha. Sababa kana kanaaf Har'a online hin seenuu jedhii dursa itti himi. Jaalallee kees maaliif na jalaa badde/de jedhee dhiphachuu irraa bilisa ta'a/taati

4. Yeroo haasoftan maal gochuu akka qabdan mari'adhaa!

➡️ Yeroo kamuu waa'ee jireenya keessan fuulduraa dubachuu filadhaa. Waan har'a darbuun qilleensa wal hin godhinaa. Wal gammachisuufis jecha qoosa hin baayisinaa. Callisanii kolfuu, iyyuu fi maraachuu qofti atubaa jaalala ni jabeessa hin jedhinaa. Waan hundumaa ogummaan dubbachuu yaalaa. Wal hubadhaa. Yeroo waliif kennaa dubbadhaa

5. Video call waliin haasahuu yookiin Suura ofii waliif erguu.

➡️ Karaa namatti toluuf ija jabummaa isiniif kennuun carraa isin Fageenyarra teessanii waliin dubbattan videocall ha tahu. Kunis akkuma dubbadhe dhimma keessan ija jabinaan fi amantaa guutuun akka dubbattan isin godha. Yeroo haasoftanis akka nama waaqayyo tokkootti maal akka haasoftan beeka. Ogummaa isa waaqayyo isin irraa barbaduun dhimma keessan bu'ureffadhaa. Photo keessan kan waliif ergitanis ogummaan ha tahu.

6. Suura walii keessanii profile hin godhinaa.

➡️ Isa kana sirriitti dubbisi hubadhu!
Inni kun dadhabina namoota baay'ee gaa'elaa isaanii diigeedha. 100% godhee waanan isinitti himu social media (Facebook, telegram, tiktok,...)irratti suura fi video jaalallee kee hin maxxansin. Anatu siin jedhe sababa baay'ee narraa hin eegin. Garuu hin maxxansin. Inni kun yeroo hundumaa jaalallewwan lamaan gudduutti dubbii kaasa. "Suura jaalallee koo maxxanse immoo maaltu gad dhufa?" jettee jennaan itti fufi. Guyyaa tokko garuu waanan amma sitti himu kana yaadatte akka gaabbitu hin dagatin.  Ati jaalalle kee akka si amanuuf si jaallatuuf gochuu malta. Garuu jalalleekee Account kan biraa irratti yoo profile si godhate/tte account kan biraan immoo nama kana biraa waliin waliin dubbata/tti mala. Namni tokko tokko account 4 ol qabaachu mala 😁kanaafuu media irratti wal maxxansuun amanamunmaaf sababa hin tahu.

7. Yeroo dhaabbataa waliin haasoftan qabaadhaa.

➡️ Yeroo siif mijate qofatti jaalalle keef dawwaluu hin yaadin. Yeroo lamaan keessan free taatan waliif gala waliin Bilbilaa.

8. Maatii walii keessanii wal barsiisaa.

➡️Jaalalli keessan sadarkaa barbaachisurra gaafa gahu, maatii kee hundumaa jaalallekee waliin wal barsiisuu yaali. Kunis maatii irraa gorsa barbaachisaa fi ofitti amanamummaa jaalalaaf akka qabattu si godha.

:¨·.·¨: 💖 
 `·. 
http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0


Yeroo hundumaa fuula ifaatin wal simadha. Footon ykn suurri kolfani ka'an iyyuu yeroo ilaalan miira gammachuu namaaf laata!
🍀☘☘☘☘☘☘☘☘☘☘☘
http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0
http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0
http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0


👠👠👠Jireenya Gaa'elaa keessatti amala walii sirriitti wal beektu taanan wal jeequu fi wal mufachiisun ni xiqqaata.sababiin isaas kallatti nama sana haarsu irraa maqxee waan deemtuf!


