Mee ija kee lachuu dunuunfadhuu(gudunfadhuu) kaleessa kee ilaali. Maaltu sitti dhagahame? Ammas mee ija kee lachuu dunuunfadhuu borii kee ilaali.Amma hoo maaltu sitti dhagahame?
Kaleessa kee ilaali kan siin jedheef, akka ati boodatti deebitee kaleessa keessa jiraattuuf miti.Madaa kaleessaa sitti kaasuuf miti.Borii kee ilaali kan siin jedheefis akka ati har'aa kee dagattee boriif dhiphachaa jiraattuuf miti.
Kaleessaaf hin yaadda'in; kaleessi darbee jira! Boriif hin dhiphatin; bori hin dhalannee!"Kaleessaaf gaabbuu fi boriif dhiphachuun guyyaa har'aa of jalaa balleessuudha" akkuma jedhamu, kaleessatti gaabbitee, boriif dhiphattee guyyaa har'aa of jalaa hin balleessin.Ammas mee isa dhumaa ija kee lachuu walirra buusii har'a kee ilaali.
Eessa jirta? Maal qabda? Maal hojjachuu dandeessa?
Ammi hiree jireenya keetii akka murteeffatuuf yeroo siif kennameedha.Yoo beektee itti fayyadamte icciitiin milka'innaa guddaan amma keessa jira.Kana jechuun, wanti ati ta'uuf gara fuulduraatti hawwitu amma keessatti dhuunfatamee jira. Guddachuunis, xiqqaachuunis, duroomuunis, hiyyoomuunis, ulfaachuunis,salpbachuunis....Kanaafuu, kaleessa keessa hin jiraatin. Irraa baradhu malee. Boruuf amma boqonnaa haaraa jalqabi milkaa'uu ni dandeessaa.
Walumaa galatti Harri yeroo hiree fuuldura keenyaa itti bocannee boca qabsiifannuudha!