Rakkoon Liverpool waan dhuma hin qabneedha!
Taphattoonni Liverpool Amma qabu hedduun isaanii taphattoota sadarkaa Kilaboota birootti morkachuu danda'anii miti,
jechuun koo Akka Fakkeenyatti,
1ffaa Sarara Jidduu yoo kaasnee taphataan Kubbaa qabatee haala barbaadamuun taphattoota Sarara fuulduraatiif Kennu 000 dha. Yaadattu yoo ta'e urjii kilaba keenya duraanii Faabinhoo (3) kubbaa dabarsuu, goolii lakkoofsisuu fi kannen hedduu qaba ture sun yeroo amma kana hin mul'atu amma ta'allee Maakalistar goolii ni lakkoofsisa akkasumas carraa goolii ni uuma.
2ffaa Ittisa irratti Kallattii tokkorraa taphataan tokko yoo miidhame namni bakka bu'u hin jiru.
3ffaa Sarara fuulduraa irratti Taphattootni Liverpool qabu Taphoota Murteessoo irratti yoo Mohamed Salah 'n galche malee galchiin biraa hin argamu.
4ffaa Abbootiin qabeenyaa Liverpool Namoota Investment Kilabichaa irratti bu'aa kilabaaf hin bobbaane ta'uu dhabuun Liverpool gaafa Kilaboota garee guutuu bal'dhaa qaban waliin taphatu Akka rakkatuuf sababa ijoodha.
Walumaagalatti, Liverpool waqtii jijjiirraa gannaatiin Sarara ittisaa fi Jidduu irratti Taphattoota hin fidatu taanan hedduu ulfaaatadha.
Dhugaa dubbachuuf, yoo ta'e Liverpool Bara sadarkaa Amma irra jiru kana Akka gahuuf Qoodni Mohamed Salah waan salphaa hin turre.
Mee Deeggartoonni Liverpool maal jettu?
Liverpool gaafa Kilaboota Squad bal'dhaa qaban waliin taphatu Maaliif rakkata jettu?
[ SHARE |
@Oroliverpool12[ SHARE |
@Oroliverpool12 ⇲