🙅‍♂Gaa'elli Balbala ittin Ol galan melee Balbala ittin keessa ba'an hin qabu! Itti yaadi itti seeni!
🍀❤️❤️☘🟣💋☘🌹🍀🌷🌷✅✅✅✅✅✅✅✅🍀❤️🌹🌹✅☘☘✅☘✅🌹🌹✅☘✅☘✅☘✅☘☘🟣🟣🟣💋💋💋❤️❤️💋💋🟣🟣🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼


,❤️Utuun sinbirroo ta'ee
🍀baallees qabaadhee
🌹balali'ee dhufe sibira
qubadhe ati waadaanaaf gallaan
✅utuun si dhuunfadhee
🟣atimmoo maal jettaa
🤼‍♂gaaffiin si gaafadhe?

http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0


Jaallachuu keen Dura qabxiilee gadii kana sirritti itti yaadi

1,Maalif Akka jaallattu beeku qabda. Maaliif akka jaalattu hin beektu yoo ta'e hanguma haalli siif hayyame deemtee addaan kutta. Kun immoo isin lamaan keessaa nama miidhu qabaachuu danda'a. Onnee madoofteen boor jaalala biraa keessummeessuun ni ulfaata waan ta'eef, jaalala baqachaa umurii gaa'eelaaf itti gammaduu dandeessu of jalaa qisaasessuu dandeessa. "Kan bofa arge maagaa dheessaa" jedha Oromoon.
2, Eenyuun akka jaalattu beekuu qabda. Jaalalli nan jaalladha jedhanii sammuu ofii amansiisuutin murtii kennuu dha waan ta'eef nama barbaade sitti harkisuu danda'a. Haala fi miira yeroo murtaa'en nama boor waliin itti fufuu hin dandeenye harkatti yoo kuftee achii kaatee nama biraa jaallachuufi bultii ijaarrachuuf humna dhabda. Jireenyaa fi qulqullummaa kee illee akka tasaa dhabuu waan dandeessuf ija jabaatte Bultoo ijaaruuf si rakkisa. Waan gaaffin jaalala siif dhiyaatef qofa tole hin jedhin. Eenyu dha ati jedhii gaafadhu. Namni hundumtuu kaayyoo dhugaaf nama hin jaallatu.
3,Hanga yoomiitti akka jaalattu tilmaammachuu qabda. Nama kan jaallatan hanga du'aatti ta'uu qaba. Jaalala onnee kee keessatti waan agarteef qofa hin keessummeessin. Diddee of morkachuu dandeessa. Eessa yoon ka'en hanga dhumaa waliin deemu danda'a kan jedhu deebi gaaffii jaalalaf ati laattu dursuu qaba. Namoonni baayyeen hanga qulqullummaa isaani dhabanitti qofa wal jaallatu. 1sam. 13:1 irraa kaasne yoo dubbifne Amnoon namni jedhamu Taamar obboleettii isaa hanga bira ga'ee durbummaa ishee balleessutti qofa jaallate, erga bira ga'ee booda gadi narraa baasa ,ishee arguu hin barbaadu jedhee iyye.
4,Jaalala simachuu fi geggeessuuf qophaa'aa ta'uu kee beeki. Kun ga'umsa qabaachuu ilaallata. Waan utuu hin beekin ijoollummaatti goote boor gaafa of hubatte si gaabbisiisuu danda'a. Amala badanii mana jibbuu fi amanamummaa wal irraa dhabanii shakkiitin wal gugguubaa jiraachuun waan utuu hin beekin ijoollummaatti dogoggoran irraa madda. Bulchina godhadhu.

5, al tokko dogoggortee gaabbitee jirta yoo ta'e gochaa sana irra hin deddeebi'iin. Namni hundumtuu seenaa kee karaa sirrii hin taanen akka siif barreessu of hin godhin.kufaatii keef waaqayyoon araarfadhu. Midhaan namaa keessa gaafa tokko qofaa yoo qaxxaamuran daandiin achiin jira waan ta'eef achiin namni deemu danda'a hin jedhamu. Deddeebi'anii kan keessa deeman yoo ta'e garuu karaa waan jedhamuuf namni hundumtuu elaa karaan achiin jira, achiin deemu dandeessu waliin jedhe midhaan keessa karaa baafachu danda'a. Karaan yeroo hundumaa irra deeman kan uummataa ta'a waan ta'eef. Kana immoo abbaama midhaaniitu of irra cufee qabiyyee isaa eeggata.


