Namni tokko kadhaaf Gara mana amantaa kan deemuu yoo ta'e karaa kamiinuu kennaa uumaarraa hinbqooddatu.Namni Gara mana amantaa kan deemu Kennuuf ykn Arjoomuuf yoo ta'e Garuu ammuma laatuun argata.
Deebii Waaqarraa kan hin arganneef manneen Amantii Gara mana Kadhaatti waan jijjiirree fixneefi.Kanaafi Kadhaan keenyalle soba kan ta'uuf. Nuti Kadhaaf male Galatoo ykn arjummaaf miti kan deemnu.
Osoo hin Arjoomin, Arjummaa uumaa akkamiin eegna?
Yeroo kadhachuu deemnu uumaaf osoo hin taane waan kadhannuuf bakka laataa jirra malee Uumaaf miti. Namicha Tokkotu Gara koo dhufee "Kana Dura waaqatti hin amanu, amma garuu nan Amana." naan jedhe.
Anis " Gaaffiin kana dura gaafatte siif dhagahameen?" jedheen.Innis, akkamiin akkan bare na gaafate.Anis "Fuula kee yeroon ilaalu waan Gara waaqaatti dhiyaatte fakkaata, garuu Deebii muraasa akka siif deebi'etu natti mul'aten." jedheen.
Innis "Eeyyeen, Mucaan koo ji'a tokko keessatti hojii hin argatu taanaan akkan Waaqatti hin amanneef mormuun dubbadhe, waaqattis dhaadadheen ba'ee. Amma Garuu Mucaan koo hojii argateera." jedhe.
Waaqa osoo hin taane namichaaf Hojii Mucaansaa argachuutu bakka qabaaf jechuudha. Osoo Mucaan isaa hojii hin argannee waaqni isaaf homaa miti. Waaqni faayidaa dhaba, waaqni isaaf ni tuffatama. Gara mana amantaa kan deemnu fedhiin keenya akka guutamuuf malee arjoomaaf miti jechuudha.
Egaa kanarra adda ta'uu Qabna, Garas kan deemnu arjummaa Kennuuf malee kan biraaf ta'uuf hin qabu.