Namni tokko irra deddeebi'ee waa'ee amantii isaa as irratti dubbachuu fi gara amantichaattis nama waamuun isaa waan nama jeequ ta'uu hin qabu. Nama ta'etu Kiristaana ykn Musiliimadha haa jennu. Lachuu du'a booda jireenyaa fi adabbiin bara baraa akka jiru ni barsiisu. Namni sun ammoo wanti kun dhugaadha jedhee amana. Ati wantichi dhugaa ta'uu isaa amanuu fi dhiisuun kee waan biraadha namni sun garuu garaa guutuu amana!
Yoo karicha hin hordoftu ta'e, galgalli kee dukkana dhuma hin qabne ta'uuf akka jiru osoo amanuu, gara karichaatti sin waamu yoo ta'e, inni nama akkamiiti? Namni jaalala siif qabu tokko, karaa badiisaa hamaa sanarra akka ati jirtu osoo amanuu, callisee akkamitti dhiisa? Situ wanta sana amana haa jennu karaan namni ta'e tokko irra jiru gara iddoo dukkanaa sanatti akka geessu ni amanta. Sana erga amantee, nama sana ni jaalatta taanaan qajeelchuuf hin dhimmituu?
Akkaataan dubbannaa isaanii tuffii of keessaa yoo qabaate, dhiyeessiin isaaniis bakkaa fi yeroo toluu yoo baate, mufannaa uumuun isaa hubatamaadha. Sanaan alatti garuu social media kana irrattis ta'e, iddoo kaanitti waa'ee fayyina isaanii dudubbachuu fi gara amantaa isaaniitti namoota affeeruun isaanii warreen amantaa sana hin hordofne aarsuu hin qabu. Yeroo hundas ta'uu baatu, akka agarsiistuu jaalalaatti ilaalamuu waan danda'uudha. Bakka nama biroo bu'anii haalota ilaaluu baruun gaariidha.