Qabxii 5ffaa kana mata duree biraatin itti deebina. Warri isanitti tole comment jalatti yaada keessan naaf barreessa, Eebbifama!

http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0
http://t.me/+6S551Y0Vx_c2ODk0


Waada waliif gallee teenya!
💘💘💘💘💘💘💘💘💘
Jechoonni kun  baayyinaan naannoo garee waliin waaqeffatani ykn waliin tajaajilan keessatti baayyata.

Sababiin isaas akka yaada isaanitti warra cubbuu baqatan waan ta'aniif afaan warri biyya lafaa ittin gaaffi jaalala waliif dhiyeessanin wal gaafachu sodaatani jecha safuu fi eyyemama fakkaatu kanan fayyadamani akka wal jaallatan walif ibsuu yaadaniiti. 

Kallattidhaan sin jaalladha waliin jechuun waan itti ulfaatufidha. Tarii dudduubni isaa kufaatif akka isaan saaxilu beeku dhiisu danda'u.Gareen waliin hin waaqeffanne ykn cubbuu hin sodaanne kana jechuun waarri amantii keessa jiraniif sodaa hin qabne yeroo barbaadanitti waan barbaadan raawwatani, akka fedha isaanitti nama barbaadan jijjiiranii walin jiraachuu waan danda'aniif jecha waada walif galla jettu kana baayyee hin  fayyadamani. Tarii Fedhi nama amantii isa eeggatu tokko beekani itti fakkeessutin maqaa waadatin qabachuudhaf ykn gowwomsuudhaf ni fayyadamu ta'a. Inni iyyuu waada sobati.
🤼‍♂🤼‍♂🤼‍♂🤼‍♂🤼‍♂🤼‍♂🤼‍♂🤼‍♂
Waada waliif galuun seera kan eeggate miti taanan adeemsa biyyi lafaa gootu irraa adda miti. waada da'oo taasifatani alalummaadhaf kan saaxilaman dargaggoota danuudha.Waada waliif gallaan Kun yeroo baayyee eyyema sobaa baafachuudha.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Namoonni waada yeroo isaa fi adeemsa isaa hin eeggannen milkaa'an muraasa. Yeroon itti waada walif gallaan dhiyaatu yeroo itti gaa'ela raawwachu hin dandeenyedha. Waada dhan teenyan kun jarri lachuu gaa'ela irraa fagoo akka jiran ni mullisa. Sababiin isaas gaa'elaaf ga'aniiru taanan seera qabeessan wal kaadhimmatu malee waada walif gallee teenya kan jedhu maaltu fidare?"""teenya" kan jettu kun amma yoomitti? Kan jedhutu akka isaan gaa'elatti hin dhiyaanne mullisa. Gaa'ela bira ga'uuf karaa dheeran waan isaan hafuuf deemsa dheera kana keessatti gufatani kufuun jiraa laata kan jedhu sodaa kooti.
🏃🏃‍♂🏃🏃‍♂🏃🏃‍♂🏃🏃‍♂🏃‍♀‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍♀‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️🏃‍➡️
Itti yaada yoom akka deemsa gaa'ela eegaltan tilmaammadha. Karaa dheera deemun dadhabbi qaba.
Waaqayyo nu haa gargaaru!


Yaada fi gaaffi dhuunfa yoo qabaattan👉@GAAFFIFDEEBI gadi tuqxani yoo nuf barreessitan,iccitin isaa eegame isinif deebiya.


Gaa'elli Warra Ga'aniif Dirree Gammachuu dha malee Ba'aa ulfaata miti.
Gaa'ela yeroo jedhamu dargaggoonni baayyeen ba'aa ulfaata godhanii ilaalu. Gaa'elli kiristaanotaaf eegdu jireenya Gonfituu galaa booriti. Hundeessa fi abbaan mul'ataa Gaa'elaas ulaaga baase kan ittin itti si galchudha malee,akkuma akka feetewwani akka feenetti itti seennee kan keessa baanu miti. Ulaagan gaa'ela si dabarsaa fi si kuffiisa utuu hin bariin hin sodaatin. Waa'e Gaa'elaa baruun iyyuu bu'aa guddaa qaba. Itti dhiyaadhu qoradhu. Ulaagichiis kan utuu ati hin beekin geggeessan kee ittin si geggeessudha. Yoo amanatte jirta ta'e siif ta'a. Akka feetewwan as lixani yoo ta'uu dide ba'ani achi lixuuf mirga guutu qabu. Sababiin isaas geggeessama isaanitu akkasi. Ati eyyema akkasi wan hin qabnef kan kee qofaa irratti xiyyeeffadhu siin jenna. Ati shaqaxa shaqaxii nagadda utuu hin taane mi'a gati jabeessa tokko qofaa daldaluuf eyyema qabda. Kana gochuuf immoo waa'ee gaa'ela gadi fageenyaan baruun isa jalqabaati.

Erga itti aanu argachuuf share waliif godhaa amilee nuuf ta'a. Isiniif barreessuf qophiidha.

http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala
🍀🍀❤️❤️🍀🍀☘☘☘☘


Gaa'elaa fi yeroo!!!!

Yeroo shamarreen tokko waggaa 24 gadi ta'e carraan heerumuu ishee % 75 ol ta'a .

Yeroo shamarreen tokko waggaa 25 hanga 29 gidduu jirtu carraan heerumuu ishee 50% ta'a.

Shamarreen waggaa 30 yommuu guuttu , carraan heerumuu ishee 25% dha .

  Garuu,

Dhiirri tokko yeroo waggaa 25 gadi ta'u carraan fuudhuu isaa %25 gadi ta'a!

Dhiirri tokko waggaa 25 hanga 29 yeroo ta’u, carraan fuudhuu isaa 60% ta'a!

Dhiirri tokko yeroo waggaa 30 ol ta'u immoo carraan fuudhuu isaa %80 ta'a!

Durboonni istaatiksii kana yoom hubatu?   Durboonni umurii dargaggummaa isaanii qisaasessu akka hin qabne qorannoon tokko ni ifoomsa.

Umuriin dhiiraa akka wayinii dha! Kan Dubartootaa garuu akka aannaniitti jedha qorannichi.

Yeroo ofiitti fayyadamuun gaariidha jechuudhumaaf.

Isin maal jettu?

(Likkee doctoree guddaa galatoomj)
http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala
http://t.me/ogeetti_jaalala


Bu'aa Qormaata exit-exam warri eegdan Bu'aa isin gammachiisu akka isiniif ta'uun isiniif hawwa!👇👇👇👇👇linki kun banaa waan hin jirreef hin muddamiina! Obsumaan eegaa!!!! result.ethernet.edu.et
👇👇👇👇👇👇👇👇
http://t.me/ogeetti_jaalala


3, ❤️Haadha manaa ogeetti.❤️

Haadha manaa gaari akkasumas dubartii gaaridha. Hawaasaf, firaaf alagaaf akkasumas abbaa manaa isheef gaaridha. Ogummaatin mana ishee bulchiti. Yaada hamaaf iyyuu deebi gaari waan laattuf manni ishee gabiitti jiraata.
Ogummaa ishee keessa kan ba'ee mullatu:

1, amala abbaa manaa ishee beekti. ni  kabaji. Ni kabajii jechuun amalli sun gaaridha jechuu miti. Hamaas ta'uu gaari amala isaa dandeesse karaa gaari jiraachisti., amala badaa isaaf qoricha isaa beekti.

2, yeroo marii abba manaa isheef mijatu beekti. Dhiiraf yeroon hundumtu haadha manaa isaa waliin mariyachuuf isaaf hin mijatu. Yeroo baayyee dhiirri Yaada dhiyaatu tokkoof deebi nagaa kennuuf ykn marii milkaa'aa taasisuf miirri inni keessa jiru murteessadha.
Fkn
👉bakkeetti ykn biirootti nama biraa walin wal lolee ykn aare yoo gale dafee maati osaaf saganta marii hin dhiyeessu.
👉Beelaye ykn dadhabee yoo gale amma nyaate boqotutti mariif eyyemama hin ta'u.
👉Ciisichi ykn wal qunnamtin gaa'elan hin gammanne yoo ta'e mareef karaa hin laatu.

Yaaduma guddaa fi ulfaata ta'e akkasumas dhimmi sun isa ilaallatu yoo ta'e iyyuu yeroo itti hin tolle sanatti "ano hin beeku" jedha, ykn jalaa callisa. Yeroo kana immoo yoo miira isaa hubatte malee haati mana jeeqamte lola biraa kaasu dandeessi.
3,......
http://t.me/ogeetti_jaalala


Itti fufa


Haadha manaa Ogeetti!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Dubartoonni baayyen dubarti gaari dha malee haadha manaa gaari miti.
Dubartonni haala jireenya isaanitin:
1, Dubartii Gaari qofa
2, haadha manaa gaari qofa
3,dubartii gaari; akkasumas haadha manaa gaari.
4, haadha mana gaaris dubartii gaaris kan hin taane.
Ta'anii jiraatu. Qabxii madaalli kana hawaasa fi abbaa manaa isaani biraa qabu.
🛌🛌🛌🛌🛌🛌🛌🛌🛌
1👉Dubartii gaari qofa. Dubartii gaarii qofaa kan jennu, hawaasa naanno isheetin qabxii madaallii isheef galmaa'eenidha.

🙌🙌🙌🙌 Bakkee keessatti kan akka ishee hin jiru. Hawaasa  naanno ishee keessatti jaallatamuudhaf baayye dhamaati.
😩Mana keessa immoo abbaa manaa abidda irra keesse buddeena itti bilcheessiti.
😌Boqonnaa malee jiraachifti. Mullatee Dubbi ta'ee jaarsummaatin akka hin hiikamne jallinni ishee irratti beekamuu dhiisu danda'a.
😂Yoo barbaachisaa ta'e ijoolle ishee of duuka buuste abba manaa ishee acuucci.
🤭Kabaja hin laattuf,
😂akka ijoollen abbomamanif hin gootu,abbaa gaari miti jettee ijoolle isheetti himti.

😂ollaattis ta'u hawaasa keessatti maqaa isaa kaasu hin barbaaddu.
👴utuu isheef danda'amee hooggansa maati fudhachuudhaf waan hundumaa dura fiigde murteessu yaalti.
👎👎👎Dubartiin akkasii haadha manaa gaari miti. Garuu akka iddii bakkeedhaan qofa waan bareedduf hawaasa keessatti dubarti gaari jedhamu dandeessi. Hiddii bakkee malee keessi ishee bareeda miti. Abbaan manaa ishee garaan isaa gubachuu irra darbee,  hiriyaa isaa kan baayye jaallatutti boo'e hamma ishee himatutti miidhamee jiraata. Isheen akkasi kun haadha manaa ogeetti miti.
🙅🙅‍♂🙅‍♂🙅🙅🙅🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅🙅🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅🙅🙅

2, haadha manaa gaari qofa. Isheen kun abbaa manaa ishee qofaaf gaaridha.  Namni biraa isheef waayyu miti. Fira jaallachuu fi rakkoo isaani qooddachun isheedhaaf ba'aa ulfaatadha. Yoo barbaadde fira abbaa manaa iyyuu loltee of irraa faccisuuf hin saalfattu. Hawaasni naannoo ishee qucaacummaa ishee kana irratti waan beekaniif, waan baayyee irraa hin abdatani. Yoo abbaan manaa firaaf waan gaari tokko godhe abba manaa ishee ni adabdi.mana isheef dhama'achuu ni jaallatti. Jireenya hawaasummaa baayye hin qabdu. Namoonnis kan waliin jiraatan ishee jaallatanii utuu hin taane sodaatani ykn abbaa manaa ishee kabajanii ta'uu danda'a.Abbaan manaa ishee nama biraaf ykn maati isaaf illee  garaan isaa jibbaan akka guutu jechoota dubbii kaasan dudubbachuu ni jaallatti. Jibbaa uumudhaan baayye gammaddi. Isheen kunis haadha manaa ogeetti miti.

3,

Itti fufa


Tole mee waa'ee haadha manaa Ogeettii waan xiqqoo erga ilaalle booda itti deebi'an!http://t.me/ogeetti_jaalala


6, irra deddeebi'ee waan ati hin qabneen si jajuu ykn ol si kaasuu baayisa yoo ta'e,  sayikolojii jaalalatin si bituu yaadeeti itti yaadi. Manni ashawaa fi simmintoo qulqulluu hin taaneen ijaarame dafee jiga. Biyyoon ashawaa keessa kanaaf miicama. Namichi miicamuu qaba.
7, Waa'ee waan tokkoo irratti kan harra sitti aasa'e yeroo biraa immoo hirraanfatees haata'u bareechuuf jedhe jijjiiree yoo sitti haasa'e sobaan si burjaajessuu barbaadeeti, akeekkadhu......

Itti fufa

http://t.me/ogeetti_jaalala


OGEETTI:
Waan si jaallatu fakkaata!

Fakkaata jechuun ta'eera jechuu miti. Namoota baayye yeroon ilaalu waan tuubboon jaalala qaama isaani hundumatti godhame fakkaatu. Miira daqiiqa muraasa fayyadamanii sin jaalladha namaan jedhu. Miiraan oogganamnaan sin jaalladha jechuun hin barbaachisu sin fedhe ykn sin barbaada jechuudha malee. Jecha sin jaalladha jedhu bakka galuu hin mallee galchanii jaalala waan burjaajessaniif  namoonni dhugaadhan nama  jaallatan yaada isaani ibsachuudhaf baayyee rakkatu.namoonni akkasii Rabsitoota jaalala fakkatani nama ija isaaniitti tole hundumaa hawwaa fi jechaan burjaajessa jiraatu. Gama kanaan kanan baayye komadhu dargaggoota dhiirati. Shamarranis waan dhiirri dubbate akka sagalee waaqatti waan amananiif yakka raawwatame kana jalaa bilisa jechuu koo miti. Boor gaa'ela ijaarte akka jiraattu beekun harra dirree gaa'ela seeni bara eeggadhu jechuu miti. Dirree gaa'ela seenani itti jiraatu malee bara gaa'elaa eeggatu miti.

Hanqaaquun ykn killeen yeroo ilaalan ni bareeda, yoo bilchaates ni miyaawa. Lafa bu'ee yoo cabe garuu irratti tufanii bira darbuu malee ijaan iyyuu ilaaluf namatti hin tolu. Garaajis hin qabu. Yaa Shamarree of eeggadhu! Yeroo baayyee dhiirri gaaffi jaalala yeroo siif dhiyeessu dafe gara yaada kee kan dhufu gaa'ela akka ta'e ani iyyuu beeka. Innis yeroo si gaafatu akka waan harra si fudhatee galuutti jechoota si amansiisan walitti qindeesse sitti hima. Akka waan guyyaa gaa'elaa qabate si bira  dhufeetti muddame yeroo si muddu dhugaa sitti fakkaate tole jechuu dandeessa. Erga ati tole jettee immoo sababa funaanuutin si amansiisuu fi of jala si oolfachuu jalqaba. Miilake jala taa'ee si kadhate erga ati tole jettee immoo qolee kee irra taa'ee si bulchu amala dhiira isa dhokataadha. Gaaffi dhiirri si gaafatu keessaa Gaa'elli mata duree ta'ee dhufa taanan dhaabadhu itti yaadi. Deebi ofii kee isaaf kennitun milkaa'uu fi miidhamu kan si dandeessisu bakka ati jirtu dha. yeroon isaa siif yeroo ati gaaffi kana deebisuuf ga'umsa qabdu miti yoo ta'e miidhamu dandeesssa. Baayyeen ijoolle shamarrani warri umuriin bilchaato hin taane gaaffi jaalala maalin deebisu beektu? Gochaa dhan deebisu. Gaaffiin jaalala eyyee ykn lakki tin deebi'a malee......

Leave commen kan jedhu tuqxani yaada naaf laachu ni dandeessu
Galatooma.
Itti fufa.

http://t.me/ogeetti_jaalala

Akeekkadhu!

Waan si jaallatu fakkaata kutaa 2ffaa , ammas shamarraniif

Hariiroo jaalala jalqabuuf yeroo jettu dhiira:

1, yeroo kan  siif hin laanne, akkuma sin wal bareen ykn gaaffi jaalala sif dhiyeessen ariifate si mudda yoo ta'e, miiraan oogganama jira ykn hinaaffaa ykn na darbuu hin qabdu yaada jedhu keessa jira ta'a. kanaafu Yeroo tasgabbaa'u fi harka keessa si galfatu si dagachuu fi filannoo biraa deemuu waan danda'uuf daftee hin kufiin. Namni akkasii suusi shamarran aasofsiisu qabaachuu danda'a. Adda baafadhu!

2, yeroo hundumaa ol of kaasuutin qabeenya isaa,maati isaa, fi hiriyoota isaa sitti dhaadata yoo ta'e, maatin koo waada naaf galaniiru waan akkasii naf kennuuf,waan akkasii immoo naf bituuf jechaa jiru jechuu jaallata yoo ta'e, akka waan si bitachaa jiruutti ykn kana irraa hin haftu jedhuutti yaada jira ta'uu danda'a. 
3, gaaffi jaalala sii gaafateef da'ootti wal agarree waa raawwachuutin deebi waliif laanna jedha yoo ta'e, deemsa gaa'ela isa sirrii irraa waan maqeef akeekkadhu. Da'oon daana'oo shamarraniiti.

4, amma adeemsa jaalala jalqabne adeemsa keessa gara gaa'elaatti dhufna jedha taanan akeekkadhu, Gaa'elli yaali keessa milkaa'a utuu hin taane mirkaneffatte fi milkeeffatte itti galta. Ati nama yaali jaalala irratti geggessan miti.

5, tajaajilaa ykn nama waaqayyoo fakkaatee raajummaa fi lallaba sitti baayisa dhufa yoo ta'e, adda baafadhu, Gaa'elli raajummaan hundeeffame baay'een hin jiru. Waaqayyo jalqabatti waantota baayyee "kun haata'u" jedhee uume. Fknf ifni haata'u jedhe. Kun sagalee raajummaati, garuu nama itti yaade harkaan hojjete. Yewaanin gaafa tolches sagalee itti baasu wallaalee Addaamin raffisee irraa tolche miti. Gaa'elli adeemsa mataa isaa danda'e qaba.


Rakkoon nama kana maalidha jettanii yaaddu?




☘🍀🍀Manaa fi badhaadhummaa abboota irraa in dhaalu, haati manaa hubattuun garuu kennaa Waaqayyoo ti.❞
Fak. 19: 14
http://t.me/ogeetti_jaalala
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

20 last posts shown.